Af-gaaffii: “Ajandaan siyaasaa mootummaa ammaa ifa ta’uu dhabuun waraana Oromiyaa keessaa garmalee hammeesse” – Koloneel Gammachuu Ayyaanaa

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, miseensa WBO duraanii fi qondaala olaanaa ABO ammaa, Suuraa: Addis Standard

Finfinnee – Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf goole karaa nagaa xumura argachuu isaa fi Kan Oromiyaa keessaatti humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan “Shanee” jedhee waamu jidduutti adeemaa jiru ammoo faallaa kanaatiin hammaachuu hordofee, waraanni kun karaa nagaa akka furamu waamichi dhiyaatu dabalaa jira. Dhimmoota waraana wal-xaxaa ta’aa dhufe waggoota afuriif adeemaa jiru kanaan wal-qabatan akkasumas hiree waraanicha karaa nagaa xumura itti gochuuf jiru ilaalchisee Beekaa Atoomaa Boruu miseensa WBO duraanii fi yeroo ammaa qondaalaa olaanaa ABO kan ta’an koloneel Gammachuu Ayyaanaa waliin haasa’ee ture.

Guutuu af-gaafichaa:

AS: Irra hedduu waa’ee Waraana Oromiyaa keessaa haasofna garuu, turtii mana hidhaa keessaniin osoo eegallee bareeda. Mee akkam ture?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Yeroo duraa bara 2011 qabameen turtii waggaa tokkoo booda bahe. Sana booda yeroo ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa sana namni baay’een hidhamee Jawaar [Mohaammad], Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa faa yennaa hidhaman sana isaanitii makamuu baannus  warri Adda Bilisummaa Oromoommoo qofaatti  hidhamne. Anis isaan faanan hidhame. Nuti Oromiyaatti hidhamnee jaalleewwan amma sii kaase kunimmoo feederaalatti hidhaman. Sana booda baatii afur yookinn shan booda anaa fi jaalleewwan biroo kan akka Abdii raggaasaa, Mikaa’eel  Booranaa, kennasaa Ayyaanaa faa fi kanneen biroo baay’ee wajjiin. Warroonni maqaa waame kuni hoggantoota qofa malee kanneen biroo hedduu kumaatamaan lakkaa’amu. Walakkaasaanii anuu hin beeeku. Akkasitti manni murtii fi abbaan alangaas jara kanneen irraa himannaa hin qabu jedhe.   Abbaan alangaa himannaa hin qabu jedhe, erga manni murtii himannaa hin qabu jedhe abbaan alangaas haa gadi lakkiifaman jedhe.  Yeroo lama balbala mana hidhaatii qabamnee gara mana hidhaatti deebine. Dhumarratti himannaa dura addaa cite kan federaalaa jaalleewwan kanneen irraa adda naa baasanii feederaala na geessan. Ana qofa jechuudha. Himannaa isa duraa addan kunne sana irra deebinee himanna jedhan.  Manni hidhaa kan Oromiyaa suni ulfaataadha. Sidist kiiloo iddoo amma waajjira koomishinarii Oromiyaa  ta’e kana keessatti hidhaa turre. Abukaatoo kee hin argitu. Maatiin siin arguu,  nyaati siin dhiyaatu, guyyaatti qarshii digdamatu siif kennama. Achitti gara nama dhibba sadi yookinn afur turree. Nuti garuu qofaatti hidhamna.  Kan si dhibu gaafa sana Dooktor shuggux Galataa kan amma biyya Jarmanii jiru tureera. Achii Saansuuzuu nu geessan. Saansuzuu sanatti dhiphinni waan tureef namni dabareedhaan ciisuu danda’a malee walfaana nami hunduu ciisuu hin danda’u. Achiimmoo Daalattii nu geessanii. Daalattiitii yeroo lama bahaa jennaan yeroo lamaanuu balbalatti nu qaban.  Achiimmooo ammas Sidist Kiilootiin deebi’e. achiii qofaatti baasanii himannaa keenya durii sanatti deebina jedhan. Gaabbineerra jedhan.  Achiimmoo Meeksiikoo, Abbaa Saamu’eel, Qiliinxoo 9Qiliinxoon zoonii lama qaba), Qaallittii torban tokko keessatti zoonii sadi keesssattiin hidhame. Torbee lama qofaan ture.   Qofaa bakka namni  qofaatti eega,muu qaba balaa wahii geessisa jedhamu keessa turu keessa qofaa koo bakka tokko na kaa’an jechuudha. Akkasitti egaa mana murtiitti iyyannee Qiliinxootti haa deebi’u jedhee manni murtii murteesse garasitti na deenbisan. Tartiibasaa eegamee murtee gaafa natti kennamu ragaa baay’ee natti waaman. Ragaan tokkoyyuu garuu natti baasuu hin dandeenye. Nuti nama 20 turree ana dabalatee nama 12 ofirraa ittisuun otuu hin barbaachisin jarreen kuni balleessaa waan hin qabneef haa bahan wanta itti himatanitti ragaan itti dhiyaachuu waan hin danda’iniif walabadha jedhe.  

AS: Murteen kuni erga hammam hidhamtanii booda tae?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Erga waggaa lama hidhamee boodadha.  Isa duraa wajjiin waggaa lama. Guyyaa lammataa ajajni mana murtii akkuma dhufeen gadi nu lakkisan. Achumatti balbaluma sanatti poolisiin Finfinnee, poolisii federaalaa fi humna addaa Oromiyaa nu qabe. Konkoolaataa 12 meeshaa waraanaa gurguddaa kan akka  bireenii Diska hidhachuun karaa cufanii nu qaban. Achii Galaan Dirree Sololi’aa iddoo jedhamu nu geessan.  Achiis torbee tokko turre.  Awaaash Malkaasaa bakka jedhamu  jaal Battee [Urgeessaa] wajjiin nama dhibba afurii ol taanee turre. Iddoon kuni gaa si’oolii dha. Sana booda Galaan nu geessan. Galaan bakka lama saditti. Achiitii ammas otuu ani hin hiikamin abbaan alangaa hiikamuunsaa sirrii miti jedhee na himate. Ani garuu hin hiikamne.  Mana murtii waliigalaa feederaalaatti na  himate.  Sana booda gara Meeksikoo na fidan. Mana hidhaa Meeksikoo kana si’a sadaffaan deebi’eee dhufe. Achii gaafa mana murtii waliigalaa feederaalaa dhaqu poolisiin na to’atee hidhameen dhaqe. Dhaddachi suni garuu otuun ani ala jiruu himannaan natti baname itti fakkaate. Beellama sadii afur  booda abbaan alangaas abbaa isa hidhe hin beeku jedhe. Poolisiinis anbba hidhe hin beeku jedhe. Ani garuu man hidhaan jira. ‘[Abbaan alangaa] galmee kana hin ilaalu jedhee cufe. Ana garuu mana hidhaatti na deebise. Erga namni na himatu hin jiraannee na gadhiisuu qaba ture. Achii ammas ji’a sadi booda dhimmi nama kanaa naaf ilaalamuu qaba jedhee abbaan alangaa ijibbaata narratti iyyate. Achii waan dhaqeefan bahe.

