Oduu: Dhaabbilee fi hidhamtoota siyaasaa dararuun mallattoo mootummaa abbaa irreeti: ABO

“J/Kennasaa Ayyaana erga hidhamee booda dhukkuba isa mudateen yeroo ammaa of danda’ee deemuu hin danda’u”: ABO

Finfinnee, Caamsaa 11, 2023 – ABOn hidhamtoota siyaasaarratti “gochaa hammeenya dhala namaaf hin malle raawwachuu fi dhaabbilee siyaasaa seera-qabeessa ta’an xyreessuun” gochaa mootummaa abbaa irreeti jechuun mootummaa qeeqeera.

ABOn ibsa gaggeessitootaa fi qondaaltota isaa achiin buuteen isaanii dhabame ilaalchisee baaseen, miseensota dhaabaa seeraan ala hidhuu, rakkisuu fi miidhaa irraan gahuun daran hammaatee itti fufee jiraachuu ibseera. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa carraaqqii godhus wanti fooyya’ee hin jiru jedhe.

Waajjiraaleen Adda Bilisummaa Oromoo guutuu biyyattii keessatti cufamanii hafuu, hoggantoonni dhaabichaa manni murtii akka hiikaman murteesseef sababa tokko malee manneen hidhaa tajaajila bu’uuraa hin qabne keessatti dararamaa jiru jiraachuu ibsichi addeesseera.

Ibsa guutuun ABO’n baase armaan gaditti argama.

Hidhamtoota Siyaasaa Irratti Gocha Hammeenyaa Dhala Namaaf Hin Malle Raawwachuu fi Dhaabbataalee Seera Qabeessa ta’an Xureessuun Mallattoo Mootummaan Abbaa Irree Ittiin Beekamuu dha.

Gaggeessitootaa fi Qondaaltota Isaa Achiin Buuteen Isaanii Dhabame Ilaalchisee

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Gama kanaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa carraaqqii godhus, waanti jijjiirame xiqqaa dha. Miseensota dhaabaa seeraan ala hidhuu, rakkisuu fi miidhaa irraan gahuun daran hammaatee itti fufe. Waajjiraaleen Adda Bilisummaa Oromoo guutuu biyyattii keessatti cufamanii hafan. Hoogganootni dhaabichaa manni murtii walaba gadhiise manneen hidhaa tajaajila bu’uuraa hin qabne keessatti dararamaa jiru.

Ammas, iyyannoo irra deddeebinee dhiheessinu irratti hundaa’uun, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hoogganootaa fi qondaalota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) seeraan ala hidhamanii dararamaa jiran irratti qorannoo dabalataa jalqabee jira. Kanumaan boordichi xalayaa gaafa guyyaa Ebla 18, 2023 Komishinii Poolisii Oromiyaatiif barreesseen iyyata Adda Bilisummaa Oromoo daran qorachuu akka barbaadu ibsuun koree bakka bu’oota PP, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), KFO fi hojjettoota Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa of keessaa qabu gaafa guyyaa Ebla 20, 2023, wiirtuu tursiisaa/Mana Hidhaa poolisii Buraayyuutti argamuudhaan daawwannaa akka gaggeessu beeksisee ture.

Koreen hundeeffame daawwannaa gaggeessuuf guyyaan tokko yeroo hafe, jechuunis gaafa guyyaa Ebla 18, 2023 halkan hidhamtoonni mana hidhaa Qajeelcha Polisii Buraayyuu

keessaa baafamanii gara bakka hin beekamneetti jijjiiramaniiru. Kanaanis Poolisiin Buraayyuu qorannoo iftoomina qabu gufachiisuuf hidhamtoota yeroo lammataaf mana hidhaa keessaa baasee miliqsee jira.

Koreen hundeeffame guyyaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hayyama Poolisii Buraayyuutiin karoorsetti, jechuunis gaafa guyyaa Ebla 20, 2023 Mana Hidhaa Magaalaa Sheger, Ona Burraayyuu ga’e. Ajajaan poolisii naannoo sanaa beellama sana kenne waajjira keessa hin turre. Waajjira poolisiitti Itti Gaafatamaan Qorannoo Yakkaa Inispeektar Negash Gaariin koree kanaaf argamaniiru. Kaayyoo daawwannaa kanaa erga dhaga’ee booda, ‘dhiheenya waajjirichatti jijjiiramuu’ isaanii ibsuun, dhimmicha akka hin dhageenyee fi bakka hoogganoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hidhaa jiranii akka hin beekne ibsaniiru. Koreen kunis kun qorannoo gufachiisuuf shira dalagame ta’uu hubatee mufannaadhaan ba’e. Diraamaan kun hundi itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi qorannoo iftoomina qabu gufachiisuuf itti yaadamee kan qophaa’e ture.

Hoogganootni Adda Bilisummaa Oromoo jechuunis J/Abdii Raggaasaa, J/Mikaa’el Booran, J/Kennasaa Ayyaanaa, J/Dr Gadaa Oljiraa, J/Lammii Beenyaa, J/Gadaa Gabbisaa fi J/Daawit Abdataa manni murtii walaba isaan gaggeessus waggoota lamaan darbaniif seeraan ala Poolisiidhaan hidhamanii jiru . Amma ammoo inumaayyuu eessa akka jiran hin beekamu.

Jireenyii fi fayyaan isaanii baay’ee nu yaaddessa. Hundi isaanii dhukkuba gosa adda addaatiin rakkachaa jiru. J/Kennasaa Ayyaana erga hidhamee booda dhukkuba isa mudateen yeroo ammaa of danda’ee deemuu hin danda’u. Doktarri isaas bakka fayyaa isaaf mijataa ta’ee fi waldhaansa fooyya’aa isa fayyisu argachuu akka qabu gorsee jira. Gochi hidhamtoota maatii isaanii jalaa dhoksuu fi hordoffii dhiyeenyaa fi mirga qaama seera qabeessa ta’een ilaalamuu isaanii ugguruun, waliigalteewwan idil-addunyaa namoota hidhaa jala jiranii fi meeshaalee mirga namoomaa biroo wajjin walqabatan cabsuu dha.

Hidhamtoota waldhaansa fayyaa dhiyeenyaan barbaadaniif itti gaafatamummaa dhabuu fi miira namummaa dhabuun akkanaa dhiittaa mirga namoomaa suukanneessaa ifatti mootummaan raawwachaa jiru mul’isa.

Sarbiinsi mirga namoomaa gaggeessitoota isaa irratti raawwatamu daran jabaatee kan itti fufee jiru ta’uu Addi Bilisummaa Oromoo ABOn ummata Oromoo yaadachiisuu barbaada. Hoogganoota isaanii fi lammiilee isaanii sarbama akkasii irraa eeguun ga’ee fi itti gaafatamummaa ummata Oromoo ti.

Hawaasi Idil-addunyaa, keessattuu dhaabbileen Mirga Namoomaa, gocha namummaa hin

qabne kan mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota hidhuun dararuu, tajaajila fayyaa dhorkachuu fi achi buutee isaanii dhabamsiisuun raawwachaa jiru kana itti dhiyeenyaan akka hordofan dhaammanna. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, mootummaan Itoophiyaa namoota qulqulluu/nagaa hidhee dararaa jiru osoo yeroo hin kennin

hatattamaan akka gadi lakkisuuf caalaatti dhiibbaa akka godhu cimsinee gaafanna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 21/2023

Finfinnee

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.