Oduu: Harki caalu riifarandamii naannoo haaraa deeggaruun sagalee kennuu boordiin filannoo biyyaaleessaa ibse

Finfinnee, Guraandhala 21, 2023 – Boordiin filannoo biyyaaleessa Itoophiyaa ibsa baaseen uummatoonni godinaalee shanii fi aanaalee addaa shan naannoo sabaaf sablammootaa fi ummattoota kibbaa keessa jiraatan keessaa harki caalu filannoo “Naannoo Kibba Itoophiyaa” hundeessuuuf Guraandhala 06 taasifame deeggaruun filachuu beeksiseera.

Filannoon mirga ofii ofiin murteeffachuu (referendum) kan godhame godinaalee shanii fi aanaalee addaa shan kessattiidha. Haata’u malee, murteen bu’aa filannoo godina Walaayittaa keessatti godhamee sababa seera-dhabdummaa guddaa kan foilannoo duraa fi booda uumameenii fi sagalee hatuutiin walqabatee komiin waan ka’eef  murtee firii filannichaa ifa taasisuu kan tursiise ta’uu himeera.

Ibsa Wixata baaseen akka ibsetti, godinaalee shanii (Konsoo, Oomoo Kibbaa, Gede’oo and Gofaa) fi aanaalee addaa shan (Burjii, Baaskeetoo, Alee, Ammaarroo, Daraashee) keessatti hundeeffamuu naannoo Itoophiyaa haaraa kana deeggaruun kan filataniiru.

Hundeeffamuu naannichaa mormuun kan filatan keessaa inni guddaa kan Gede’oo kan namoota 241,695 keessaa 46,749 ta’aniidha.

Haata’u malee, “gochaan akka seera cabsuu hammaataatti fudhataman” buufataalee filannoo godina Walaayittaa keessatti argaman kan gaaffii qofaasaaniititi naannoo  ta’uu kaasaa turan hedduu keessatti raawwatameera.

Hagayya 2020 keessa humnoonni nageenyaa naannichaa bulchaa zoonichaa Daagaatoo Kumbee dabalatee namoota sochii gaaffii naannummaa qindeessaa turan hidhanii ture. Akka Adda Dimookraatawaa Ummata Walaayittaati, Gochaan hidhaa mormuun hiriira jiraattootaan godhanrratti humnoonni nageenyaa namoota 21 ajjeesuun 18 madeessaniiru.

Gabaasni boordiin filanoo akka jedhutti, sababoota cabuu seeraa yeroo galmee fi guyyaa filannoo buufataalee filannoo tokko tokko keessatti raawwatameen walqabatee qorannoon akka goodhamu kan ajaje ta’uu addeesseera.

Seera filannoo fi adeemsaa cabsuun hammataan kan haqummaa filannichoo godinicha gaaffii keessa galchuu buufataalee filannicha addda addaa keessatti raawwatamu boordichi ibseera.

Mallattoon filattootaa wal fakkaachuu dhabuu, haquu fi waraqaa filannoo haaraa maxxansuu, filattoonni harka dhibba bahanii filachuu, aanga’oonni naannichaa waraqaa eenyummaa guyyaa filannichaa filattootaaf raabsuunii fi kan kana fakkaatan biroo yakkoota uumaman yakkoota uumaman keessaa isaan muraasa. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.