Ani kana haasa’uus hin barbaadu waan na gaafateef malee. Hidhamuu koo caalaa Oromiyaa keessa dararrii baay’ee fokkisaatu jira. Kuni otuu jiruu nan rakkdhe nan hidhame jedhanii himachuun namatti ulfaata. Ijoolleen Dambi Doolloo fi eessatu wanta ta’aa jirtu argaa jirra mitii? Ajjeechaa fi dararriin jira. Kanaafuu,  wanti sni otuu hin himin hin darbine manneen hidhaa wal hin fakkaatan . kan Oromiyaa beelatu jira, aduu hin argitu, maallaqa yoo qabaatte malee wal’aansa hin qabdu, firri fi abukaatoo keetiin wal hin argitu. Abbaa amantaa kee wajjin wal hiin agartu bakka ati jirtu namni hin beeku. Poolisiin ani waaanan gar-laafeessa ta’eefi malee si ajjeesuu nan danda’aa mirgi naaf kennameera siin jedha. Qofaatti otuu hin taane walgahii walitti qabanii kana nutti himu.

Garaa kaasaan seenee ture. Doktoorri dhufee qorichisaa bisahaan dhuguu dhiisudha. Bishaan dhissaa nun jehde. Animmoo dooktora dhugaa ta’uusaaa ani nama kana nan beeka.

 Nuti qoricha warra Tigraayitti waraanarra jiraniifuu qoricha dhabneerra. Isinimmoo diina keenya isiniif qoricha hin qabnu waan ta’eef qorichi dhukkubichaa bishaan dhuguu dhiisuudha waan ta’eef bishaan dhuguu dhiisaa nuun jedhe. Oromiyaa keessatti haaalli qabiinsa foyya’ann kan jiru kan poolisiin dhufee dirree seenee kubbaa nu wajjiin taphatu kangaafa ayyaanni Irreechaa kabajamu poolisiinnu faana kabaju mana sirreessaa Daalattii kan godina Sabbataatti argamu qofa. Achitti poolisii fi bulchiinsa mana hidhaa wajjiin walitti dhufeenyi keenya gaarii ture.

Kan biraammoo buufata poolisii Galaanitti poolisiin nun doorsisu, midhaan nun dhoowwatan, maatii fi abukaatoo wajjiin wal nu argisiisu ture. Bakka sanatti namniakka namatti namni nama ilaala. Poolisiinis akka namaatti nu ilaalu ture. Namarraa darbees nutis Oromoodha jedhanii akka namaatti nu ilaalu. Bakka kana galateeffachuun barbaada.

Feederaalatti dhugaa argachuun hraka mana hidhaa hin jiru. Harka abbaa alangaa poolisii qoratuu fi mana murtii jira. 

Bulchiiinsi mana hidhaa inni Meeksikoos, abbaa Saamu’eel, Qaallittii, Qiliinxoo  walumagalatti bakka 18tittiin hidhame namni namatti dubbatu hin jiru. Poolisoonni achi jiranis Tigrees, Amaaras, Kambaataas haa ta’an amala poolisiitiin dhugumaan kan leenji’ani. Baay’ee nama kabaju. Dhimmi koo dhimma mana murtiiti yoo ta’e na to’ateetu mana murtii na geessa. Na deebisa yoo ta’e na deebisa. Akkasitti hidhamuufii sakatta’amuunimmoo seera. Maaliif akka kaateenaadhaan nu hidhan, maaliif akka nu sakatta’anii fi nageenya keenyaaf akka ta’e  nutti himaniiru.  Poolisonni kunneen umriinsaanillee ijoolleeedha. Haata’u malee namni mirga namaa sarbuu fi nama arrabsu, nama xiqqeessu,  namatti bu’u hin jiru.

 Pollisootuma kanneen keessaa kan amala dhuunfaa xixiqqoo kan akka dafanii aaruu fi loluu kan qabanis jiru. Bulchiinsi man hidhaa Qilinxoo, Abbaa Saamu’eel, Qaallittiis kaniin komadhu hin qaqbu. Baay’ee galatoomuu qabu. Akkasitti jajjabaachuu qabu. Akkasumatti gara fulduraatti deemuu qabu jedheen yaada. Isa hafaniifis fakkeenya ta’u.  Dhugaa dhumaa argachuuun garuu harka isaanii hin jiru. Fakkeenyaaf beellama waamamtee sin hambisan. Sa’aatii keetti yeroo keetti deemta. Gara mana murtiittis yoon deeme  poolisiin feederaalaa waliigalaa abbaa na himate otuu hin argamin poolisii fi abbaan alangaa ani hin himanne abbaa himate hin beeku otuu jedhuu  mana hidhaatti na deebisuun irra hin turre. Gadi na dhiisu qaba komiin jedhun qaba. Barnoota seeraa hin qabu. Kanaan alatti amnni murtiii feederaalaas dhugaa kana natti hir’iseera jedhee wantin komadhu hin qabu. Dhimma koo ilaalee murteesseera. Ajajas mana hidhaatiif kenneera.

Kan Oromiyaa fokkisaaadha. Manni murtiis aangoo hin qabu. Kan feederaalaa wayya. Jaalleewwan keenya kumaatamaan achitti hidhamanii jiru. Kaniin wajjiin ture qofan sitti hima. Jaal  Abdii Raggaasaa, Jaal Mikaa’eel Booranaa, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa, Gadaa Oljirraa abbaan alangaa himannaa hin qabu jedheera, manni murtiii haa gadi lakkifamman jedheera, garuu ammas manuma hidhaa jiru. Kanaafuu, manni hidha Oromkyaa fi feederaalaa garaagarummaa guddaa qabu.

AS: Akka yaada keessaniitti maaltu hidhaa garee hoggantoota Adda Bilisumma Oromootiif sababa ta’e?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Ani umriin koo deemeera. Rakkoo kan keessa yeroo dheeraadhaaf kan turu siidha. Rakkoon Oromiyaa keessa jiru anarratti otuu dhumatee nan gammada. Dhaloota iiti aanu otuu mudachuu baatee. Itoophiyaan gaafa uumamtu Oromoodhaaf obsa tokkollee hin qabdu. Oromoon addattii badiin inni raawwate hin jiru. Namni inuma balleessa Oromoon badii adda ta’e hin qabu.

Buyyattiin tuni Oromoodhaaf akka obsa yookaan tola hin qabne godhamteetu uumamte. Uumaasheetu akkasi. Yeroo tokkotti nama kana hunda mana hidhaatti galchuun kanumaafi.

Itoophiyaan kuni guuboo sibiilaati.  Itoophiyaan Oromoo guuboo sibiila kanatti naqxee affeelti. Isa dura bilchaaate baaftee nyaattee isa hafe deebiftee itti qadaaddi. Oromoodhaaf obsa tokkoyyuu hin qabdu. Kunimmoo uumaa isheeti.

