Oduu: Baqattoonni Sudaan kuma tokko ta’an guyyaatti gara Itoophiyaa galaa jiraachuu dhaabbanni idiladdunyaa baqattootaa ibse

Finfinnee, Caamsaa 06, 2023 – Buqqaatoonni Sudaan kuma tokko ol ta’an gaaga’ama siyaasaa biyyattii mudate dheessuun gara Itoophiyaa galaa jiraachuu dhaabbanni idiladdunyaa baqattootaa (International Migration Organization (IOM)) jedhamu beeksise. Erga waraanni Sudaan eegalee Itoophiyaanonni Sudaan keessa jiraachaa turanii fi lammiilee biyya biroo dimshaashaan 12,000 ol ta’an gara Itoophiyaa dheessuu dhaabbatichi addeesseera.

Buqqaatota gara Itoophiyaatti qaxxaamuraa jiran kanneen dhaabbatichi IOM gargaaraa jiraachuu ibsuun hamma yoonaatti lammiilee 200, lammiilee Ugaandaa 200 fi Somaaliyaa 800 ta’aniif geejjiba dhiyeessuun daangaa Sudaanitti gara Gondarii fi Gondarii gara Finfinnee akka imalan taasisaan jira jedheera. Baqattoota kanneeniif iddoo boqonnaa fi tajaailota barbbachisoo biroo kennaa jiraachuu eereera.

Gaaga’ama Siyaasaa Sudaan keessatti mudate hordofuun dhaabbatichi baqattoota karaa Matammaatiin seenan keessaa dhibbeentaan 39 lammiilee Itiyoophiyaa, dhibbeentaan 17 lammii Sudaan fi dhibbeentaan 13 ammoo lammii Turkii dha. Buqqaattoota kana keessa dhibbeentaan digdama ammoo daa’imman ta’uu isaanii beeksiseera.

Oduu biraatiin, gaazexaan Niiw Yoork Taayimis marsariitii isaa irratti akka dubbisetti, humnoonni Sudaan wal morkatan Saa’udii Arabiyaatti wal arganii mariya’aachuu ta’uu gabaseera. Weebsaayitiin kun akka dubbisetti qondaaltonni Ameerikaa bakka bu’oonni jeneraalota lamaanii Sa’udii Arabiyaatti walga’anii waliigaltee nagaa waaraa ta’ee akka mallatteessuu danda’aan abdii eega jiraan itti himan.

Walgahichi Waajjira Ministira Dhimma Alaa ameerikaa fi Ministira Dhimma Alaa Saa’uudiitiin kan qophaa’e ta’uu gabaasni kun ibseera. Gabaasni kun bakka bu’oonni humna waraanaa Sudaan kaleessa galgala gara Saa’udii Arabiyaatti imalaniiru jedha.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.