Oduu: Dhaabbilee gargaarsaa Oromiyaa keessa socho’an rakkoo namoomaa naannicha keessatti muudateef xiyyeeffannoo barbaachisu akka laatamuuf waamicha dhiyeessan

Horii sababa hongee hamaa godina Booranaa keessatti uumameen du’e, Suuraa: Miidiyaa hawaasaa

Finfinnee, Guraandhala 24/2023 – Dhaabbilee gargaarsaa naannoo Oromiyaa keessa socho’an, lakkoofsaan kudha lama ta’an ibsa waloo baasaniin qaamoleen dhimmi ilaallatu hunda rakkoo namoomaa naannicha keessatti muudateef xiyyeeffannoo barbaachisu akka laatan gaafataniiru. 

Dhaabbileen miti mootummaa kunneen ibsa ‘gamtaa namoomaa’ jedhuun baasaniin jiraattotni naannichaa miiliyoona 14 ol ta’an sababa hongee fi walitti bu’iinsaan gargaarsa nyaataa atattamaa akka isaan barbaachisu kan eeran yoo ta’u, isaan kana keessaa kanneen miiliyoona 3.4 ta’an qe’ee isaanirraa kan buqqa’an ta’uu ibsaniiru. 

Jiraattoni naannichaa sababa rakkoo hongee fi walitti bu’iinsa yeroo dheeraadhaaf tureen miidhaman haala rakkisaa keessa akka jiran kan eere ibsichi, gargaarsa namoomaa atattamaa akka godhamuuf hubachiiseera.

Hongee godina Booranaatti uumameenis loowwan dhibbeentaa 46 ol ta’an du’uu fi maatiin baay’ee loowwan qabu dhabu isaa kaaseera, ibsichi. Akka ibsa kanaatti maanguddoota, haadholii hoosisaniifi daa’imman umuriin isaanii shanii gadi ta’an hanqina nyaata madaalawaa olaanaa irratti mul’ateera. Kana malees, jiraattotni naannichaa hedduu hanqina nyaata madaalawaa giddu galeessaa irratti mul’achaa kan jiru yoo ta’u, kunis yeroo dhiyootti gara sadarkaa olaanaatti ce’u akka danda’u akeekkachiiseera.

Haala waliigalaa naannicha, keessattuu Booranaa keessatti jiru, jiraattotaaf yaaddeessaa ta’u kan eere ibsi gamtaa dhaabbilee gargaarsaa kunneen, seenaa Booranaa keessatti hongee akkasii muudate hin beeku jedheera. 

Gamtaan dhaabbilee gargaarsaa kun ergaa michoota gargaarsaa isaaf dabarseen rakkoo namoomaa naannoo Oromiyaa keessatti muudate gadi fageenyaan akka qoratan, akkasumas fandii rakkoo namoomaa uumame gitu akka ramadan gaafateera.

Buqqaatotni naannicha keessatti qe’ee isaanirraa buqqa’an nyaata, mana, tajaajila fayyaa, barnoota fi meeshaalee qulqullinaa guutamuufi akka qabu kan hubachiise ibsi waloo kun, naannichatti hawaasni miiliyoona 3.7 ta’u deeggarsa bishaan dhugaatii hatattamaa akka barbaadu kaaseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.