Oduu: Mariin mootummaa fi WBO gidduutti Taanzaaniyaatti eegalame akka itti fufuu hojjatamaa jiraachuu MNO ibse

Finfinnee, Caamsaa 09,2023 – Marii nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaatti taa’ameen wal-hubannaa gaariirra ga’amuu eeruun mariin kun cimee itti fufee naannichatti nageenyi waaraa akka dhufuuf “kutannoodhaan” hojjatamaa jiraachuu mootummaan naannoo Oromiyaa (MNO) ibse.

Hogganaan Biiroo Sab-qunnamtii MNO Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa miidiyaaf kennan irratti, naannichatti akkuma jalqabame karaa nagaa fi mareetiin rakkoon jiru furamee nageenyi waaraa akka “kutannoodhaan” hojjatamaa jiraachuu ibse. Kanaafuu, waldhabdeen yaadaa mariin akka furamuuf nagaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuun qaama kamuu waliin waldhabdee jiru furuuf hojjechaa jira jedhan.

Obbo Hayiluun kana kan jedhan raawwii hojiilee mootummaa naannichaa bara kanaa kan ji’oota saglan darbaniirratti ibsa miidiyaaleef kennanirratti haala yeroo ilaalchisuun gaaffii miidiyaaleerraa ka’anirratti wayita deebii kennanitti.

Mootummaan barbaachisummaa nagaatti waan amanuuf waldhabdeen yaadaa mariin akka furamuuf nagaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuun qaama kamuu waliin waldhabdee jiru furuuf hojjechaa tureera, hojjechaas jira.

Marii Taanzaaniyaatti taa’ameen wal-hubannaa gaariirra ga’amuu kan yaadachiisan Obbo Hayiluun, mariin kun cimee itti fufee naannichatti nageenyi waaraa akka dhufuuf kutannoodhaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi walqoqqooduu, wal-arrabsuufi wal-cabsuu dhaabanii milkaa’ina marichaatiif akka hojjatan dhaameera. Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee, Abbootiin amantaafi paartileen siyaasaa nageenyi akka bu’u gahee isaanii akka taphatan waamicha godhaniiru.

Mariin nageenyaa fi waraana dhaabuu marsaa tokkoffaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti torban tokkoof Taanzaaniyaatti  taa’ameen qaamoleen lamaan walhubanaarra gahuu haa ibsan malee dhimmoota siyaasaa ijoorratti waliigalteerra otuu hin gahamin goolabamuu lamaanuu beeksisanii ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.