Oduu: Ergamaan Ameerikaa Maayk Haamar Itoophiyaanota wajjiin mari’achuuf gara Loos Aanjalas imale

Finfinnee Caamsaa 11, 2023 – Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Maayk Haamar Itoophiyaanota Ameerikaa magaala Loos Anjalas keessa jiraatan wajjiin dhimma nageenya Itoophiyaarratti mari’achuuf har’a gara Kaalifoorniyaa imalaa jiraachuu ibsi ministeerri haajaa alaa Ameerikaa baase addeesseera.

Dhimmoota nageenyaa Itoophiyaa keessumaa waliigaltee nageenyaa Tigraayitti godhameerratti kan mari’atan ta’uu ibsame. Turtiin Loos Anjalasitti godhaniin hawaasa Itoophiyaa keessumaa dhalattoota sabaan Oromoo, Amaaraa, Tigraayii fi Somaalii wajjiin kan maria’tan ta’uu ibsichi eereera.

Walgahii gamtaan dubartoota Gaanfa Afrikaatiin galma Sabboonummaa Boob Hooppii jedhamu keessatti qopheesse irratti lammiilee Itoophiyaa waliin marii akka taasisan ibsamee jira. Xiyyeeffannaan walgahii kanaa nagaa cimsuu fi hirmaannaa dubartootaa guddisuu irratti akka ta’e eerameera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.