Gulaallii: Haqaa fi itti gaafatamummaa malee nagaan hin bu’u; Jalqaba dhugaan baatu malee ammoo haqaa fi itti gaafatamummaanis hin jiraatu

Mootummaan Itoophiyaa ICHREE fi ACHPR yakka Kaaba Itoophiyaa keessatti raawwatame jedhame irratti qorannoo walabaa akka hin geggeessine gufachiisaa tureera, Fakkii: Addis Standard

Finfinnee, Guraandhala 27/2023 – Ammi dheeraa fi ulfaataan lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman sababa waraana yakkoonni gara jabinaa irratti raawwataman waggaa lamaaf naannoo Tigraay keessatti eegaluun gara naannolee Affaarii fi Amaaraatti babal’atee tureen miidhaman dandamachiisuuf godhamu kan milkaa’u, yoo waliigalteen waraana dhaabuu Sadaasa 2022  mootummaan feederaalaa fi ABUT mallatteessan haqa baasuun kan deeggaramu yoo ta’eedha.

Wanti waraanni Itoophiyaa waggaa lamaaf adeemsifame addunyaan ittiin yaadatu keessaa tokko badii lammilee nagaarratti raawwatame, kan yakka garajabinaa yeroo waraanaa dhala namaarratti raawwatamu kan akka ajjeechaa jumlaa, miidhaa saal-qunnamtii fi saal-qunnamtiif garboomfachuu  dabalatee hanga madaalliiwwan tokko tokkoon hanga yakka sanyii balleessuu gahuu danda’uudha. Kanaaf oduun waliigaltee waraana dhaabuu mallattaa’ee kan guutuu addunyaaf boqonnaa laate garmalee sirrii ture.

Haata’u malee, waliigaltee waraana dhaabuu Piriitooriyaa fi qajeelfama hojiirra oolmaa waliigaltichaa kan Naayroobiitti mallattaa’ee irratti dhimmootni haqaa fi itti gaafatamummaa xiyyeeffannaa gahaa argachuu dhabuun yaaddoo uumeera.

Dhugaadha, waliigalticha keeyyata 2 mata duree “Qajeelfama waliigaltee waraana dhaabuu utuban” jedhu jalatti, qaamoleen walwaraanan lamaan “Mirgoota namoomaa bu’uuraa, qajeelfamaa fi aadaa dimookiraasii kabajuuf, lammilee nagaa tiksuuf, Ahaartara diimookiraasii, filannoo fi bulchiinsaa Afrikaa kabajuu fi akkaataa heera RFDI fi Qajeeltoo  haqa cehuumsaa Gamtaa Afrikaatiin itti gaafatamummaa fi haqaaf hojjechuuf waliigalaniiru” jedha.

Rakkoon garuu as jira.

Yeroo walwaraansi garmalee itti cimee turetti, hawaasni idil-addunyaa kan irra caalaan isaanii waahiloota misoomaa Itoophiyaa Atlaantiik gamaa ta’an, gaaffiilee sadii gaafataa turan. Isaanis hatattamaan walwaraansa dhaabuu, dhiyeessi gargaarsa namoomaa keessumaa gara naannoo Tigraay godhamu danqa malee akka ta’u fi badii raawwatameef qaama walaba ta’een qoratamee itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u kan jedhan turan. Mootummaan Itoophiyaa garuu  waliigaltee waraana dhaabuu Piriitooriyaaatiin yaadasaa jijjiiree gaaffilee lamaan duraa hamma fudhatutti gaaffilee sadeenuu mormaa ture.

Dhimma itti gaafatamummaatiin walqabatee qorannaa waloo kan koomishinii mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi Biyyoota gamtoomanitti  koomishinii olaanaa mirgoota namoomaa raawwatanitti  haala mamii qabuunis ta’uu waliigalee ture. Qorannoon waloo qaamoleen lamaan kun gaggeessan garuu sababoota bu’uuraa lamaaf fudhatama hin arganne, tokko fudhatamummaa seeraa (legitimacy) yoo ta’u, kan lammataa ammoo hunda waliin gahuu ykn hammachuu dhabuu (comprehensiveness)dha.