Humnaan weerartee cabsite. Uummati kuni humnaan cabe.   Gabrummaa gosa  lamatu jira. Kan ati dadhabaa taatee ofiin fudhattuuu fi otuma tattaafattuu gabrummaa sammuun kee hin fudhanne garuu humnaan gabroomsaniidha. Akkasuma Oromonn gabrummaa kana takkaayyuu hin fudhanne. Uummati hin fudhanne kunimmoo akka ol hin jennetti gadi qabamee taa’uu qaba. Kanaafimmoo hundayyuu gaaafa tokotti nyaachuu waan hin dandeenyeef  guuboo (okkotee) sibiilaatti naquun isa bilchaate baasanii nyaatu.

Abalu hidhame abaluu ajjeefame ablu akkas ta’e kan jennu kan jedhan nama achii keessaa isa dura bilchaatee dha. Isaan kaawwan kan dhiisan waan obsa qabaniif otuu hin taane yeroo waan isaanii kennuufi. Itoophiyaan Imppayera. Mootummaa Abisiniyaatu uummatoota kibbaa, bahaa fi gara dhihaa keessa turan humnaan cabsee gabroofamtee biyya tolche. Biyyi humnaan tolfame Itoophiyaa qofa.  

Warri kaan warri Faranjin [biyya] akka biyyaatti tolchan. Isaan humnaan cabsaiis dafanii dimookraatessani walqixxeessan.  Itoophiyaan hiree kana hin arganne. Akka gaafa cabsitee bittee sanatti jirti. Uumaan itoophiyaa Oromoof obsa hin qabdu. Bakka hin qabdu. Dhalannee akka carraa bira geenye malee warri nu dura darbanis akkasii warri nuti itti aannus akkasi dhaloonni amma jirus akkasi ijoolleen keenyas akkasuma.

Waggaa lama yookiin sadi dura gaafan mana hidhaa Finfinnee turetti Dooktor Taaddasaa Eebbaa dhufe na gaafate.  Mucaa tokkotu mucaa waggaa 18 yookiin 19 ta’aa anuma waliin hidhamee jira jira ture.  “Gammachuu waggaa afurtamii shan dura mana hidhaa kana keessa akka ture. Kaniin gaddu sitti dabarsuu kooti,” naan jedhe. Anis mucaa xiqqaa ana wajjiin hidhame sana agarsiiseen  kantu si ajaa’ibaa anuu ilma kootti dabarseeraan jedheen deebiseef.  Yoo hin bilisoomin ittuma fufa jechuudha.

Fakkeenyaaf isa fagoo dhiifnee Itoophiyaa keessatti bara bulchinsa Haylasillaasee waldaa wal gargaarsaa adda addaatu ture. Maccaa fi Tuulama  kan Guraagee kan Manz, Gondar Tigraaytursniru. Kan Maccaa fi Tuulamaa inuma boodadha.  Itoophiyaan garuu waldaa maccaa fi tuulamaatiif obsa dhabde. Maccaa fi Tuulamni macaafa qulqulluurraa fudhatee obboleessa kee akkamataa keettii jaaladhu kan jehdu loogoo godhate.  Isuma kanayyuu obsuu dadhaban. Maammootiin dirreetti baasanii fannisan Taaddasaa Birruu rashanan. Haaylammariyaam gammadaa faa mana hidhaaatti midhamee bahee du’e. Seefuu Tasammaa faa meeqatu biyyaa baqate.  Kanaaf Itoophiyaan uumaasheetu Oromoodhaaf obsa hin qabu. Kanuma.

AS: Mee amma gara Waraana Oromiyaa keessaatti haa deebinu, ka’uumsi isaa maali?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Kuni kan uumame sababa mootummaan waliigaltee ture diigeefi. Kuni bara mootummaa badhaadhinaa qofa otuu hin taane bara ADUWAI’ttis uumamee ture. Yeroo mootummaan ce’umsaa hundeefamee turetti jalqaba ABO’rratti duulli baname. ABO dhiibanii biyyaa baasan. Namni itoophiyaan dhaaba ABO jedhamu kana waan jibbitu se’a. Itoophiyaan garuu Oromoo jibbiti. Ijaaramuu Oromoo jibbiti. Ijaaramuun humna.  Dhaabbanni humna fida. Humnimmoo haala jijjiira. ABO addatti hin jibban.  Jaarmayaa Oromoo jabaate dhaabbattetti duula jabeessu. Haata’u malee, eenyuufuu hin hilan. Oromoo maqaa lafaatiin ta’ee waaqaatiin yoo ijaarame Itoophiyaan hin eeyyamtu. Ijaaramuun humna; humnimmoo jijjiirama fida. Jijjiiramnimmoo Impaayera kan jijjiira. Kanammoo beeku impaayerri otuu hin diigamin hafe hin jiru.  Itoohiyaanis gaaf tokko ni diigamti. Biyyoonni humnaan bitamanis ni bilisoomu. Guyyaa qaba malee Oromoo, Sumaalee, Affaar ni bilisoomu. Bilisummaan kuni akka akka ta’uu danda’a. Oromoon Affaar yookiinn Sumaalee wajjiin biyya ta’uu danda’a. yookiin Kambaataa fi Walaayittaa wajjiin biiya ijaarachuu danda’a. bilisummaa jechuun qofaaatti bahuu otuu hin taane akka fedhasaatti murteeffachuu jechuudha.

Kanaafuu, ABO qofa waan ta’eef miti. Ijaaramuun Oromoo yakka. Yoo ijaaramte Impaayera ofirraa qolatta. Impaayerrimmoo deemtee deemtee akka diigamtuu beekamaadha. Kan diigummoo warra ijaarameedha. Kan ijaarameetu ofirraa diiga. Kanaaf obsa dhabu.

 Gaafa Haylasillaaseen luboota amantaa (qeesota) Kabbadaa Buzunesh faa Janaraal Taaddasaa Birruu faa lubooti amantaatti qeesii erge dhugaadha jedhanii araara waan fudhataniif mana hidhaatti dhuman. Jarreen ksns ni fixan. Oromoon ortodooksii yoo ta’u dhuguma ta’a. Pirooteestaantii gaafa ta’u dhuguma ta’a. Musliima gaafa ta’uus dhuguma ta’a. Macaafa qulqulluu qabatnii gaafa itti dhaqan dhuguma jedhanii fudhatan. Kan dhume jara kan qofa miti. Warra tokko tokko haasa’aa jirra malee. hiyyeessa hedduutu du’e. Aadam Saaddoo faa akkasumatti du’an.

Ijaaramuun yakka waan ta’eef ABO’rrstti duulan malee waan biraa waan ta’eef miti. Ati maqaa biraayyuu baafadhuutii oofii ati akka Oromootti ijaaramuu hin dandeessu. Yoo faddaalaa taate malee. Faddaalaa jechuun Abisiiniyaa fi qabeenya Oromoo kan walitti fidu jechuudha. DHDUOn amma Jaaarmayaa miti. Faddaalaa dha. Isheeyyuu garuu ni sodaatu. Maaliif namni gaaf tokko nama ta’uunsaa waan hin oolleef akka inni hin dammaqneef godu. DHDUO keessaas anmni hidhaatti dhumate jira. Meeqa ari’ameera meeqa ajjeefameera. Isheellee ni sodaatu.  ABOn immoo dhimbiibbaa dhiigaa fi imimmaan ilmaan Oromooti.

