Oduu: Bulchaan baankii biyyaalessaa garee hoggantoota baankii Keeniyaa fi Morookoo wajjiin haala hirmaannaa fi gabaatti galuurratti mari’ate

Finfinnee, Caamsaa 05, 2023 – Bulchaan baankii biyyaalessa Itoophiyaa obbo Maammoo Mihratuu carraa tajaajila faayinaansii Itoophiyaa keessatti hirmaachuutiin walqabatee hoggantoota baankii fi faaynaansii Keeniyaa fi Morookoo wajjiin guyyaa kaleessaa mari’ate.

Bulchaan Maammoo dura taa’aa garee baankii daldala Keeniyaa qabeenyaan baankii lammaffaa ta’e KCB Andriiw Waambaarii wajjiin “haala hirmaannaa industirii tajaajila faaynaansii Itoophiyaarratti mari’achuuf” wal qunnamaniiru.

Akkasumas, bulchaan baankii biyyaaleessa bulchiinsa garee baankii fi faaynaansii Morookoo Garee Baankii Attirjaariwaafaa jedhamu wajjiinis  wal qunnamuu baankiin daldala Itoophiyaa ibseera.

Mariin bulchaan Maammoo Keeniyaa fi Morokkoo wajjiin godhe kuni kan dhufe erga bulchaa itti aanaa baankii biyyaalessichaa Salamoon Dastaa waggoota shanan itti aananii dhufan keessatti invastaroota biyya alaa “sadii hamma shanii ta’aniif” eeyyama hojii baankii kan kennamu ta’uu ibsee guyyaa tokoo booda ture.

Ebla bara darbe keessa gareen KCB “biyyaa Afrikaa keessaa baay’ina ummataatiin lammaffaa taatetti babal’achuu karoorfachuun liqeessitootsa Itoophiyaa keessaa qooda bitachuuf mari’achaa jiraachuu Bloomberg Ebla bara darbee gabaasee ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.