Seenessa: Guddina dizaayinii faashinii fi industirii keessatti gahee koo gumaachuuf  hojjachaan jira: Dizaayinara Faashinii Lalisee Mulugeetaa

Lalisee Mulugeetaa jedhamti. Dhalattee kan guddattee Horro Guduruu Wallaggaatti. Dizaaynarii uffataa taatee magaala Shaggar aanaa Burraayyuutti hojjachaa jirti.

Maqaan koo Lalisee Mulugeetaa jedhama. Kanan dhaladhee guddadhe godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Abbayyii Coomman magaalaa fincaa’aatti dha. Industirii faashiniitiin ummata koo tajaajiluu nan barbaada. Guddina dizaayinii faashinii fi indaastirii keessatti gahee koo gumaachuuf hojjechaan jira.

Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa koo Mana Barumsa Fincaa’aa Sadarkaa Tokkoffaa fi Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Fincaa’aatti ergan hordofee booda gara Jimmaa imalee achitti mana barumsaa jalqabeen kolleejiitii ogummaa Narsiitiin eebbifame.

Erga barnoota koo Narsii xumure fi eebbifamee booda gara Finfinnetti deemeen barnoota ogummaa faashinii dizaayinii fi dizaayinii huccuu aadaa tokko tokko fudhadhee dizaayinii aadaa fi faashinii hojjechuu jalqabe. Sana booda magaalaa shaggar aanaa Buraayyuutti faashinii fi dizaayinii uffataa aadaa hojjechuun eegale.

Jaalala ijoollummaa kaasee faashiin dizaayiniif qabdu

Yeroo ijoollummaa kootii kaasee fedhii guddaa aartiif qaban ture. Artii keessaa immoo fedhii hojii dizaayinii huccuu hordofaan ture. Yeroon guddachaa deemu uffata dizaayinii hojjechuuf fedhii guddaan qabaachaan dhufee. Akkuma beekamu industiriin faashinii barootaaf dargaggoota hawwataa fi kakaasaa kan turee dha.

Hojiin kee yeroo fudhatama argatu, namoonni uffatanii fi itti fayyadamanii yeroo argitu immoo si gammachiisa. Yeroo sirna gaa’elaa, ayyaana muuziqaa fi uffata aadaa dizaayinii yeroo hojjettu si gammachiisa. Dizaayinara faashinii ta’uun namoota faana carraa wal baruu sii uumma, dizaayinara faashinii ta’uun qaama aartii waan ta’eef hojiin aartii si gammachiisa. Fedhiin dizaayinii kee akka dabaluu fi jaalatu sii godha.

Adeemsa keessa haadha koo dizaayinii uffataa aadaa irratti hojjettu hordofaa ture. Sochiin haadha koo na kakaase, uffata aadaa akkan hordofu na  taasise. Kana booda dhaabbata ‘dizaayinii Lali’ jedhamun hundeessee, dizaayinii uffata aadaa fi faashinii hojjachuu jalqabe.

Kalaqa dizaayinii haaraa

Fedhii mamiiloota koo beekuuf, yeroo hunda hojii namoota biroo yookaan wantoota dizaayinii wajjin hariiroo hin qaban jedhamanii yaadaman irraa kaka’umsa barbaada. Akkasumas, taateewwan akka sinimaa, suuraa, arkiteekcharii fi uumamarra iddoo dizaaayinii itti  jalqabamu gaarii dha. Itti aansuudhaan, wantoota kana irratti hundaa’uun kalaqa mataa keetii uumuuf si gargaara.

Yeroo faashinii hojjettu fedhii maamilaa hubachuu qabda, akkasumas yeroo tokko tokko bocuudhaan faashinii hojjechuu ni dandeessa. Dizaayinii duraanii irratti hundaa’uun dizaayinii haaraa hojjechuu nan danda’a, akkasumas bocaa fi dizaayinii haaraa hojjechuudhaan. Addunyaa har’aa keessatti gara industirii addunyaa kan dizaayinaroonni faashinii, oomishtoonni fi daldaltoonni hundi waliin ta’uun fedhii maamiltootaa guutuuf hojjatanitti jijjiirameera. Adeemsa kanaan gahee koo industirii faashinii gumaachuuf hojjachaan jira.

Artistootaa fi weellisoota wangeelaaf faashinii dizaayinii hojjedheera

Waa’ee hojii keetii yaada gaafachuun sodaachisaa ta’ee sitti dhaga’amuu danda’a, yaada namootaa irraa fudhachuun natti tola sababiin isaas ilaalcha adda addaa naaf kenna. Akkasumas hojii kee irraa deebitee akka ilaaltu yeroo siif kenna, ija haaraa qabadhee akkan deebi’u na dandeessisa.

Namoota hunda xiyyeeffadheen hojjedha muuziqeessitootaa fi weellisoota wangeelaaf hojjedheera. Waltajjiidhaaf, viidiyoo muuziqaaf hojjedheera kunis viidiyoo sirbaa fi kan amantii ta’ee dha. Luba Ballina Saarka, fi weellisaa wangeelaa Boonii Waaqjjiraa fi kanneen biroof dizaayinii hojjedheera. Akkasumas muuziqeessaa akka Leencoo Gammachuu, Dinqisaa Dabalaa, Falmataa Kabaddaatiif faa hojjedheera.

