Oduu: Mormii hanqina bishaaniitiin ka’e hordofuun humnoonni nageenyaa magaalaa Walqixxeetti namoota jaha ajjeesan, namoota 15 ol madeessaniiru

Biruuk Alamuutiin @Birukalemu21

Finfinnee – Guraandhala 16/2023 – Jiraattonni magaalaa Walqixxee kan Godina Gurage naannoo uummattoota Kibbaa keessatti argamu Addis Standard’tti akka himanitti, humnoonni nageenyaa mormitoota jeerii kaanii duwwaa qabatanii rakkoo hanqina bishaan qulqulluu qaban mul’isuuf hiriira bahan irratti dhukaasa banuun namoonni jaha yoo ajjeefaman, namoonni 15 ol ammoo akka malee madaa’aniiru.

Jiraattonni magaalattii waggootaaf hanqina bishaaniitiin rakkachaa turan, dhimmichi xiyyeeffannaa akka argatuuf jecha jeeriikaanii duwwaa qabatanii hiriira nagaaf gara daandiitti bahan jedha jiraataan magaalattii Abubakar Kemaal.

Haa ta’u malee humni addaa naannoo Kibbaa dhukaasa itti banuun namoota 6 ajjeesee 15 ammoo akka malee madaa’uu kan himu jiraataan kun, warri wal’aanamaa jiran haala yaaddessaa keessa waan jiraniif lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u hima.

Akkasumas humnoonni nageenyaa mormitoota magaalattii keessa ari’aa wayita turan jiraattota irratti haleellaa suukaneessaa raawwachuu jiraattota irratti shororkaa guddaa uumuu hima.

“Hiriirtonni jalqaba walitti dhufanii waajjira misooma bishaanii magaalatti fuulduratti hiriira bahan. Sana booda gara bulchiinsa magaalattii dhaqanis deebii hin arganne. Akka tasaa humni addaa dhufee dhukaasa itti dhukaasu eegale,” jechuun Abubakar ibseera.

Itti dabaluunis, sochiin daldalaa magaalaa Walqixxee keessatti dhaabbachuu fi dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa taatee kaleessa mudate hordofuun cufamuu isaanii hima.

Jiraataan biraa Hayidar Muraad Addis Standard‘tti akka himetti, “haadholii fi dargaggoonni magaalattii jeeriikaanii isaanii ol kaasanii mootummaan hanqina bishaanii hamaa magaalattii, keessattuu kan ji’oota sadan darbaniif mudate akka furuuf gaafachaa turan, humnoonni nageenyaa garuu gara laafina tokko malee itti dhukaasanii namoota 6 ajjeesaniiru” jedhe.

Hayidar, namoota du’an keessaa daa’imman haadha isaanii hordofanii bahan akka jiran himuun lakkoofsi namoota du’anii dabaluu mala jedha. Namoonni 15 ol akka inni jedhutti yeroo ammaa hospitaala magaalattii keessatti kutaa ICU keessa jiru.

Itti dabaluunis humnoonni nageenyaa maatii gadda keessa jiran jajjabeessuuf namootni walitti akka hin qabamne dhorkaa jiru jedha.

Magaalaa Walqixxee dabalatee Godinni Gurage mormii mana bahuu diduu walitti aansuun sababa gaaffii ta’uu godinichi dhiyeesseen walqabatee gochaa tureen komaandi poostii jala akka galu taasifamee jira.

Bara darbe ji’a Sadaasaa keessa mormiin akkasii adeemsifame booda tarkaanfii cimaa qaamoleen nageenyaa fudhataniin dargaggoonni 100 ol hidhamanii ture.

Bulchiinsi Godina Guragees ta’e naannoon uummattoota Kibbaa taatee kaleessa Walqixxee keessatti ta’e ilaalchise wanti amma dura jedhe hin jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.