Oduu: Itoophiyaatti weerarri gifiraa garmalee hammaaachaa jiraachuu ibsuun nanmoonni 182 du’uu WHO gabaase

Finfinnee, Caamsaa 08, 2023 – Bara 2021 eegalee weerarri dhibee gifiraa aanaalee 44 naannoolee saddeet keessatti argaman keessatti mul’ate daran hammaachaa deemuun akka biyyaatti namoonni 16,814 ta’an dhukkubichaan qabaman keessaa 182 ta’an du’uu dhaabbanni Fayyaa Idiladdunyaa (WHO) ibse.

Akka gabaasa WHO’tti, dhukkubni gifira aanaalee 44 naannoolee Affaar, Amaaraa, Hararii, Oromiyaa, Saba, Sabalammootaa fi Ummatoota Kibbaa, Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa, Tigraay fi Somaaliyaa keessatti argaman keessatti mul’ateera. Hagayya 2021 hamma Caamsaa 2023 gidduutti namoonni 16,814 ta’an dhibee busaatiin qabamuun qorannoo laaboraatoriitiin mirkanaa’e keessaa 182 ta’an lubbuun darbuu Dhaabbanni Fayyaa Idiladdunyaa (WHO) gabaaseera.

Lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii bara 2021 keessa 1,953 yoo ta’u bara 22022 immoo 6,933 ture garmalee dabaluun hamma Caamsaa 2023 gara 6,933 ol guddateera. Bara 2021 fi 2022 gidduutti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabaman dachaa shaniin dabaleera.

Dandeettii dhukkuba dandamachuun ummataa gadi bu’uu, weeerara dhukkuboota biroo, waraana, dirqiin buqqa’uu fi gaaga’ama namoomaa biroo kan talaalliin daa’immaniif akka hin kennamne taasisan babal’ina dhibee kanaatiif sababii ta’uu WHO’n addeesseera.

 Amajjii 01 hamma Ebla 02, 2023’tti namoonni 56 dhukkubichaan qabamuu laaboraatoriin kan mirkaneesse yoo ta’u 364 ta’animmoo dhukkubichaaf saaxilamanii turan. Bara 2022  keessa akka biyyattiitti nama miliyoona tokko keessaa namoonni 82 ta’an busaan qabamaniiru. Lakkoofsi guddaan namoota miliyoona tokko keessaa 540 yoo ta’u kan galmaa’e naannoo Somaaliitti. Sababa waraana kaaba Itoophiyaatti deemaa tureen kan naannoo Tigraay gabaasa gahaa dhiyeessuun hin danda’amne WHO’n jedheera.

Biiroon fayya Oromiyaa weerarri dhibee Busaa, Gifira fi Koleeraa  naannoo Oromiyaatti godinaalee sagal (Baalee Bahaa, Shawaa Bahaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Gujii Lixaa, Gujii, Booranaa, Jimmaa fi Baalee) keessatti muudachu ibsuun hawaasni of eeggannoo barbaachisu akka taasisu akeekkachiisee ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.