Oduu: Ogeessi Ji’oolojii Misraa tokko Itoophiyaa fi Misratti kirkirri lafa jabaan mudachuu mala jedhe

Finfinnee, Caamsaa 10, 2023 – Yuunivarsitii Kaayroottti ogeessi ji’oolojii Piroofeesar Abbaas Sharakii jedhamu Itoophiyaa fi Misritti kirkirri lafaa jabaan  mudachuu danda’a jechuun akeekkachiise.

Akka shakkii ji’oolojistichaati sababiin kirkira lafaa bishaan biyyoonni lameen hidha lagaa isaanitti kuusaniin kan walqabateedha. Kirkirri lafaa kun Misritti hidha guddaatti dhiyoottii fi Itoophiyaatti hidha laga Abbayyaatti dhiyootti mudachuu danda’a. Itoophiyaatti iddoo Kaababaha hidha Abbayyaa irraa fageenya kiloomeetira 100’tti argamutti kirkirri lafaa Riktar Skeelii 4.4 qabu Wixata darbee fi kirkirri lafaa Rikteer Skeelii 4.1 qabu guyyaa kaleessaa Baha Itoophiyaa iddoo hidha Abbayyaarraa fageenya 650km tti argamutti mudateeras jedhe.

Kirkirroonni mudatan kunneen balaafamaa ta’uu baatanis inni erga Itoophiyaan bishaan hidha Abbayyaatti guutaa jirtu gara kiyuubik meetira biliyoona 74 biliyoona ol guddiftee booda mudatu hammaataa ta’uu danda’a jedhe.

Haaluma walfakkaatuun, kirkirroonni lafaa lama kan Riiktar Skeelii 4.2 qaban Wixata darbe Misratti iddoo hidha Shaarq al-Owa’inaa irraa 100km fi Hidha Guddaarraa (High Dam) irra 360Km mudachuu ibseera.

Kirkirroonni Itoophiyaa fi Misratti mudatan garaagarummaa daqiiqaa kudhan keessattiidha jedhe. Itoophiyaatti piroojektiin Gibee II kan laga Oomoorratti ijaaramee ture bara 2006 fi 2007 keessa yeroo lamai kufee ture jedhe.

Madda: Egypt Independent

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.