Daldala: Chaayinaan meeshaalee Itoophiyaa irraa ergaman keessaa dhibbeentaa 98 taaksii malee gara biyyattii akka seenan hayyamte

Finfinnee, Guraandhala 22/2023 – Chaayinaan Bitootessa 1, 2023 irraa eegalee meeshaalee taaksii itti kaffalaman Itoophiyaa, Burundii fi Nijar irraa gara biyyattii galan keessaa dhibbeentaa 98 gibira malee akka seenan murtaa’uu Komishinii Taarifa Gumurukaa Mana Maree Mootummaa Rippabiliika Ummata Chaayinaa ibsa baaseen beeksiseera.

Tarkaanfiin haaraan kun michoomaa fi tumsa Chaayinaa fi Afrikaa dhugoomsuu, biyyoonni guddina xiqqaa qaban guddina isaanii akka saffisiisan gargaaruu fi dinagdee addunyaa banaa ijaaruuf mijataa ta’uu komishinichi beeksiseera.

Chaayinaan biyyoota guddina gadi aanaa qaban kanneen Chaayinaa waliin hariiroo dippilomaasii uumuu danda’an hundatti suuta suutaan deeggarsa akkanaa babal’isuuf daran ni tarkaanfatti jedheera, komishinichi.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa kan ta’e Zaa’oo Zhiyuwaan, “deeggarsi kun al-ergii Itoophiyaa gara Chaayinaatti taasistu guddisuuf, ummata Itoophiyaaf bu’aa dabalataa fiduu fi michummaa ummatoota keenya lamaan gidduu jiru daran cimsuuf akka gargaaru amantaa guddaan qaba”, jedhe.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.