Hanqinoota kanneenii fi rakkoo isaan haqaa fi itti gaafatamummaa miidhamtootaaf argamsiisuun walqabatee danqaa uumuu danda’an kan hubate hawaasni idil-addunyaa Sadaasa 2021 koomishinii idil-addunyaa ogeeyyii mirgoota namoomaa Itoophiyaa hundesseera.

Haata’u malee, mootummaan Itoophiyaa qaama kana barbaachisummaa isaarraa kaasee hanga hundeeffamaatti  fudhatama akka hin arganne gochuuf dhagaan hin fonqolchin hin turre. Karaa dippiloomaasiitiin dhiibbaa uumuu, koomishinaroonni kuni Itoophiyaa akka hin seenne doorsisuu dabalatee itti gaafatamummmaan komishinichaa akka xumuramu, mootummaan Itoophiyaa leeccaloo qabu maratti fayyadamuun hojii koomishinichaa fashaleessuuf hojjateera.

Ministeerri dhimma alaa fi itti aanaan ministira muummee Dammaqaa Makoonnin “gareen kuni adeemsa waliigaltee Piriitooriyaa kan gufachiisuu fi hojiirra oolmaasaa kan danqu” jechuun koomishinicha yakkuun yaalii Itoophiyaan hojiisaa kana danquuf gochaa jirtu akka deeggaraniif biyyoota Afrikaa gaafateera. Itoophiyaan “gareen qorannoo walabaa kun akka biyyattii seenu kan hin eeyyamne ta’uu” Dammaqaan ifa taasiseera.

Itoophiyaan koomishinichaa ragaa gahaa osoo hin dhiyeessiin “ergama siyaasaa kan qabuu” fi mootummaa miidhuuf kan yaadame jechuun yakkiteerti.

Itoophiyaan yakkawwan yeroo waraanaa raawwataman irratti qorannoo walabaa fi hunda hammataa ta’e akka hin goodhamne kan hin feene, qaama UN qofaan miti. Waxabajjii 15, 2021 Komishiniin Mirgoota Uummataa fi Namoomaa Afrikaa akkaataa Chaartara mirgoota ummataa fi namoomaa Afrikaa keeyyata 45 jalatti kaawameen dirqama isaa bahachuuf omiishiniin qorannoo Tigraay hundeessee hojiisaa ifatti Waxabajjii 17, 2021 akka eegalu beeksisee ture.

Mootummaan Itoophiyaa garuu guyyoota lama booda, murtoo kana “haala nama gaabbisiisuun koomishiniin mirgoota ummataa fi namoomaa Afrikaa matuma isaatiin murtoon dabarsee kuni bu’uura seera kan hin qabnee fi itti gaafatamummaa isaatiin ala kan ta’eedha” jechuun hundeeffama “koomishinii qoranoo” kuffisee ture.

Mootummaan Itoophiyaa qorannoo kana danquuf irraa dedeebi’ee yaalii taasisus dhaabbanni biyyoota gamtoomanii bara hojii komiishinii ogeeyyii mirgoota namoomaa yoo dheeressu, dura taa’aan komiishinii mirgoota uummataa fi namoomaa Afriikaa Reemii Ingooy Lumbuu yaa’ii Gamtaa Afrikaa dhiyeenya kana Finfineetti taa’ameeratti Komishiniin qorannoo Tigraay kan Gamtaa Afriikaa haala walaba ta’een hojii isaa itti fufuu ibseera.

Yaa’iin Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 52ffaa har’a bakka Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Pirezidaantiin Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, fi Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, kabajamtoonni sadarkaa olaanaa biroo argamanitti yeroo eegaletti, addunyaan hojii ICHREE fi ACHPR yakka suukaneessaa yeroo waraana gaddisiisaa kana keessatti namoota nagaa irratti raawwatame irratti qorannoo walabaa fi bal’aa gaggeessan irratti deeggarsa agarsiisuu qaba. Itoophiyaan dhugaan akka ifa hin baane ugguruu irraa akka baatu hayyamamuu hin qabdu.

Haqaa fi itti gaafatamummaa malee nageenyi akka hin jirre, bakka dhugaan hin jirretti ammoo haqaa fi itti gaatamuummaan jiraachuu akka hin dandeenye mamiin tokkollee jiraachuu hin qabu. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.