Fincila qotee bulaa, qaboo Waaqooo Guutuu fi qabsoo Maccaa fi Tuulamaa keessa ABO bahe. Kanaaf dhimbiibbaa dhiigaa fi imimmaan Oromooti. ABO addatti sodaatu, irratti duulu. Garuu giduuu dubbii Ijaaramuuun Oromoo dhorkaa ta’uudha. 

AS: Wayita Eertiraa galtan qabsoo karaa nagaatti amantaniiti kan dhuftan, qabsoon hidhannoo akka itti fufu kan taasise waliigalteen keessan diigamuudhamoo, duruma qabsoon hidhannoo ni barbaachisa ejjennoo jedhutu ture?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Qabsoon qeerrron bara 2016 irraa eegalee Oromiyaa keesatti gaggeessaa turuu beekamaadha. Isinis nu caala beektu. Inni suni jijjirrama mootummaa fideera. Gaafa sana badhaadhinni hin jiru ADUWAI tu ani of jijjiireera sirna kana nan fooyyeessaa mormitoota wajjiiin qabsoo karaa nagaa nan gaggeessa. Dimookraasiirratti bulchiinsarratti nageenyarratti jijjiiraman fida kan jedhu  Dooktor Abiy jijjiirama baay’ees fidanii warroonni qabsoo hidhannoorra jiranis karaa biraa biyya kanaa ari’aman nagaan galanii akka qabsaa’an kan jedhu  haasaan eegalame. Kuni ABO qofa mitii waliin miti jaarmayaa biroos hedduu jiru. ABOnis isaan keessa tokko ture. Asitti waliigalteenbarbaachisaa dha kan jedhu dhiibbaan uummata Oromoos guddaa ture. Akkaataan Abiyyii fi Lammaa Magarsaayeroo sana pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ture itti haasa’aa turan abdii kan kennu ture. Akkasitti feederaalarraa Dookotor Warqinah Gabayyoo fi Oromyaarraa Lammaa Magarsaa haasaadhaaf Asmaraaa dhufanii wajjiin haasofnee ture.   Akka carraa ta’ee ani haasaa kanarra argameen ture. Akkan argamu kan gaaffii dhiyeessee Lammaa Magarsaa ture malee ani miseensa gumii ABO hin turre. Garuu ABO nus waan beekuuf namni kun otuu nu gidduutti argamee jedhee hayyu duree Dawudiitti bilbile. Isaanis haa argamu rakkoo hij qabu jennaanan argame.

Tokko haasofne, kan si dhbu haasaa gabaabbaa goone.  Akkaataan isaan itti nutti dhiyaatan adda ture. Haaldureen homaa tokkoyyuu hin barbaachisu galaa nuun jedhan. Uummata keenya wajjiin qabsooofnee wanti dabe yoo jiraate sirreessina. Uummata akka nu gargaaru goona. Abbaan qabsoo Oromoodha. Gama keenyaas keessanis wanta Oromoon sirreessaa jedhe mari’annee hojjjanna yaada jedhu fidan. Nuti garuu haalduree dhiyeessineef qabna ture. Tookkofaa Waraanni Bilisummaa Oromoo biyya keessa fi Eritraa jiru akkam ta’a kan jedhu ture. Lammata kan kaafne dhiimma waldaa Maccaa fi Tuulamaati. Waajjirri waldaa Maccaa fi Tuulamaa cubbuudhaan cufame. Maccaa fi Tuulamni jaarmayaa aABO liti. Haata’u malee, ABOn waa’ee jaarmayichaa dhiisuu hin danda’u. Maccaa fi tuulamni Oromoodhaaf dhimma ijoodha. Gatii guddaatu itti kafalame. Ammallee kafalamaa jira. Bara sana   Wayyaaneen Finfinnee keessatti waajjira Maccaa fi Tuulamaa cuftu  waajjiirri mirga beeyladaaf falmatu lafa Tuulamaarra jira.  ABOn kana dhiisuu hin danda’u. cubbuudhaan cufame. Nuti ABO kan taaneef waan Oromoo taaneefi. Kan keenya yoo ta’uu baate Maccaa fi Tuulamni dhimma Oromoo waan ta’eef dhiisuu hin dandeenyu. Jaarmiyaa kana Oromoon akkamitti akka ilaalu ni beekna. Waajjirri Maccaa fi Tuulamaa akka haaraatti banamuu qaba.qabeenyi mootummaan kanan dura jalaa balleesse fi dookumentii irraa fudhate yoo jiraate deebi’uu qaba yookaan beenyaaan kafalamuu qaba. Kunis harka kenya jira jedhan. Qabeenyi bade yoo argame ni deebi’a yoo dhabames ni ijarra. Jaarmayaan kuni kan hunda keenyaati jedhan.   Dhuguma Maccaa fi Tuulama kan hunda keenyaati. Kuni gaaffi salphaadha jedhan.  Itti aansuun kan kaafne dhimma dhaabbata Gargaarsa hatattamaa Oromoo (Oromo Relief Association). kunis Jaarmayaa ABO miti.  Jaarmayaa garggarsa dhalattoota Oromoo biiyya ollaatti baqataniiti. Irra guddaan Oromoo siyaasaan baqata. Jaarmayaa warra kanaaf gargaarsa namoomaa adda addaa kan kennuudha. Innis baruma ADUWAI waajjirri cufamee qabenyisaa saamame. Isas akkasuma gaafanne. Kunis dhimma waloo hunda keenyaati. Inni biraa bara ADUWAI miseensa hojii raawwachiftuu ABO Jaal Nadhii Gammadaa  dabalatee  namnk hedduu bakka buuteen isaanii dhabmee ture. Kanas dhugaan argamuu qaba jenne. Du’aniis lubbuudhaan jiraatanii dhugaan argamuu qaba jenne gaafanne. Kana qofaa miti miseensi DHDUO kan dhabamanis ni jiruu dhugaa kana walumaan barbaanna kan jedhrratti waliigallee ture. Nuti akka jaarmayaatti ADUWAI wajjiin araaramuu keenya. Yakkamtoonni akka dhuunfaatti garuu murtii argachuu qabu. Sababa siyaasaas ta’ee kan biraatiin namni qabeenyaa namaarratti miidhaa geessisee fi lubbuu namaarratti balleesse  murtee argachuu qaba. Dhiifama gaafachuun murteedha. Ani balleeseera  jechuunuuu dhiifama jechuunuu murteedha. Jaarsummaanuu murteedha.Mana murtii qofa miti.  Inni kunis rakkoo miti ittti jirra jedhan. Dhugumas namoota hidhaa turan.

