Yaada: Rakkoo buqqaatota fala dhabe, hanqina eegumsa fayyaa bu’uuraa kutaalee Oromiyaa walitti bu’iinsaan miidhaman keessatti gidiraa geessisaa jira – WHO

Waldaan Haakimoota Oromiyaa baatii Amajjii, 2023 keessa buqqaatota godina Horroo Guduruu fi Gujii jiraniif gargaarsa geesse, Suuraa: OPA

Waldaa Haakimoota Oromiyaatiin @oromiaphysician

Finfinnee, Guraandhala 23/2023 – Muuziqaan aartistii fi qabsaa’a mirga dhala namaa du’aan of biraa dhabne, Artist Haacaaluu Hundeessaa, dhukkubbii lammiileen Oromoo nagaa kuma dhibbaan lakkaa’aman naannoo ollaa irraa qe’eefi qabeenya isaanii irraa baqachuuf dirqaman ittiin dhageessise, ammas ol jedhee dhaga’ama. Waggaa afur dura biyyattiin buqqa’iinsi jumlaa kun akka xumuramu hawwitee turte, haa ta’u malee waldhabdeen kun babal’atee gidiraa fi buqqa’iinsa daran hammaate fide.

Naannoon Oromiyaa waggoota kurnan darban keessatti rakkoo buqqaatota keessoo (Internally Displaced People) hamaa rakkoo namoomaa hammaataf sababa ta’e keessummeessaa jirti. Gareen hidhatee Oromiyaa fi naannolee ollaa irraa dhufan, akkasumas tarkaanfiiwwan humnoonni federaalaa fi naannoon fudhataman hundi rakkoo kanaaf gumaachaniiru. Balaan uumamaa rakkoo jijjiirama qilleensaa waliin walqabatus akkuma gogiinsa tibbana hawaasa saaxilamoo godina Booranaa fi naannoo ishee irratti dhiibbaa hamaa geessiseera.

Ragaan istaatistiksii amma jiru nama sodaachisa. Naannichatti buqqa’iinsa walitti bu’iinsaan uumameen buqqaatotni miiliyoona 1.5 ol fi abbaa warraa 285,865 ol godinoota 11 fi aanaawwan 96 keessatti raabsamanii jiru. Iddoowwan buqqaatonni qubatan 142 olitu argamu. Kutaaleen dhihaa fi kibba baha naannichaa baay’inaan kan miidhaman yoo ta’u, Godinni Gujii iddoowwan buqqaatotaa olaanaa (bakka 31) yoo keessummeessu, Godinni Wallagga Bahaa baay’ina buqqaatotaa hedduu (282,245) keessummeessuun sadarkaa duraarra jira.

Bakka Buqqaatotni Aanaa Liiban Godina Gujii (Iddoo Buqqaatota Dhiiraa Qarsaa) irratti garmalee baay’achuu fi gaaddisa dhabuu. Suuraa: OPA

Rakkoon nageenyaa saffisaan hammaataa dhufuun, keessumaa seektara fayyaa keessatti rakkoo namoomaa fideera. Hokkoraafi tasgabbii dhabuun kun hanqina qabeenyaafi hojjettootaa hamaa kan uume yoo ta’u, hanqina kunuunsa yaalaa bu’uuraa fi qorichaa argachuu dhabuun sababa ta’eera. Kunis fayyaa ummataa irratti dhiibbaa hamaa kan geessise yoo ta’u, namoonni yeroo rakkootti kunuunsa yaalaa fi gargaarsa isaan barbaachisu argachuu hin dandeenye.

