Oduu: KFOn mootummaan gaaffilee WBOn kaasu ilaalcha keessa galchuun maricha akka milkeessu gaafate

Finfinne, Caamsaa 06, 2023 – Paartiin Koongireesii Federaalaa Oromoo (KFO) marii nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti godhamaa jiru kan deeggaru ta’uu ibsuun marichi milkaa’aa akka ta’uuf mootummaan shakkii fi gaaffii WBOn kaasu ilaalcha keessa akka galchu gaafateera.

KFOn ibsa har’a miidiyaaf laaterratti, mootummaan akkuma waraana kaaba Itoophiyaatti deemaa ture kutannoodhaan karaa nagaatiiin fure kan WBO wajjiin jirus akka furu gaafateera. Kanaafuu, gaaffilee siyaasaa fi dantaa uummata Oromoo WBOn kaasu ilaalcha keessa galchuun milkaa’ina marichaatiif bu’aa guddaa qaba jedheera.

Marii nageenyaa  deemaa jiruu kana milkeessuuf gaheen paartilee lamaanii murteessaadha jedheera. Mootummaan shakkii fi gaaffii WBOn kaasu ilaaalcha keessa galchuu qaba jedheera.

Sababiin waldhabdee mootummaa fi WBO gidduu jiru garaagarumma siyaasaa fi dantaa ummata Oromoorratti waan ta’eef marichi kuni paartiilee siyaasaa Oromoo biroos kan hammate ta’uu qabas jedhe. Bakka qaamni sadaffaa maricha too’achuu danda’u argamutti mariiin Taanzaaniyaatti eegalame saffiisaan itti fufuun barbaachisaa ta’uu eereera. Jiraachuun qaama sadaffaa waliigaltee fi murtee waltajjiichi dabarsu hojiirra oolchuu fi qaamolee lamaan gidduutti wal amanamummaa cimsuuf faayidaa olaanaa qaba jedheera. Haata’u malee, oduun garaagaraa malee hamma yoonaatti eenyufaa akka qaama sadaffaatti akka hirmaachaa jiraniifi gaheen isaaniii maal akka ta’e odeeffannoo gahaa kan hin qabne ta’uu Mararaan addeesseera.

Hogganaan KFO Marara Guddinaa (PhD) gaaffii gaaazexeessitootaan gaafataman yemuu deebisan  milkaa’ina marichaatiif kutannoon qaamoleen lamaan qaban murteesaadha ta’uu ibseera. “Mootummaa biyya bulchu siyaasaa biyyattii dimookraatessuu fi hunda hammataa taasisuuf kutannoo kan qabu yoo ta’e mariin nageenyaa ni milkaa’uu danda’a,” jedheera.  

Haleellaa fi hololli ummata Oromoorraatti “qaamoleen ummata Amaaraatiif qabsoofna” jedhaniin raawwatamaa jiru hatattamaan dhaabbbachuu qaba jedheera. Qoqqobbii mootummaa gabaa akka qamadii, jimaa fi xaafiirra kaa’e kaasuun qaala’iinsa jireenyaa uumame akka furus gaafataniiru.

Mariin nageenyaa marsaa jalqabaa WBO fi mootummaa gidduutti Taanzaaniyaatti torban tokkoof taa’amee ture walhubannaan  kan goolabame ta’us waliigalteerra gahuun hin danda’amne ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.