Inni biraa Waraana Bilisummaa Oromoo biyya keessaa fi alaa maal akka ta’uu ture. Isaanis isaan umrii fi fayyaan guutan gara humnoota nageenya mootummaatti daballa jedhanii ture.  Isa kana guutuu dadhabee fi fedhii dhabe akka uummataatti gadi dhaabna. Wanta barbaaddetti fi ogummaan isaa eeyyamutti hojjatee akka jiraatu taasifna. Isa hidhatee biyya keessa jiru karaa ABOs karaa mootummaanis dhukaasi akka dhaabbatuu fi koomishinii dhukaasi dhaabachuu mirkanessu tokko dhaabna. Koomishinaroota kana raawwachaa turan lammilee idilees ta’ee hoggantoota waraanaa  hedduu qabna. Alagaayyuu yoo ta’e dhimma itti hin qabnu. Dhimmimkuni dhimma ogummaati. Sana booda naannoo bilisa ta’e (free zone) tokkotu uumama. Naannoo kanarra waraanni mootummaas ABOs hin sosso’u. akkasuma isa Eritraatii dhufuu sana umrii, fedhii fi fayyaansaa ilaalamee kanhumna waraanaa oromiyaa dabalamuu danda’u isammoo ogummaa biraa qabu ogummaasaatiin isammoo qoteebulaayyuu haa ta’u maal haata’uu adeemsa mataasaatiin gadi dhaabna. Iini adeemsa keessa ta’a;wanta guyyaa tokkotti ta’uu miti kan jedhurratti waliigaluun ABO guyyaa sanaaeegalee waraana dhaabuu labse. WBOn kanahojiirra oolchee jira. Gaafas lakkosisaas xiqqaaa fi bakki inni jiruyyuu xiqqaadha.akka ammaa kan hin se’in.

Garuu gaafuma kuni ta’uu waraana kaabarraa Eritraa eegu kaasanii irratti bobbaasan. Achumaa waraana kaaba ture kaasanii gara Wallaggaatti bobbasanii lolli ka’ee itti fufe jechuudha. Akkasitti waliigalteen keenya suni galma gahuu dadhabe.     Waraana kana qawwee itti qabdee hikkadhu yoo jetteen karaan otuu hin taane booji’uu jechuudha. WBO immoo bara darguus Wayyaanees tureera. Yeroo tokko tokkoo jabaachaa yeroo tokkom tokko laafaa jechaadha. WBO humna waraanaa otuu hin taane dhaaba siyaasaati.  Of ittisuuf jecha waraanatti gale malee gaaffiinsaa gaaffii siyaasaati. Qawwee irraa hiiktee mana hidhaa galchites waan bilisummaa inuma yaada. Beela’ees miidhamees yoo booji’ame siyaasa yaaduu hin dhiisu. Sababiisaa namasiyaasaati malee humna waraanaa miti. Kanaafuu WBOn gaaffii siyaasaa hin fixatu. Akkasitti gufate. Waajjirri ABOGullallee. Anis Jaal Daawudiis wbo qunnamneen akka obsaa fi bilchinaan akka ilaalan akeekkachiifneerra.  Abdii Raggaasaa Boorana dhaqeera. Jaal Gammachuu Abbooyyee faa bira. Hayyuu dureen Wallagga dhaqee Marroo faa wal argateera. Ani Horoo dhaqeera. Ijoollee horroo jirtu waliin mari’adheera. Qabsoon karaa nagaa kuni madaquunuu nama rakkisa. Keessa keenyattuu akkasumatti amanana. Namni hidhatee ture gara nagaatti yennaa deebi’u qabsoon keessa keenya jiraachuu danda’a. garuu Oromoof jecha kana shaakaluu qabna. Qawwee dhiigaan dhufe yeroo hiiknu nutti dhaga’amuu danda’a. Uummanni Oromoo beela’uu dheebochuu danda’a. Booranni WBOtti hiyyoomee. Oromoon hundi itti rakkatus Booranni garuu loonsaa kumaatamaan itti dhabe. Isa kana gaafa qawwee lafa keessu sitti dhaga’amuu danda’a. garuu fuldura Oromoof jecha obsuu dandeessu. Otumanuti isaan bira jiru otuu Daawud ibsaa beggi jiruu kutaan waraanaa Naqamtee jiruu itti darbee duulaa jira. Akkasitti otuu galma hin gahin hafe.

Kanaaf sababii guddaan mootumman waliigaltee sana fudhachuu dhabuudha. Biiroo Asmaraa cufsiisaa ijoollee asiitti waraana bobbaasun rukutuun eegale. Kunimmoo dogoggora mootummaati. Waajjira meeqa cufta? Gaaaffiin gaaffii uummataati. Waraanni gaafa miidhamuu dubbiin achi dheerachuu danda’a. hambisuun garuu hin danda’amu. WBO jiila (gaabbii) qaba. Wanti abra Wayyaane ta’e jira. Of eeggachuu qaba. Waliigalteen suni mootumaan dhugaadhaan fudhachuu dhabuudha.adeemsa waliigalteen suni itti hojiira oolurratti miti. Inni hin eegalamneeyyu. Waraana Eritraadhaa dhufee Arsii qubate gaaffii xixiqqoo gaafannaan dhukaasanii ajjeesaniiru. Warra magaadhaan galla jedhanii Marroo faarraa adda bahanii Baqqalaa garbaa, Jawaar Abbaa gadaa Bayynaa Sanbatoo dabalatee koree teeknikaa uumame kan nama 72 of keessaa qabu summii nyaachisan.

Kanaafi waliigaltee sana mootummaan tokkoyyuu hojiiirra oolchuu kan fedhii hin qabne ta’uu baramnaan waraanni bosonatti ahfe malee karaa nagaaatiin qabsoo hin danda’amu jedhee waan yaadeef miti.karaa nagaatiin akka hin danda’amne kan godhe mootummaadha.

