Oduu: WBOn waamicha araara fudhachuun qabxiilee ifa ta’uu qaban gaafate

Finfinnee Guraandhala 18,2023 – Waamicha araaraa pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa taasise Waraana Bilisummaa Oromootiif (WBO) waamicha kan fudhatu ta’uu ibsuun waamichi kuni garuu adeemsi marii nageenyaa kuni akka milkaa’uuf haal-duree barbaachisaa ta’an ifa hin taasifnee jechuun deebii laateera.

Ibsi WBO kuni kan dhufe erga Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa yaa’ii idilee caffee Oromiyaa marsaa 6ffaarretti waamicha araaraaf WBO taasise booda.

“Caffee kabajamaa kana duratti maqaa ummata keenyaa fi kabaja gudaadhaan qaamolee hidhatanii naannoo keessa socho’aa jiran keessumaa ABO-Shanee araaraan akka galuu waamicha taasisuun barbaada,” Shimallis jedhe.

Pireezidantichi WBO maqaa “ABO-Shanee” jedhuun waamuunsaa qabxiilee ibsa hidhattootaa WBOtiin qeeqni irratti dhiyaate keessaa tokko.

“Waamichi kun ABO-WBO’f kan dhiyaate miti” kan jedhe ibsichi “Pireezidaantichi ammas garee hidhate hin beekamne ABO-Shanee jedhamu waame. Kuni garaagarummaa guddaa kan uumu ta’uu baatus rakkoo walxaxaa fi burjaajjii Oromiyaa keessa jiruu fi akkaataa nageenyi bu’uu fi mootummaan akkamitti akka itti deemuu barbaadu kan akeekudha,” ibsichi jedheera.

Marii nagenyaa kuni mootummaa feederaaalaatiin gaggeeffamu akka qabuu fi hojiirra oolman waliigaltee marichaa qaama idil-addunyaatiin to’atamuu akka qabus, ibsi WBO addeesssera.

“WBO Heeraan kan shororkeessaa godhee labse mana maree bakka bu’oota uummataa feederaalaatii malee kan naannootii miti. WBO duula waraanaa kan adeemsisaa jirus raayyaa feederaalaati malee kan naannootii miti. Kanaafuu, adeemsi marii nageenyaa WBO wajjiin taasifamu seeraanis ta’ee adeemsaan itti gaafatamummaaa mootummaa naannichaati oli,” ibsi wBO dabaee ibseera..

Caamsaa 05,2021 akkaataa labsii lakk.1176/2020 kan shororkeessumma ittisuuf baheen manni maree bakka bu’oota uummataa Itoophiyaa Adda Bilisumma Ummata Tigraay (ABUT fi WBO shororkeessitoota jechuun farrajee ture. Murteen Mana maree kuni murtee koreen ministeerotaa kan gareewwan lamaan akka shorkeessaatti akka farrajaman raggaasisuutti aanee kan dhufe ture.  Farrajjiin gareen lamaanii kuni erga waliigalteen ABUT fi mootummaa feederaalaa gidduutti Sadaasa darbe godhame boodas hamma ammatti hin haqamin jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.