Ogummaa dizaayinariin tokko qabaachuu malu

Dizaayinaroonni faashinii adeemsa kalaqaa hunda kan meeshaalee uffata uumuuf deemu irraa kaasee hanga wantoota uffata xumuruuf barbaachisan baruu fi to’achuu qabu. Dizaayinarri faashinii tokko akka hubannoo kootti dandeettii jaha barbaada isaanis dandeettii kalaqa, dandeettii walqunnamtii gaarii, faashinii yeroo ammaa beekuu fi hubachuu, dandeettii murtee kennuu horachuu fi gabifachuu, miira hubachuu fi dandeettii Aartii dha. Hojii dizaayinara faashinii hojjechuuf ulaagaan barbaachisu wantoota kana jedha.

Tokkoffaa, kalaqa dha; dizaayinaroonni uffata hojjetan adda akka ta’uuf yeroo hunda malawwan jalqabaa fi kalaqaan guutaman baasuu qabu. Dizaayinaroota uffata aadaa fi faashiniitiif kalaqni utubaa dha. Dizaayinaroonni faashinii huccuu, bocaa fi halluu adda addaatiin hojjetu. Yaadni isaanii adda ta’uu qaba akkasumas istaayilii kan qabu ta’uu qaba.

Lamaffaa, dandeettii walqunnamtii gaarii qabaachuu barbaada. Dizaayinaroonni maamiltoota isaanii faana hariiro gaarii qabaachu qabu. Hojii isaanii, kaayyoo isaanii fi waan isaan irraa eegamu nama mul’ata isaanii dhugoomsuu keessatti hirmaatu hundaaf ifa gochuu qabu. Yeroo hunda barachuu, obsaa qabaachuu fi qeeqa fudhachuu danda’uu qabu.

Sadaffaa, faashinii yeroo ammaa beekuu fi hordofuu, dandeettiin faashiniin haaraan maal akka ta’u tilmaamuun dizaayinii haaraa irratti hojjachuun, hojiin isaanii sadarkaa olaanaa akka qabaatu isaan gargaara.

Afraffaa, miira hubachuu; ija huccuu fi halluun kam dizaayinii kam faana akka deemu baruun baay’ee barbaachisaa dha. Dandeettin kun immoo dandeettii dizaayinaroonni hundi barbaadanii fi qabaachuu qabanii dha.

Shanaffaa, dandeettii murtee kennuu horachuu fi gabbifachuudha. Yeroo baay’ee gareen waan hojjetaniif, dizaayinaroonni faashinii yaada hedduudhaaf saaxilamu kanaafu yaada kam dizaayinii isaanii faana akka deemuu fi hin deemne addaan baasanii beekuuf, dandeettii murtee horachuu fi gabbifachuu qabaachuu qabu.

Jahaffaan dandeettii aartii qabaachuudha. Yaada isaanii haaala bu’a qabeessa ta’een mul’isuuf dizaayinaroonni aartii bocuu gahaa ta’ee qabachuu qabu. Dizaayinariin uffataa beekumsa giraafikii guddaa qabaachuu qaba, akkasumas dandeettii giraafikii fayyadamuu qabachuu qabu.

Wantoonii amma kaasee kun namnii tokko industrii faashinii keessatti daandii milkaa’inaarra deemuuf wantoota barbaachiisanii dha jedheen fudhadha.

Odeeffannoo faashinii

Dizaayinaroonni faashinii meeshaalee hojii dizaayinii hojjachuuf barbaachisan baruu qabu.

Warri dizaayinara faashinii ta’uu barbaadan toora qunnamtii industiriiwwan faashinii kan akka televiziyoonii, sagantaa agarsiisa faashinii hordofuu fi dizaayinarota faashinii irraa muuxannoo fudhachuu fi kolleejjii faashinii yookaan industirii keessatti hojjachuun yookiin leenjii fudhachuu qabu.

Rakkkoolee Faashinii dizaayinii

Akka ani hubadhetti rakkooleen sadii industrii faashinii keessatti ni mudatuu

Rakkoon jalqabaa warri uffata dhiyeessan baay’ee xiqqaa dha, akkasumas yerootti argachuun baay’ee nama rakkisa. Warri uffata tolchuu irratti hojjatanis rakkoo wal fakkaataatu isaan mudata.

Lamaffaa, daldalli faashinii tokko uffataa fi meeshaalee kalaqa faashinii hojjachuuf barbaachisaan argachuun xiqqoo ni ulfaata.

Sadaffaa, gatiin meeshalee uffata aadaa fi faashinii hojjachuuf barbaachiisan bituuf baasii olaanaa gaafatu. Akkasumas qaala’iinsi gatii uffataa qormaata biroo industirii faashiniiti.

Gorsaa faashinarotaaf

Dargaggoonni industirii kana keessatti makamuu barbaadan mul’ata qabaachuu qabu. Mul’ata qabaachuun sochii kamiifuu baay’ee barbaachiisaa dha. Mul’ata eenyummaa kan braandii ta’ee qabaachun baay’ee murteessaa dha.

Mul’ata isaanii galmaan ga’uuf leenjii fi koorsii dizaayinii faashinii tokko tokko fudhachuu qabu, akkasumas muuxannoo dizaayinarota biroo irraa argatan qooduuf qophaa’uu qabu.

Faashinii irratti waan bobba’aniif dizaayinii isaanii beeksisuuf ciminaan hojjechuu qabu. Guddinni kun miidiyaa hawaasaa fayyadamuun barruulee fi birooshara maxxansuu fi raabsuun raawwatamuu danda’a. Dizaayinii ofii beeksisuuf karaaleen hedduun jiru isaan fayyadamuun miidiyaa hawaasaa irratti braandii offi beeksisuu danda’u.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.