Oduu: Paatriyaarkiin Orotodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa rakkooleen biyyaa fi mana amantittii “raasaa jiran” karaa nagaatiin akka furaman gaafatan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2023 – Paatriyaarkiin mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas rakkoolee  biyyattii fi mana amantaa Ortodooksii Itoophiyaa “raasaa jiran” ogummaadhaan karaa nagaatiin akka furamaniif waamicha taasisan.

Gaaffiilee uummataa ka’an sirriiitti caqasuun akkaataa seera ittiin bulmaaata mana amantichaatiin ogummaa, haqa, jaalalaa fi haala hunda hammateen deebiin akka laatamu hirmaattota waltajjiichaa gaafateera. Paatriyaarkichi kana kan dubbatan yeroo haasaa baniinsa waltajjii marii waliigalaa mana amantitti irratti taasisanitti.

Rakkolee uumaman kana wal dhiibuu fi xiiqii keessa galuu dhiisanii “akka gugee garraamii fi bofaa haxxee ta’anii” ogummaadhaan rakkooleen mana amantichaa mudataa jiran akka furan waamicha taasisan.

Abuna Maatiyaas, “karaa tokkoon kan sirraa’e yemmuu fakkaatu karaa biraatiin raafamaa jiraachuu argaa jirra,” jechuun rakkoo nageenyaa biyyatti keessa jiru ibsaniiru. “Waldaan biyyaa fi ummata malee hin jiraattu,” jechuun rakkoon siyaasaa waldaa fi amantoota, biyyaa fi misooma kan miidhu ta’uu ibsuun qaamoleen yeroo ammaa kana waraana walii wajjiinii gochaa jiran waraana dhaabuun marii nagaatiin rakkoolee jiran furuuf akka tattaafatan Paatriyaarkichi waamicha taasisaniiru.

Rakkoo siinoodoosii Tigraayii fi sinodoosii Itoophiyaa gidduutti uumame dhiifamaa fi qalbii jijjiirrannaadhaan furamuu qaba jedhan. “Wanti nuti dogoggorre, mufachiifne jirra yoo ta’e dhiifama gaafachuufis ta’ee qalbii jijjiirachuuf ofitti amanamummaa qabaachuu qabna. Araaramaa, dhiifama waliif godhaa fi qalbii jijjiiradhaa jechuun kan barsiifnu nuti dhiifama gaafachuu fi qalbii jijjiirachuun gaara nutti ta’uu hin qabu,” Paatriyaarkichatu jedhe.

Waltajjiin maree waliigalaa mana amantichaa taa’amaa jiru kanarratti hojiiwwan nageenya jalaqabaman madaaluun murtee ni dabarfama jedheera. Amantootaa fi maatiilee waraana kaaba Itoophiyaatti godhameen miidhaman haala ittiin jajjabeessanii fi gargaaran irratti kan mari’atamu ta’uu Paatriyaarkichi addeesseera.

Siinoodoosii mana lubummaa Tigraay sababa siinoodoodoosiin Itoophiyaa “waraana duguggaa sanyii” Tigraayirratti godhame deeggaraa ture jechuun kanaan booda siinoodoosicha wajjiin hariiroo hin qabnu jechuun fottoquusaa ibsee ture.

Haaluma wal fakkaatuun, waldhabdee faayidaa Afaan Oromoo fi loogii manam amantichaa keessatti raawwatamuun walqabatee sinodoosii Itoophiyaa fi mana lubummaa Oromiya gidduutti uumame hordofuun fottoquun qofaasaaniitti siinodoosii hundeessanii phaaphaasota 26 muudanii ture. Siinoodoosiin Itoophiyaa garuu muudama seeraan alaati jechuun  mulqee ture. Rakkoo qaamolee lamaan gidduu ture hamma yoonaatti waaraan hin furamne jiraachuu gabaasonni ni mirkaneessu.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.