Iddoo buqqaatonni jiran keessaa bakka tokkotti suuraan daa’ima hanqina nyaataa qabu kaafame dha. Suuraa: OPA

Kana malees, nageenya dhabuun kun geejjibni meeshaalee yaalaa akka addaan citu kan taasise yoo ta’u, hanqinni meeshaalee barbaachisoo kanneen akka qorichaafi meeshaalee yaalaa akka mudatu taasiseera. Buufata fayyaa irraa paanaalii aduu barbadaa’uu fi saamichaan hanqina qorichaafi meeshaalee yaalaa, akkasumas dhiyeessiin ibsaa addaan cituun, aanaalee hedduu keessatti addaan cituu talaallii fideera. Dabalataanis, hanqinni ambulaansii dhukkubsattoota haala yaaddessaa keessa jiran geejjibsiisu, dhaabbilee fayyaa hedduu keessatti tajaajilli addaan cituu, weerarri dhukkuba busaa fi koleeraa, fi hanqinni gaaddisa, bishaanii fi mana fincaanii iddoowwan namoonni buqqa’an qubatanitti rakkoo fayyaa naannicha keessatti mul’atu daran daran hammeessee jira. Walitti bu’iinsi kun dhaabbilee fayyaa naannichaa irrattis miidhaa guddaa geessiseera. Akka argannoowwan yeroo dhiyootti baheen keellaa fayyaa 908, buufataalee fayyaa 158 fi hospitaalonni 6 miidhaan ykn saamamuun, keellaa fayyaa 179 fi buufataalee fayyaa 12 gubatanii jiru.

Godinoota waldhabdeen uumameetti ambulaansonni 70 ol, konkolaattonni biroo 8, fi mootar saayikiliin 81 miidhamuu ykn saamamuu isaanii gabaafameera. Kana malees godinoota kanneen keessatti mootar saayikilii 60 fi konkolaattonni biroo 10 gubachuu isaanii gabaafameera.

Kunis namoonni kumaatamaan lakkaa’aman tajaajila fayyaa barbaachisaa ta’e akka hin arganne taasisuun fayyaa ummataa akka malee akka gaaga’amu taasiseera.

Godina Wallagga Bahaa ganda Gutoo Giddaa Buufata Fayyaa Lugoo keessatti miidhaa qaqqabe, Suuraa: OPA

Rakkoon waraanaa fi namoomaa waggoota afuriif Oromiyaa keessatti muudate bal’inaan dagatamee, erga uumamee booda tarkaanfiin murteessaan fudhatame hin jiru.

Kanaafidha hawaasni addunyaa tarkaanfachuu fi tarkaanfii fudhachuu kan qabu. Dhaabbileen akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbileen idil-addunyaa biroo buqqaatota Oromiyaa keessa jiraniif gargaarsa gochuu qabu. Hundee buqqa’iinsa Itoophiyaa, kan akka walitti bu’iinsaa fi balaa uumamaa hir’isuunis murteessaadha. Buqqaatonni Oromiyaa keessa jiran dagatamuu hin qaban, yaadatamuus qabu.

Gargaarsa fi eegumsa isaan barbaachisu akka argatan gochuuf hawaasni addunyaa tarkaanfii fudhachuu qaba. Dhaabbilee tola ooltummaa, kanneen akka ICRC, World Vision, Save the Children, Manneen Amantaa & Waldaaleen biyya keessaa, International Medical Corps, Mercy Core Ethiopia, Goal Ethiopia, UNICEF, People in Need (PIN), and Action Against Hunger, armaan dura buqqaatota gargaaruuf tattaaffii taasisaa jiru, ta’us guddina rakkoo kanaa yoo ilaalle garuu carraaqqiin isaanii ammallee gahaa miti. Kanaaf hawaasni addunyaa gargaarsa namoomaa namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif cimsuu, akkasumas jireenya isaanii haala nageenya qabuun deebisanii ijaaruu akka danda’an hojjechuu qaba. Dhuma irrattis qaamotni walfalman hundi furmaata dippilomaasii barbaadanii rakkoo namummaan uumame kanaaf xumura akka godhan waamicha goona.

Hubachiisa Gulaalaa: Waldaan Hakiimota Oromiyaa (Oromia Physicians Association) waldaa ogeessota walabaa fi bu’aadhaaf hin hojjenne yoo ta’u, sirna eegumsa fayyaa hawaasaa Naannoo Oromiyaa fi Itoophiyaa fooyyessuuf kaayyeffate kan hojjetudha.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.