Oduu: Naannoo Amaaraatti namni “gochaa shororkeessummaatiin” yakkame Goobazee Sisaay jedhamu too’annoo jala oole

Finfinnee, Caamsaa 06, 2023 – Naannoo Amaaraatti “heera mootummaa diiguun, fiinxaaleeyyii wajjiin tumsuu fi gochaa shororkeessummaa raawwachuutiin” yakkamuun humnoota nageenyaatiin barbaadamaa ture Goobazee Sisaay jedhamu too’annoo jala ooluu humni waloo nageenyaa beeksise.

Akka ibsa humna waloo kanaatti, Goobazeen kan qabame isaa gara Jibuutii ce’ee achiirraa gara biyya biraa imaluuf jiruu poolisii idiladdunyaa (interpole) fi poolisi Jibuutiitiin qabamee Itoophiyaadhaaf dabarfamee kennamuun har’a galgala Finfinnee galeera.

Goobazeen  namoota heera mootummaa diiguunii fi aangooo mootummaa humnaan dhuunfachuuf gurmaa’uun naannoo Amaaraa keessa socho’aa turan keessaa tokko ta’u ibsichi ifa tasiseera.

Yakkammaan kuni naannoo Amaaraa iddoo Qobboo jedhamutti hidhattoota seeraan alaa gurmeessuunii fi hidhachiisuun, akkasumas aajjeechaa hogganaa paartii badhaadhina damee Amaaraa Girmaa Yashixlaa qindeessuunii fi haleellaa humnoota namaa mootummaarratti haleellaa gaggeessuun yakkamuu ibsichi yaadachiiseera.

Yakkamtoota gochaa walfakkaatuun yakkaman 47 too’annoo jala oolchuu ibsuun kanneen biroo seeraan barbaadaman qabee seeraaf dhiyeessuuu humni waloo nageenyaa hoojjachuu kan itti fufu ta’uu ibsichi addeesseera.

Humni waloo kuni namoota biyya keessaa fi alaa gurmaa’uun aanga’oota naannoo Amaaraa ajjeessuun aangoo mootummaa feederaalaa dhuunfachuuf dhoksaan hojjachaa turan jedhe kan seeraan barbaadaman seeratti dhiyeessuu kan itti fufu ta’uu ibsichi addeesseera. ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.