Oduu: Miseensa gumii shanee ABO Kennasaa Ayyaanaa dabalatee hoggantoonni ABO afur mana hidhaatti dhukkubsatanii  wal’aansa hatattamaa dhoowwaman

Qondaaltonni ABO dhukkubsatan Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Gadaa Gabbisaa fi Gadaa Oljirraa (PhD), Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Finfinnee, Guraandhala 24/2023 – Miseensa gumii shanee ABO kan ta’e Kennasaa Ayyaanaa dabalatee aanga’oonni olaanoon Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana hidhaa keessatti dhukkubasatanii argaman afur  wal’aansa hatattamaa dhoowwamuu, dubbi-himaan ABO Lammii Gammachuu Addis Standarditti hime.  

Kennasaa Ayyaanaa,Daawit Abdataa, Gadaa Oljirraa (PhD) fi Gadaa Gabbisaa kan qajeelcha poolisii magaaala Burraayyuutti hidhamanii jiran dhibee hammaataadhaan qabamanii jiru jedhe Lammiin.

Kennasaa Ayyaanaa fi Daawit Abdataa dhibee lafee dugdaatiin yoo miidhaman, Gadaa Oljirraa yaalii baqaqsanii hodhuu kanaan dura godhateen walqabatee dhukkubsachaa jira; Gadaa Gabbisaan ammoo Heepaataayitis B’dhaan qabameera jedhe.

Hidhamtoota kunneen keessaa Kennasaan “lafeen dugda isaa garmalee waan hubameef deemuu fi dhaabbachuuu hin danda’u,” jedheera.

Abukaatoo hoggantoota olaanoo ABO kan ta’e Tuulii Baay’isaa gamasaatiin yaalii ogeessi fayyaa Kennasaadhaaf ajaje kan hospitaala ciisee yaalamuu qabu poolisiin waan dhowweef fayyaansaa haala yaaddessaa keessa jira jedheera.

“Inni [Kennasaan] geejjiba mataasaa kireeffachuun guyyaa guyyaan ganamaa fi galgala gara hospitaalaa deddeebi’uu hin danda’u. Baasii geejjibaa fi qorichaas ofiisaatii kafaluu hin danda’u,” jedhe Tuuliin.

Hogganoota dhukkubsatan afran malee kan hogganoonni ABO sadi isaan waliin buuufata poolisii Burraayyuutti hidhamanii argamu. Hogganoonni torban kunneen gariin isaanii kan manni murtii bilisaan gadhiise yoo ta’an, kaan ammoo gonkumaa himata malee kan hidhaa jiranidha.

Koomishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa gabaasa Caamsaa bara darbe hoggantoota ABO Oromiyaa keessatti hidhaman ilaalchisee baaseen, hogganoonni kunneen “seeraan ala hidhamanii” dararriidhaaf saaxilamuu mirkaneessee ture.

ABOn hoggantoonnisaa bara 2019 irraa eegalee mana hidhaatti dararamaa jiran akka gadi lakkifaman irra deddeebiin gaafachaa tureera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.