Oduu: Instituutiin Qorannoo Aadaa Oromoo fi Akaadaamiin Afaanota Tigraayii waliin hojjachuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Caamsaa 08, 2023 – Instituutiin qorannoo aadaa Oromoo fi Akkaadaamiin afaanota Tigraay haala waliin hojjechuu danda’anii irratti guyyaa har’aa waliigaltee mallatteessaniiru.

Marii Giddugala Aadaa Oromoo keessatti gaggeeffamaa jiru kana irratti meeshaaleen aadaa Oromoo fi barruuleen Afaan Oromoo barreeffamaan Akkaadaamii Afaan Tigraayiif arjoomaniiru.

Itti aanaan Daarektarri Olaanaa instituutii qo’annoo fi qorannoo aadaa Oromoo Zinaabuu Asraat akka jedhanitti, gargaarsa qo’annoo fi qorannoon gargaaramuun afaanota, aadaa fi seenaa naannolee lamaanii guddisuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Marii kana irratti daayreektarri olaanaa instituutichaa kan ta’aan obbo Dirribaa Tefera kan argaman yoo ta’u, ogeeyyiin dhabbatichaa waraqaa marii Afaan, aadaa fi seenaa Oromoo irratti dhiheessaniiru.

Itti gaafatamaan Akaadaamii Afaan Tigraay Daani’eel Takluu (PhD)  akaadamiichi bara 2008 ALI kan hundeeffame ta’uu ibsuun afaanota Tigraay afaan saayinsii fi teeknoolojii taassisuuf hojii qorannoon adeesmifamaa turuu himaniiru.

Obbolumaa fi tokkummaa sab-daneessummaa uummata Oromoo wajjiin qabnu cimsuuf dhaabbata qorannoo Oromiyaa wajjiin tumsuun hojjanna jedheera.

Akaadaamiin Afaanota Tigraay waraana waggoota lamaan darban keessa mudateen hojiiwwan hedduu hin raawwatin hafuu kan yaadatamu yoo ta’u giddugalli aadaa Oromoo gargaarsa gochuuf waadaa galeera.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.