Xiinxala: Manni Kiristaana Ortodoksii Tigraay waamicha hariiroo idilee deebisanii eegaluu Sinodoosii “waraana duguuggaa sanyii” uummata Tigraay irratti godhame deeggaraa ture jedheen irraa dhiyaate dide. Maaltu itti aana?

Miseensota Manni Maree Phaaphaasota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay (Suuraa: DW)

Madihaanee Iqqubaamikaa’eliin @Medihane 

Finfinnee, Guraandhala 23/2023 – Manni Maree Phaaphaasota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay walgahii waloo Guraandhala 09 gaggeessee waamicha kanaan dura Sekreetariyaatii Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Sinoodoosii Mana Kiristaanaa Finfinnee fi Tigraay gidduu marii araaraa fi walitti dhufeenya sirna idilee taasisuuf gaafate akka hin fudhanne beeksiseera.

Ibsi Qulqullummaa isaanii Abuna Isaayyaas, Angafa Phaaphaasii Magaalaa Maqalee fi Kutaa Lallaba Kibba Tigraay fi Dura Taa’aa Mana Qulqullummaa Selaamaa Kasaatee Birhan Yaa’ii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Tigraay; Qulqullummaa isaanii Abuna Makariyoos, Angafa Phaaphaasii Kutaa Lallaba Godina Giddugaleessa Tigraay Aksuum & Miseensa Yaa’ii; Qulqullummaa isaanii Abuna Marhaa Kiristos, Angafa Phaaphaasii Godina Bahaa – Angafa Phaaphaasii Adigraat fi Kibba Tigraay Maayicaw fi miseensa Waldaa; fi Qulqullummaa isaanii Abuna Pheexroos, Angafa Phaaphaasii Sadan tokkummaa Kaaba Dhiha Tigraay fi Tigraay Lixaa, fi miseensa yaa’ichaa dabalatee miseensota Mana Maree Phaaphaasota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraayiin mallattaa’ee, xalayaa waajjira Qulqulluu Sinodoosii irraa ergame akka isaan qaqqabe beeksisaniiru.

Ibsa bal’aa bu’aa waraana hammeenyaa waggoota lamaaf naannoo Tigraay keessatti gaaga’amaa ture kan ibsu keessatti, Manni Maree Phaaphaasotaa “waraana duguuggaa sanyii” uummata Tigraay irratti irratti labsame deeggaruun Qulqulluu Sinodoosicha kan komate yoo ta’u, hariiroo Sinodosii waliin qaban sirreessuun maaliif akka itti ulfaatu ibseera.

Haala xalayaa Sinodoosii Finfinneetti argamu irraa ergame gartokkoon hariiroo addaan citeef waraana komate irraa adda ta’ee xalayaan Mana Maree Phaaphaasota Tigiraayiin barreeffame kun Sadaasa bara 2020 irraa eegalee mootummoonni Itoophiyaa, Eertiraa, Somaaliyaa fi biyyoonni Arabaa akkasumas humnoonni biroo kallattiinis ta’e al-kallattiin “waraana duguuggaa sanyii ifa ta’e ummata Tigraay irratti labsu fi gaggeessuu isaanii” fi callisuu Mana Kiristaanaa ibseera. Gochoonni hammeenyaa Lixa Tigraay keessatti, bakkeewwan akka Humaraa, akkasumas Mana Qulqullummaa Dabra Daamoo Abuna Agaawii, Ma’agoo Amaanu’eel, Togogaa, Booraa, Naqsagee, giddugala buqqaatota Dadabit, Adi Daaroo, Adi Qaayih, Saamree, Yachlaa fi Maqaleetti raawwataman hundi isaanii sadarkaa ajjeechaa fi badiisa diroonii fi lafoon namoota nagaa irratti raawwataman kan kanaan dura hin mul’anne ta’uun tarreeffamaniiru.

Lammiileen nagaa ajjeechaa fi badiisa irraa hafan qe’ee itti dhalatanii guddatanii fi jiruu ittiin godhatan irraa ari’amuu; miidhaa saalqunnamtii shamarranii fi haadholii Tigraay irratti raawwatamu dabalatee dararaa hedduuf saaxilamuu, akkasumas abbootii amantii fi haadha warraa luboota irratti miidhaa saalaa irratti raawwatamuu xalayichi ni mul’isa. 