AS: Haalli waraana Oromiyaa keessatti deemaa jiruu baayee wal xaxaa taeera. Gareewwan irratti hirmaachaa jiranis dabalaa jiru. Waraana kana akkamitti ibsuu dandeenya? Eenyutu Eenyu lolaa jira?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Ejjannoon WBO ifadha. Bilisummaa Oromoo dura kan dhaabbatu diina Oromooti jedheetu lolaa jira.    ,anis Oromoo ta’uu koottii fimiseensa ABO ta’uu kooti baay’een gammada.  Oromoon uummata mul’ata qabuudha. Egereesaa kan yaadu malee har’uma qofa kan yaaduu miti.namni abbaan aangoo wan jijjiirameef gaaffiinsaa hin jijjiiramu. WBOn bara Darggus inuma lole. Bara ADUWAIs inuma lole. Ammas inuma lola. Enyutu aangoo qabatee eenyutu dhiiseef miti. Gaaffisaaf lola. Namoonni gaafa ministeera ta’an gaaffisaanii dhiisan jiru. Kan gaafa paarlaaamaa seenan gaaffisaanii dhiisan jiru. ABO keessas warri akkasiti bahan jiru.             WBOn bilisummaa oromoo dura kan dhaabbatu diina kooti jedhee amana. Sabas ta’u jaarmaayaas ta’u. Yoommoo issa gargaara ta’e Amaaras haa ta’u Guraagee haata’u Tigrees haata ‘u firasaati. Dhuguma Oromoon mirga hireesaa ofiin murteeffachuu kabajamuu qaba jedhee yoo amane fira ABOti. Kan WBO ifadha. Adeeemsa siyaasa Itoophiyaatu ifa miti. WBOn waraana mootummaa Itoophiyaa wajjiin wal waraana. Waraana mootummaa Itoophiyaa kan jennu waraana feederaalaa qofa miti. Humni addaa Oromiyaa fi Amaaraa kan bakka biraa jirus waraana Itoophiyaa jalatti ajajama. Humni Faannoo jedhamu kan mootummaa Amaaaraatiin leenji’uudha. Mootummaan Amaaraammoo mootumma biyya bulchaa jiru keessaaa qaama tokkoodha. Ksn inni hidhachiisee baasu Wallaggatti duulee WBO fi humna addaa oromiyaa lole. Humni addaa Oromiyaas waraana mootummaati. Wareegama guddaa kafaalaa jira. Hospitaala Shaambuutti humna addaa oromiyaa madaa’a bakka ciibsan dhabanii dirreerra ciibsaa jiru. Hamma humnasaanitti humni adda oromiyaa kanumti WBO addamsuu uummata naannoo sanaa tiksuuf wareegama kafalaniiru. Badhaadhinni Oromiyaa fi badhaadhinni Oromiyaa maal waliif ta’u kan jedhu gaaffiidha.Kan WBO ifadha. Qaama hiree murteeffannaa Oromootaa fi uummatootaa dura dhaabbatu diina kooti jedheera. Kanarraa kan hafe qaama rakkoo kana karaa nagaatiin fura jedhu wajjiin bakka qaamni sadaffaan jirutti mariidhaan dubbii fixuuf qophii ta’uu karaa miidiyaa adda addaatiin ni dhageenya. Karaa mootummaatiin garuu WBO wajjiin haasa’uun barbaada kanjedhu hin dhageenye. Heerri seerri fi kaayyoon WBO kaayyoodhuma ABO kora 4ffaaABO bara 2017 Eritraatti baafateedha. Homaa hin foyyeessine.kaayyoo fi heri keenya kanuma ti. Garuu adeemsi mootummaa ifa miti. Amaarri amma beekamtii mootummaa feederaalaatiin ala Eritraa wajjiin hojjatu. Maal jechuudha? Waraana Amaaraa ta’ee Eritraatti leenji’ee deebi’ee Horroo tti kan booji’ame jira.  Akkas taanaan Oromiyaa eeyyama mootummaa feederaalaa malee Raashiyaatti ergee waraana barsiifachuu danda’a jechuudha. Keeniyaatti barsiifachuu danda’a jechuudha. Kanaaf badhaadhinni eenyu wajjiin firooma akka qabuu fi tooftaa akkamii akka qabu fi diinnummaa eenyu wajjiin akka qabu kaayyoo siyaasaa mootummaan amma itti jiru ifa miti. ADUWAIn mootummaa badaadha. Kanaafan dhiisee bahe. Ta’us siyaasatti hin bu’in malee halkan kaatee gara barbaadde nagaan socho’uu dandeessa. Amma garuu asii katee Hoolotaa darbuu hin dandeessu. Yoo karaa [paartii] badhaadhinaatiin ta’e malee Gammachuu maqqa jedhu qabatte gondarii fi Baahirdaaritti mana siree qabachuun rakkisaadha. Hrirrii siyaasaa mootumma kanaa maali? Maal milkeessuu barbaada? Muummichi  ministeeeraa yennaa dubbatan nan dhaga’a garuu naaf hin galu. Gaazexaa, televiziyoona dhageeffachuun mootummaan ADUWAI badaas haa ta’u gaarii bara dhufu akkas gochuu danda’a jettee tilmaamta.  Mootummaan ammaa kuni garuu boru maal gochuuf akka demu tilmaamuu hin danda’u. ADUWAIn aantummaan keenya qotee bulaadhaaf jechaa ture. Kan Badhaadhinaa garuu daldaalaa, dafqaaan bulaa barsiisaa barataa moo qotee bulaadha? Eenyuun akkamitti ilaala?

AS: Kanaaf ajandaan siyaasaa ifa tae dhabuun paartii Badhaadhinaa waraana kana daran wal xaxaa taasiseeraa?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Waraanni Oromiyaa keessatti deemaa jiru waggaa shan ta’eera. Waraanichi yeroo eegalu dhiiphaa haa ta’u malee babal’achuun amma dhufee ollaa keenya kan akka Meettaa, Garba Gurraachaa, Fiichee, Gaara Cuqqaalaa, Walancitii, Boosat faa gaheera. Abbaan waraana kanaa baay’eedha. Gaaffiin kuni gaaffii ABO gaaffii hiree ofii ofiin murteeffannaa Oromooti. Homtuu dubasaas fuldurasaas kan hin jirre gaaffii Oromooti. Oromoo fi Waaqa qofaadha.

Waraanni biroo garuu abbaa baay’ee qaba. Oromiyaan abbaa baay’ee qabdi. Warroonni ishee bituu barbaadu amantaa sababeeffachuun saamuu barbaadu. Qajeelumaan waraanaan dirqisiisanii kan saamuu barbaadanis jiru. Kuni Piroojektii miniliiki. Miniliik gaafa biyya kana ijaaru waan hin fixin hafetu jira. Fakkeenyaaf Gumii Gaayyoo, Irreecha, Afaan Oromoo fi amnataawwan Ortodooksiitiin ala jiran labsiidhaan dhowwee ture. Afaan Amaaraaa qofti hojiirra akka oolu fi alaabaan Itoophiyaas kam akka ta’uu qabu  fi sabnis saba tokko qofa ta’ee Itoophiyaa akka jedhamu labsee ture. Sababa umrii dheeraa hin jiraatiniif kana otuu hin fixin du’e. kaayyoo Miniliik kana galmaan geessifna jedhu. Inni kunis abbaa Oromiyaati. Murni kuni mootummaa Badhaadhinaa keessas jira isaa alas jira. Fagootiimmoo hidda biraa qaba. Barnooti Islaamummaas Kiristaanummaas lolumaan humnaan fudhanne. Haata’uutii garuu amantaa kamakka hirdofu abaatu murteeffachuu qaba jedheen amana. ABOnis akkasuma amantaan kan dhuunfaati. Amantaa kamittuu hin bu’u. yoo danda’e amantaa hundaa ni tiksa. Warri gamaa garuu amantaa humnaan nuttti fe’an. Mootummaa Kiristaanaa (Christian State) warri jedhan fagoo taa’anii Oromiyaarraa dhimma qabu. Warri Baha Fagoo (western) amantaan kunneenis amantaadhuma isaaniiti. Isaanirraa fudhanne. Bara lolaa sana jaarraa 12ffaa fi 13ffaa keessa mootummaa Porchugaal kaaba Itoophiyaa waraanaan moo’atee qabatee ture. Warri Turkiimmoo karaa bahaatiin karaa galaana Hindiitiin dhufanii Oromoo lolaaa turan. Akkuma ammaa kana lolli gaafasiis rogsadee ture. Oromoo, Islaamaa fi Kiristaanni sadanuu wal waraanaa turan. Warri Kiristaanummaa babal’isuu fi Islaamummaa babal’isuus Oromoo lolaa turan. Oromoo waraana sana akkamitti hafe seenaansaa dheeraadha. Kanaaf dhimma Oromootti seenuu kan barbaadu hedduudha. Ajandaan siyaasaa mootumma ammaa ifa ta’uu dhabunimmoo waraana kana garmalee hammeesseera. Lola amma Itoophiyaa keesssa jiru kana ammayyuu nan shakka.

