Oduu: Mari’attoonni mootummaa fi WBO “marii marsaa lammaffaatiif amanamummaa fi hamilee gaarii uumaniiru”: IGAD

Finfinnee Caamsaa 04, 2023 – Hogganaa olaanaa Abbaa Taayitaa Misoomaa Mootummoota Gidduu (IGAD) Dr. Warqinah Gabayyoo marii marsaa tokkoffaa bakka bu’oota mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Zaanzibaar Taanzaaniyaatti godhameen “bu’aa argametti’ gammadeera jedhe.

Dr. Warqinah Gabayyoo “bu’aa marii marsaa tokkoffaa kan Mootummaa Feederaalawaa Dimookraatawaa Itooophiyaa fi WBO gidduutti godhameen argame, keessumaa gareen mari’attoonni gameen lamaanii garraamummaadhaan mari’achuu eegaluusaaniittii fi amanamummaa uumuusaanitiin marii marsaa lammaffaatiif miirri gaariin uumamuusaatti gammadeera,” IGAD waaree boda kana Addis Standard’tti himeera.

Dubbi-himaan hogganaa olaanaa IGAD Nuur Mohammad Sheek gamtaan naannoo “carraaqqii qaamonni marii nagaa deemaa jiru kanarratti hirmaatan hundi godhan ni jaja, hamilees ni kenna; marii Itoophiyaanotaan hogganamuu fi gaggeeffamu kuni bu’a-qabeessa nagaa waaraa buusu akka ta’uu abdii ni qaba,” jedhe.

“ ‘Waajjiraalee gaarii’ isaa yeroo barbaadan kamiyyuu fayyadamuu kan danda’an ta’uu hogganaan olaanaa kuni qaamolee lameeniif mirkaneesseera,” jechuun Nuur Addis Standard’tti himeera.

Mootummaan Itoophiyaa marii qaamolee lamaan gidduutti torban tokkoof godhamuun Roobii goolabame kana yeroo ibsu “irra guddaansaa bu’a-qabeessadha” jedheera.

Haata’u malee, mootummaa fi WBO’n lammata mariidhaaf kan wal argan ta’uu kallattii haa kennan malee yeroo marii marsaa tokkoffaa kanatti waliigalteen irra gahame hin jiru jedhaniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan, “Irra guddinnni marichaa bu’a-qabeessa haa ta’u malee akka carraa ta’ee yeroo marii marsaa tokkoffaa kanatti dhimmoota tokko tokkorratti waliigalteerra gahuun hin danda’amne,” jechuun “rakkoo kana karaa nagaatiin furuuf itti fufiinsaan marii gochuun barbaachisaa ta’uu beeksisaniiru,” jedheera.

Tajaajilli sab-qunnamtii mootummaa mariin godhame “irra guddaansaa bu’aqabeessa” ta’us yeroo marsaa kanatti dhimmoota tokko tokkorratti waliigalteerra gahuun “hin danda’amne” jedheera.

ABO-WBO’n gama isaatiin, “dhimmoota gurguddoo tokko tokkorratti wal hubannaarra kan gahame ta’us akka carraa ta’ee dhimmoota siyaasaa murteessoo irratti waliigalteerra gahuun hin danda’amne,” jedheera.

Mariin kuni mootummoota Noorweeyii fi Keeniyaatiin kan mijeeffame ta’us IGAD qooda qaba ture. Marsaa marii kana keessatti qoodni Ameerikaan kallattiidhaan taphatte kan hin jirre ta’uu Addis Standard kan qulqulleeffate yoo ta’u Kibxata darbe garuu oduu marichaa simachuun “qaamoleen hundi furmaata waloorra akka gahan garraamummaa akka hirmaatan ni jajjabeessina” jetteerti.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.