Lolli goolamaa fi dhorkaa kun gubachuu, barbadiinsa fi saamicha manneen amantii, hambaalee amantii fi qabeenya uummata Tigraay waliin ummanni nagaa nyaata fi qoricha akkasumas tajaajiloota bu’uuraa kanneen akka baankii, bilbila, intarneetii, geejjibaa, fi tajaajila miidiyaa akka hin arganne dhorku; hundi isaanii kitaaba Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay, kan “Mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa irra deddeebi’ee akka balaaleffattu”, manneen amantii fi bataskaanota ishee durii akkasumas tajaajiltoota isaanii akka tiksuuf, akkasumas mootummoota Itoophiyaa, Eertiraa, Somaaliyaa fi biyyoota Arabaa irratti dhiibbaa akka godhan gaafate keessa jiru.

Angafa Phaaphaasota Manni Maree Phaaphaasota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay, Suuraa: Screenshot/AS

“Dogoggora seena-qabeessa dhiifama hin qabne“

Inumaayyuu, Manni Maree Phaaphaasotaa akka jedhetti, wanti Tigraay argatte, dubbii haasawa jibbiinsaa summii waraana kana hammeessuu, gochoota gubannaa lammiilee Tigraay arge, dubbii lammiileen Tigraay seenaa fi qalbii ummataa keessaa haqamuuf leellisan, akkasumas haasaa luboota nama irraa seexana filatanii turan jedhe.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahdoo Itoophiyaa monoksoota, luboota fi diyaaqonoota ishee irraa dubbii nama kakaasu akkasii balaaleffachuu fi dogoggora isaanii akka seera Mana Kiristaanaatiin sirreessuu kan gaafatame yoo ta’u, kun hin ta’u taanaan garuu Waldaan Tigraay hariiroo ishee cabsuuf dirqamti jedhe Manni Maree Phaaphaasotaa, haata’u malee kun hundi deebii hin arganne ture. 

Yeroon sun manni amantaa Ortodoksii Tigraay walitti dhufeenya Qulqulluu Sinodosii Finfinnee jiru waliin qabdu addaan kutuun, Kutaa Lallaba Salaamaa Kasaatee Birhan, Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahdoo Tigraay qindeessuuf dirqamte ture. Ummanni Tigraay xalayaa Qulqulluu Sinodoosiin “madda amantaa fi barumsa isaa” jedhamanii eeraman, Mana Qulqullummaa Salaamaa Kasaatee haaraa gurmaa’ee seena qabeessa ta’ee fi ammas bu’uura seenaa qabuun jajjabina argachuu danda’aniiru jedha Mana Maree Phaaphaasotaa. Akkasumas dambii ittiin bulmaataa raggaasisanii mana maree ogeeyyii kitaabota qabiyyee seenaa jallisan sirreessuuf, fi afaan Tigrinyaatti hiikuun sochii afuuraa fi hawaasummaa geessuuf hojii itti kenname hundeessanii jiru.

Garuu callisuu fi gammachuu kallattii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa xalayaa Mana Maree Phaaphaasotaa keessatti ibsame qofa miti sababa Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay waamicha kana didde. Kana malees, xalayaa kana gara Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Tigraay, Mana Lubummaa Salaamaa Kasaatee Birhaan jedhamutti ibsuu dhiisee, yaaliin Sinodoosiin addaan bahee Phaaphaasota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraayitti argamu shaniif erguuf yaaluu isaa qeeqeera.

Walitti dhufeenyi addaan cituun isaa gartokkoon “shira siyaasaa” irraa kan ka’e ta’uu Sinodoosichi sababa dhiheessuus, Manni Maree Phaaphaasotaa garuu Sinoodoosii Finfinnee jiru mataan isaa waraana kana balaaleeffachuu mannaa deeggareera jedhe.

Paatriyaarkii Mana Kiristaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas, gadda isaanii imimmaan ibsanii illee isaan callisiifamu isaanii hin hafne. Sinodoosichis ibsa Paatriyaarkii kana deeggaruu mannaa dubbii isaanii irraa of fageesse. Manni Maree Phaaphaasotaa kun “dogoggora seenaa dhiifama hin qabne” jedheera.

Cubbuu ulfaataa

Piroofeesar Geetaachoo Asaffaan Yuunivarsiitii Kaalgaarii Albartaa, Kaanaadaatti argamu keessatti hayyuu Dizaayinii Itti Fufiinsaa (Sustainable Design) beekamaa, guddina hawaasummaa fi siyaasaa naannoo Tigraay itti dhiyeenyaan kan hordofu yoo ta’u, waa’ee jijjiirama Mana Kiristaana Ortodoksii Itoophiyaa fi Qulqulluu Sinodoosii isaa keessatti jiru xiyyeeffannaan hordofa. Dhiibbaa deebiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay, Sinodosiif kenne qabu irratti hubannoo qabu Addis Standarditti qoodeera.