Muummuichi Ministeeraa keenya Dooktor Abiy Ahmad WBO wajjiin araaramuu otuu barbaadeeyyuu tarkaanfii fudhachuurratti rakkachuu danda’a. abbaan waraana kanaa hedduu dha waan ta’eef. Yoo akka yeroo Tigraay sana ejjannoo ifa ta’e mul’isan uummanni Oromoo isaan cinaa jira. Rakkinni jiraatus inuma injifata. Haata’u malee Dooktor Abiy araaramuu ni fedha moo hin fedhu wanta jedhuyyuu hin beeku. Otuu fedheeyyuu maal gochuu danda’a rakkoo mudatan baay’ee ta’uu danda’a. haa ta’u garuu yoo murteeffate anis biran jira,ABOnis bira jira. KFOnis irra deddeebiin ibseera. Oromoon hundi isa cinaadhaabbata jechuudha. Abdiis qabna. Jagnummaa Tigraayitti raawwatan sana ammas asitti irra debi’u jennee abdii qabna.

AS: Waraanni kun gaaga’ama guddaa qaqqabsiisaa jira, addatti ammoo saba adda fo’anii haleellaa raawwachuun amaloota waraanichaa keessaa tokko ta’eera. Kun maaliif ta’e?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Hidhattoota naannoo Amaaraa mootummaaru bobbase. Kan feederaalaas haa ta’u kan naannoo mootummaatu WBOrratti bobbaase. Haata’u malee, humni addaa Maaraa fi oromiyaa adda addummaa guddaa agarsiisaa jira. Inni Amaaraa  mootummaatu bobbaasa dhaadannonsaa garuu kan Miniliikiidha. Isaanis piroojektii Iluubaboor Wallagga walumaagalatti Oromiyaa biyyi jedhamtu hin jirtu kan jedhu of keessaa qaba. Isaan kana kan bobbase garuu qaamuma mootummaati. Hidhataa Oromiyaas mootummaatu bobbaasa. Oromiyaa keessatti dhumaatii guddaa fi saamicha guddatu ta’e. WBO karaa dubbii himaa isaanitiin badii Qeellam, Tolee fi Horroo keessatti godhamurratti qorannoon walabaa akka adeemsifamuu gaafataniiru. Akkasumas lammilee nagaatiin hi lollu kaayyoo akkasiis hin qabnu jedhu.  Kana mootummaan gochuu danda’a ture. WBO caala mootummaan raawwachuu danda’a.  Jaarmayaaleen wanta akkasii qoratan heddduutu jiran itti bobbaasee qorachiisee qaama kana hojjate yakkamaa taasisuun dhugaa baasuu ni danda’a ture. Karaa mootummaatiin wanti godhame hin jiru. Mootummaan aama walabaatiin akka qoratamu dhimma kanayyuu yeroo haasa’u hin dhageenye. Qaama adda addaatiin miidhaa heddduutu gahe. Waraanni kuni saffisaan babal’ateera. Kunis jkan ta’e dhiibbaa mootummaan dargageesarraan gahaa jirurraati. Dargaggoo kanneen leenjisuu fi bobbaasurratti rakkoon mul’achuu danda’a. wal to’achuun barbaachisaadha. Kunis wantuma uumamuu maluudha. Rakkoo isaan gidduu jiru isaantu mari’atee furuu qaba. Maqaa WBOtiin garuu hattuun ganda keessa guuttee jirti. Isaan adda baasaniii keenya miti jedhanii adda baasuu qabu. Kashalabbeeen uummata saamaa jirtus jirti. WBOn kana to’achuu muxannoo fi humna dhabuu danda’a. Dirqamasaas miti. Nageenya uummataa eeguun kan mootummaati. Mootummaatu tiksuu qaba.

WBOn irra deddeebiin ibsa baasuun lammilee nagaaa kan hin miine ta’uu ibseera. Qorannoon haaa godhamuu jechuun gaafachaa turaniiru. Kaaayyoon WBO murtee heera kora 4ffaa bara 2017 Eritraatti ta’eedha. Kaayyyoo, heeraa fi seeraa sanaan bulu. Kaayyoo kuni kan ture. Dhalattoonni Oromiyaa hundi lammii Oromiyaati. Mirga jiraachuuu, daldaaluu, qabeenya horachuu fi aangoo siyaasaa qabchuus ni qabu. Miseensa WBO ta’us danda’u kan ta’anis jiru. Yeroo Darguu sabaan Amaaraa kan ta’an WBO keessa turaniiru. Miseensotaan filatamnaan hayyuduree ABOs ta’uu nidanda’a. ajajaa waraanaas ta’uu danda’a. kanaan walqabatee WBO keessatti karaa dhiyaati wanti ta’e jira. Kuni hunduu qoratamuu qaba. Irra guddaan rakkachaa jirummoo hiyyeessaa fi qotee bulaadha. Kunimmoo sirrii miti. Qotee bulaa saba kamiyyuu dararaa gaaffii bilisummaa kaasuun hin ta’u.  isaan gargaaramuu qabu malee miidhamuu hin qaban. WBO kaayyoo heeraa fi seera namoota sabaan adda baasee ittiin miidhu hin qabu. Waraanni mootummaa Bambii Doollootti mucaa fannoo ofirraa qabu wahii ajjeesee ture. Kanaafuu dhimmi kuni qulqullaa’ee yakkamaan seeratti dhiyaachuu qab jennee amanna.

Waraana akkanaa keessatti eenyuttu eenyu faana dhaabbatee beekuun rakkisaadha. Walabummaan Itoophiyaas sarbameera. Eritraan waraanasaa guutuu qabatee Tigraay seene jira. Sudaan lafa Itoophiyaa bal’aa qabatteerti. Sudaanii fi Eritraan Itoophiyaa weeraraniiru. Hammam akka weeraran garuu hin beekamu. Ani akka natti fakkaatutti Doktor Abiy WBO injifachuu barbaada hidhattoonni Amaaraa garuu Oromiyaa dhuunfachuu barbaadu. Lolli Oromiyaa keessa haa jiraatu malee lolli san eessatti xumuruu akka barbaadan hin beekamu. Eritraa Oromiyaa maal gochuu barbaaddi? Oromiyaa giddugala harkisa lafaa Itoophiyaati. Addunyaa keessatti biyyoonni sirna federaalizmiitiin bulan baay’eedha.  Ameerikaan faas feederaalizmiidhaan bulu. Oromiyaan garuu baay’ina uummataa, qabeenyaa uumamaa fi lafa bal’inaan tokkoffaadha.  Lolli kuni yoo hin dhaabbatin baay’ee yaaddeessaadha.

