Oduu: Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa WBOf waamicha araaraa dhiyeesse

Finfinnee, Guraandhala 17/2023 – Yaa’ii  Idilee 4ffaa, Waggaa 2ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Caffee Oromiyaa har’a Guraandhala 17/2023 gaggeeffamuu eegale irratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ykn kan mootummaan “Shanee” jedhe waamuuf waamicha araaraa dhiyeesseera. 

“Kabajamaa Caffee kana fuulduratti qaamolee hidhatanii naannoo keessa socho’an, ‘ABO-Shaneen’ akka araaraan galu kabaja olaanaadhaan maqaa uummata keenyaan gaafachuun barbaada,” jedhe Shimallis.

Haata’u malee, “warra rakkoo kana karaa nagaa furuuf fedhii hin qabne irratti tarkaanfii seera kabachiisuu itti fufuuf ni dirqamna” jechuun akeekkachiiseera.

Waamichi yaa’ii Caffee irratti dhiyaate kun erga PMNO Shimallis Abdiisaan, haala ejjennoo amma dura qabaachaa turerraa adda ta’een, lolli naannoo Oromiyaa keessatti humnoota federaalaa fi naannichaa fi finciltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaan “Shanee” jedhee waamu jidduutti waggoota afurii oliif adeemaa jiru xumura akka argatu fedha qabaachuu dubbate torban tokko booda as bahe.

Gaaffii fi deebii sa’aatii tokkoo fi walakkaa dheeratu Guraandhala 07 miidiyaalee mootummaa fi paartii biyya bulchu waliin hidhata qaban irratti tamsa’een, Shimallis, mootummaan naannoo Oromiyaa mootummaa federaalaa waliin ta’uun naannicha daandii nagaa fi badhaadhinaatti deebisuuf karaa lamaan hojjechaa akka jiru cimsanii dubbate ture. “Inni jalqabaa fi angafaa” waldhabdee naannichaatti xumura gochuuf “karaa nagaa” ta’uu himullee, sun akkamitti akka raawwatamu garuu waan qabatamaa hin dhiheessine.

“Wanta karaa nagaan furuu hin dandeenye hin jiru; humni kamiyyuu aarsaa hin barbaachifne kaffaluu hin qabu,” kan jedhe Shimallis, hunduu karaa nagaa fi dimokiraatawaan hordofuu akka danda’an ibseera. Daandii nagaa kun filannoo keenya isa jalqabaa kan nuti hordofaa jirrudha kan jedhe Pireezidaantichi, WBOn “gara karaa nagaa dhufuun; ummata keenya rakkate boqonnaa haa argatu; [lolli] kun seenaa keessatti kan nama qaanessudha. Ni gahaa! Karaa nagaan haa dhufan. Kanaaf wanti ani waamicha gochuu barbaadu humnoonni [lola] keessatti hirmaatan kun gara daandii nagaa akka dhufanidha. Nama tokkollee hin fayyadu; Itoophiyaas hin gargaaru. Nama kamuu caalaa ummata Oromoo miidhaa jira. Qaamolee biroof balbala banuudha, salphinas fidaa jira,” jedhe.

WBOn gama isaaniitiin bakka qaamni sadaffaan amanamaa ta’e jirutti ni mari’anna jechaa turaniiru. Gareen kun dhiheenya kana yaadama siyaasaa gabaabaa: “Qabsoo hidhannoo irraa nagaa” jedhu maxxanse keessatti waraanicha karaa nagaa furuu keessatti ejjennoon isaa maal akka ta’e ibseera. Yaadamni siyaasaa kun akka jedhutti, WBOn “rakkoolee siyaasaa Itiyoophiyaa kallattii hedduu fi walxaxaa ta’aniif furmaanni waaraa fi itti fufiinsa qabu kan argamuu danda’u, adeemsa siyaasaa hunda hammate, kan qooda fudhattootaa fi humnoota siyaasaa hunda hirmaachisu yoo gaggeeffame qofa” ta’uu ibse.

Rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessaa furmaata karaa nagaa akka argatuuf dhaabbatni OLLAA jedhamu Guraandhala 09 gaafate ture. Xalayaa karaa OLLAA ba’e kun, Mummicha Ministira Abiy Ahmad, Prezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdisaa fi ajajaa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroof kan ergamee ta’u beeksise ture

Muddee 05, miseensotni paarlaamaa naannoo Oromiyaa bakka bu’uun Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiruuf paarlaamaa biyyaalessaa keessatti hirmaatan xalayaa qabxii kudhan of keessaa qabu Ministira Muummee Abiy Ahimad fi hoggantoota olaanoo paarlaamaaf barreessaniin naannoo Oromiyaa keessatti nagaan waaraa akka jiraatu gaafachuun isaanii ni yaadatama. Miseensonni paarlaamaa kunneen haala kanaan dura hin argamneen mootummaan bifa humnoota Tigraay waliin taasiseen waraana Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabuun Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigaltee nagaa akka godhu waamicha dhiheessaniiru. 

Xalayaa isaanii kana booda Muddee 27 miseensonni paarlaamaa kunneen PMNO Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltota mootummaa federaalaa, qondaaltota nageenyaa fi Af-yaa’ota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree federeeshinii lamaan waliin dhimma nageenyaa naannoo Oromiyaa irratti mari’achuuf wal arguun isaanii gabaafame ture. 

Marii taasifame ilaalchisee miseensi paarlaamaa Beetel Malkaamuu akka himtetti, miseensonni paarlaamaa “bifuma araara Tigraayitti taasifameen hidhattoota Oromiyaa keessa socho’an waliinis araarri akka gaggeeffachuu” himuun, “waliigaltee nagaaf fedhii akka qabaniifi marii nagaa gaggeessuu fi adeemsa araaraaf qopha’aa kan jiran ta’uu nutti himaniiru,” jette. Haa ta’u malee adeemsi nagaa fi araaraa maal akka fakkaatuu fi akkamiin akka gaggeeffamu ibsi akka isaaniif hin kennamne dubbatteetti.

Miseensonni paarlaamaa Oromiyaa irraa filataman, walitti bu’iinsaa fi jeequmsi Oromiyaa keessa jiru akka xumuramuuf hunduu dhiibbaa akka godhu waamicha taasisuu itti fufaniiru. Akkasumas miseensonni hawaasaa fi maanguddoonni mootummaa fi hidhattoota irratti dhiibbaa gochuun waraana kana akka dhaabsisan waamicha dhiyeessaniiru.

Ji’a Amajjii bara kanaa haasaa bilbilaa Ministira Muummee Abiy Ahmadii fi Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan giddutti dhimma “tasgabbii dhabuu naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru” irratti marii taasifameen mootummaan Ameerikaa waldhabdeen mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti uumame akka dhaabbatu akka barbaaddu ibsiteetti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.