Geetaachoon akka jedhrtti, yeroo darbe manneen amantaa adda addaa kallattiin Sinodoosiif itti gaafatamummaa qaban walitti fiduun maaliif bulchiinsa ol’aanaa guutuu Tigraay hundeessuuf maaliif murteessan, akkasumas maaliif xalayaa Guraandhala 08 Sinoodoosii irraa ergameef irratti hundaa’uun yaada isaanii jijjiiruu hin feene jedhu irratti deebiin isaanii akka madaalamu ibsa. 

“Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay walitti dhufeenya Maqalee-Finfinnee gidduu jiru fooyya’aa dhufe hordofa jedhe eeguus, deebii isaaniin garuu waan amantoota Tigraay fi hawaasni bal’aa yaadu calaqqisaniiru,” jedhe.

Sinodosichi of furuu fi hariiroo Tigraay waliin qabu sirreessuu yoo barbaade itti aansee maaltu ta’uu qaba jedhamee kan gaafatame Geetaachoon, Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay, Qulqulluu Sinodosichi Phaaphaasota, monoksoonni, luboota, fi diyaaqonoota waraana deeggaruu irratti harka qabaatan akka dhiifama gaafachiisu fi karaa isaanii akka sirreessu,yoo akkas gochuuf fedhii hin qaban ta’e ammoo mana kiristaana irraa akka adda isaan baasu, eegee akka ture deebii kenname irraa hubachuu hima. 

“Cubbuuwwan ijoo sammuutti dhufan keessaa tokko Qulqulluun Sinodoosiin Paatriyaarkii ofii waa’ee waan ijoollee amantii isaa fi ummata Tigraay irratti raawwatamaa jiru akka hin dubbanne callisuuf fageenya itti deemedha”

Piroofeesar Geetaachoo

Haata’u malee, yeroo dhiyootti Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay waan eedu Sinodoosii Qulqulluun ni guutama jedhu irratti shakkii qaba. “Sinodoosiin Qulqulluun waan yeroo sana gochuu hin dandeenye amma ni hojjetaa? Yoo ta’e Manni Maree Angafa Phaaphaasota Tigraay sana ni fudhataa? Himuun rakkisaadha,” jedhe Geetaachoon.

“Qulqullummaa isaanii Paatriyaarkichaaf, angafa phaaphaasoota Tigraayitti xalayaa erguun hojii idilee ta’uus,” Sinodoosichi maaliif qoqqoodinsa fi tasgabbii dhabuu mataa isaa gidduutti Phaaphaasota Tigraay iyyaafachuu barbaade kan jedhu Geetaachoon, Tigraay keessatti namni hedduu yeroo xalayaan kun barreeffame angafa phaaphaasota Oromiyaa adda bahanii irratti deeggarsa galfachuuf kan yaadame godhanii ilaalan akka jiran nan amana jedha.

“Angafa phaaphaasoota tokko tokko Amajjii 22, guyyaa muudama luboota irraa eegalee tokkummaa Mana Kiristaanaa leellisuu irratti adda duree turan, waraana kana dammaqinaan leellisaa turan” jechuun, “Kanaaf xalayaan kun Tigraay keessatti namoota hedduu biratti shakkiin ilaalamuu isaa nama hin ajaa’ibu” jedhe.

Geetaachoon, Manni Maree Phaaphaasota Tigraay xalayaa Qulqulluu Sinodoosii irraa dhufe fi sadarkaa miidhaa waraana mana kiristaanaan “leellifamaa ture” kanaan wal bira qabamee yoo ilaalamu xalayichaan gaaffii keessa galchuu isaa deeggareera.

Deebii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay irraa kenname ilaalchisee yaada Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa argachuuf, Addis Standard Hogganaa Daayirektoreetii Komunikeeshinii kan ta’an Liqa Tiguhaan Iskidree Gabrakiristoos dubbiseera. Mana Maree Phaaphaasota Tigraay irraa Qulqulluu Sinodosiif deebii kan kenname ta’uu ibsuun, dhimmicha irratti yaadni kennamuu kan danda’u yaa’iin Qulqulluu Sinodosii erga gaggeeffamee booda qofa ta’uu ibsaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.