AS: Qaamoleen garaagaraa waraanni Oromiyaa keessa jiru mariitiin akka hiikamu waamicha taaasisaa jiru. Kun hagam barbaachisaadha?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Kan lubbuunsaa kufee alatti Oromoon waraana kanaan miidhameera. Nagaa hin qabuwaa’ee ijoolleesaa ni yaadda’a.  oromoo fi sabni biraa Ormiyaa keessa jiraatus boqonnaa ragachuu hin dandeenye. Waraanni guyyaa guyyaadhaan miidhaa guddaa fidaa jira. Yeroo dheerachuu danda’a malee humni kamiyyuu bilisummaa Oromoo hambisuu hin danda’u.waan hin hafene kanaaf jedhanii bara dheeraa uummata dararuu fi lubbuu fi qabeenya balleessuun barbaachisaa miti. Bilisummaan Oromoo hin hafu. Kanaafuu maaliif waliitti hadhoofna? Wanti hunduu karaa nagaan yoo dhumate bu’aansaa bareedaadha. Kuni miidhaa qaba. Dhiiga waldhangalaasuurra dargaggeessa humna biyya ijaaruu fi jijjiiruu danda’u fixuurra nagaadhaan hiikuun hiraarfama gadadoo ni hambifna. Firiinsaas miidhagaa ta’a. waanuma fedhes ta’u pireezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiif anuma wayya. Akkuma diinaatti wal ilaallus ilmaan kiyyaa fi ilmaan isaa waliif wayya. Obboleewwan kiyya numa walii wayya dhaamsa jedhuun qaba. Barri kuni ni darba. Oromoon walii obsuu qaba. Oromoon kana shaakaluu qaba. Oromoon gaafa sirna Gadaarraa sosso’e waan hunda dhabe.aadaansaa gaafa laafu dadhabe malee namayyuu araarsa kan ture.  Mana hidhaa keessa kutaa qofaa keesa ture tokkotti namni barruu bareeda qabu tokko fakkii odaa kaasee “odaa muka guddaa gaaddisa nama hundaa” jedhee jalatti barreesse “dur kan biraayyuu araarsitaa amma kan keeyyuu fixachuu dadhabde” jedhe walleessee ture. Kanaaf inni darbe gahaadha. Amma mariidhaan fixachuu qabna jedheen amana.

AS: Akkuma kan Tigraay Waraana kanaa karaa nagaa xumuruuf abdiin jiraa? Wantioonni danqaa taan maali?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Tigraay tokkummaa Itoophiyaatti amanu kanaaf isaan waliif obsu. Barana garuu garaa walitti jabaatanii ture. Taatee akkanaa takkaa ta’ee hin beeku. Oromoon garuu Itoophiyaadhaa bahuu barbaada jedhu. Yoo bahemmoo bakki itti qaban akka hin jirre beeku. Tigraay marsitee rukutuu dandeessa oromiyaa yoo marsite garuu kiiloo afuris [masara mootummaa] ni marsita jechuudha. Karaa Fiichee Hoolotaa Shanii fi kanneen biroos ni cufamu. Ofiif of marsa jechuudha. Kanaafuu akka Tigraay gochuu hin danda’an. Naannoo qaama biyyattii ta’ee bilisummaa kan gaafatu hin agarre. kan Tigraay kun ajaa’iba. Baaay’een isaan dinqisiifadha. Warri ijaaranbilisummaa hin gaafatan warra bitame malee. Dargaggeessi Tigraay garuu bilisummaa gaafachaa jira. Akkasuma ta;’eeyyuu Tigraayiif ni obsiti. Oromoof garuu obsa hin qabdu. Takka nu harkaa yoo bahe guuboo sana keessa bahee yoo fac’e walitti qabuu kan hin dandeenye ta’uu beeku. Kanaafuu laman walfakkeessuun hin ta’u. Akkuma Tigraay kana dhumachuu ni danda’a. kan kan murteessu garuu nama biraa eenyuyyuu miti. Mooutmmaa naannoo Oromiyaa fi muummicha ministeraa qofa. Aangoo fi humna kan gochuummoo qabu. Oromoon hundi duuba jira. Nagaadhaan fixanna yoo jedhan hamma kan tigraay kanyyuu wanti nama rakkisu hin jiru. Wanti alagaarraa barbaannus hin jiru. Nuti lamaan ofii keenyaaf fixachuu dandeenya. Nuti Itoophiyaadhaaf ilma biddeenaati.kanaafuu Oromoof Tigraay tokko miti. Kan Oromiyaa dhumachuu qaba. Kana booda eenyuyyuu hin fayyadu. Hunda caalaa Oromootu miidhamaa jira. Kana caala miidhamuus danda’a. Itoophiyaas balleessuu danda’a. lolli Oromiyaa kuni Gaanfa Afrika lolatti galchuu danda’a. Eritraan fi Sudaan seenaniiru. Gara fulduraatti Somaaliyaa fi Keeniyaa dabalachuu danda’a. nagimaan dhumachuu qaba jennee amanna.

AS: Dhumarratti wanti hafe jettan yoo jiraate?

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa: Egaa miidhaan kuni hundi Oromoorra kan gaheef waan laafeefi. Sirni isaa sirni Gadaa  waan eegachuu dadhabeefi. Sirni tokko ni dhalatee guddataa dulloomees ni du’a. weerarri warra Impeeriyaalistiii fi Gadaan dadhabaadhufaniiru. Alagaan si gargaaruun gaariidha. Alangaa si gargaaruuunis bareeda. Garuu Oromoon nageenya Gaanfa Afrikaatti buusuuf murteensaa isumaharka jira. Gochuummoo ni danda’a. Humna ofii wallaaluun dhukkuba guddaadha. Oromoon hammam akka gahu wallaaleera. Oromoon otuu humna qabu hundatti dhimma bahatee lafa Gaanfa Afrikaa kana raaseetu galaana dhimbiiba ture. Qawweeniyyuu isa hin barbaachisu ture. Kanaaf beekumsasaa qabeenyasaa yeroosaa of ijaaruun ofiif bilisoomee saboota xixiqqoo ollaasaa jiran kan akkka Amaaraa fi Tigraayiif tika ta’uu danda’a. dandeetti kana Oromoo qofatu qaba. Beekumsaa fi qabeenya uumamma Waaqayyoo sii kennetti dhimma bahuu dhabuun cubbuu Oromoo gabroomsuudha. Oromoon cubbuu kana ofirraa dhiquu qaba. Wanta gocuu qabu dhugaadhaan wal ijaaree gochuu qaba. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.