Oduu: Itoophiyaan baankii moobayilaa Saafaariikoom M-pesaaf eeyyama laatte

 

Finfinnee Caamsaa 11, 2023 – Baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa tajaajila faaynaansii mobaayilaa kennu Saafaarikoom M-pesaa jedhamuun beekamuuf guyyaa har’aa eeyyama laatte.

Eeyyamani kenname kuni, kaayyoo baankichi “kalaqa faaynaansii babal’isuu fi gabaa Itoophoyaa banaa taasisuuf” qabu kan mul’isu ta’uu baankichi ibse.

Tajaajilli faaaynaansii dijitaalaa Itoophiyaan sanduuqa mobaayilaa, baankii Interneetii fi baankii kaardii kan “saffisaan babal’achaa” jiruu dhas jedhe.

Muddee bara darbe keessa Paarlaamaan Itoophiyaa labsii sirna kaffaltii biyyaalessaa fooyya’e kan dhaabbileen biyya alaa hojii sirna kaffaltii irratti akka hirmaatan eeyyamu “seera baankii fooyya’e eeguun osoo hin barbaachisin hirmaannaa isaaniif haala mijeessuuf” raggaasiseera, jechuun Bulchaan Baankii Giddugaleessaa Maammoo Mihratuu Ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana tajaajila baankii moobaayilaa tajaajila kennaa karaa Teeleebirriitii kan ture Ethitelecom qofa dha. Baankonnii fi dhaabbilee faaynaansii  xixiqoon Teelebirriitti dhimma bahaa jiru. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.