Oduu: Itoophiyaan baankii biyya alaa shan ta’aniif eeyyama hojii laachuufi

Finfinnee, Caamsaa 04, 2023 – Itoophiyaan akkaataa karoora seektara faayinaansii gabaa alaatiif banaa gochuuf baafteen waggoota shanan itti aananii dhufan keessatti invastaroota biyya alaa shan ta’aniif eeyyama hojii baankii kan kennufu karoorfachuu qondaalli olaanaan baankii biyyaaleessaa tokko ibseera.

“Waggoota shan keessatti baankota sadii hamma shanii ta’aniif eeyyama hojii ni kennina,” itti aanaa bulchaa baankii biyyaaleessaa Salamoon Dastaatu jedhe.

Invastaroonni biyya alaa dhaabbata biyya keessaa wajjiin gamtaa’uun yookimmoo dhaabbata mataasaanii ijaaruun hirmaachuu kan danda’an ta’uu Salamoon addeesseera.

Murtee kuni kan dhufe erga mootummaan Itoophiyaa kan Abiy Ahmadiin hogganamu aangoo qabatee booda dinagdee Itoophiyaa kan mootummaan garmalee dhuunfatamee ture invastaroota dhuunfaatiif banaa taasisuu fi dinagdee walaboomsuuf dabarse hordofeeti.

Seekatarri baankii Itoophiyaa baankota biyya 29 kan kan qabu yoo ta’u baankiin abbaan qabeenyummaasaa kan mootummaa ta’e Baankiin Daldala Itoophiyaa seektaricha olaantummaa qabateera.

Invastaroonni alaa seektaroota baankii, telekoomii, geejjibaa fi daandii xiyyaaraa Itoophiyaa keessatti hirmaachuu barbaadan keessaa isaan ijoo dha. Karoora dinagdee kana walaboomsuu hordofuun Safaricom Ethiopia dhaabbata biyya alaa waggaa tokko dura gabaa teeleekoomunikeeshinii Itoophiyaa seeneedha.

Itoophiyaan biyya lammiilee miiliyoona110 olitti tilmaamamu qabduu fi biyyoota Sahaaraa gadii dinagdee guddaa sochoosan keessaa tokkoodha.

Madda: Reuters

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.