Oduu: Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyoo magaalaa Aannootti haleellaa buqqaatota irratti xiyyeeffate raawwatameen yoo xinnaate namootni 50 ajjeefamuu mirkaneesseera: KMNI

Finfinnee, Guraandhala 15/2023 – Naannoo Oromiyaa, godina Wallagga Bahaa aanaa Gobbuu Sayyoo magaalaa Aannootti Guraandhala 2, 2023 haleellaa buqqaatota irratti xiyyeeffachuun gaggeeffameen lubbuu namaa, qaama fi qabeenya irratti miidhaa akka gahe ragaa baatota, qaamolee mootummaa fi maatii miidhamtootaa dubbisuun qorannoo Guraandhala 2 hanga 4tti gaggeesseen mirkaneessuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise. Haleellaa kanaanis yoo xinnaate namootni 50 ajjeefamuu ibseera.

Guraandhala 2 ganama sa’aatii 12 irraa eegalee hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) lakkoofsaan baay’ee ta’an kallattii sadiin gara magaalaa Aannoo erga seenanii booda sagalee dhukaasaa dhagahamu eegaluu, lammiilee nagaa irratti ajjeechaa fi miidhaa qaamaa gahuu fi saamicha qabeenyaa raawwatamuu jiraattota irraa mirkaneesse hime.

Haleellaa raawwatame kun baay’inaan kan xiyyeeffate buqqaatota biyya keessaa gandoota Gobbuu Sayyoo 11 fi aanaalee ollaa lama irraa buqqa’an (lakkoofsaan 10,800 kan ta’an) irratti akka ta’e kan ibse Komishinichi, haleellaa raawwatameen aanga’aa naannoo tokko shufeera isaa waliin, miseensota poolisii magaalaa fi milishaa gandaa dabalatee yoo xinnaate lubbuun namoota 50 darbuu ibseera. Isaan kana keessaas miidhamtootni 42 buqqaatota wiirtuuwwan buqqaatotaa fi hawaasa keessa jiraatanii fi jiraattotni mootummaa deeggartu jedhaman ta’uu himuun kanneen ajjeefaman keessaa dubartoota afurii fi daa’imman sadi akka keessatti argaman eereera.

Komishinichi qorannoo gaggeesseen, hidhattootni kun naannoo ‘gabaa dafinoo’ jedhamuun beekamutti manarraa deemuun buqqaatota keessattuu dhalattoota Amaaraa ajjeesuu, akkasumas, mooraa gaaddisa buqqaatota maanguddoota, dubartootaa fi daa’imman seenuudhaan dhiirota kanneen miliquu hin dandeenye filachuun erga ajjeesanii booda reeffi isaanii ibiddaan gubuu mirknaneessu ibseera. 

Maatiin namoota ajjeefamanii komishinichaaf akka himanitti, hawaasni naannoo reeffa namoota du’anii guyyaa haleellaan kun raawwatamee fi guyyaa itti aanutti awwaalan. Kanaan alatti namoonni 8 miidhaa salphaafi cimaan irra gaheera. Sababa haleellaa kanaan manneen daldalaa dhuunfaa, waajjiraaleen mootummaa, Baankii Daldalaa Itoophiyaa damee Aannoo fi dhaabbileen biroo magaalattii keessa jiran saamicha irratti raawwatameera jedhe komishinichi. 

Haleellaa kana ilaalchisee dubbi himaan garee hidhattootaa WBO Guraandhala 08 VOA Afaan Amaaraaf akka himetti haleellaa kana raawwachuu isaanii amanee, haa ta’u malee haleellaan kun humnoota Amaaraa kaampii keessatti leenji’aa turan irratti malee namoota nagaa irratti akka hin taane ibseera. KMNI garuu haleellicha osoo hin raawwatamiin dura Amajjii 23 fi erga raawwatame booda Guraandhala 10 daawwannaa iddoo buqqaatotni kun itti qubatanii jiranitti taasiseen haleellichi buqqaatota irratti akka raawwatame mirkaneessuu hime.  

Hidhattootni kunneen lakkoofsaan humna nageenyaa ol akka turanii fi Raayyaan Ittisa Biyyaa dabalataa magaalaa Naqamtee irraa akka dhufanitti ajjeechaa fi saamicha bal’aa raawwatamuu kan hime KMNI, gama biraatiin ammoo erga RIB magaalittii to’ate booda ammoo dargaggoonni saddeet “shanee deeggartu” jedhamanii erga to’annoo jala oolanii booda humnoota nageenyaatin ajjeefamuu akka mirkaneesse ibseera.  

Komishinarri olaanaa KMNI Daani’eel Baqqalaa (PhD), “Argannoon komishinichi yeroo dheeraaf hordoffii fi qorannoo walitti bu’iinsa kanaa akka agarsiisutti, Waldhabdee naannoo Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiruun miidhamtoonni ijoo lammiilee nagaa karaa adda addaatiin saaxilamoo ta’an ta’uu argannoon hordoffii fi qorannoo walitti bu’iinsa kanaa komishinichi yeroo dheeraaf gaggeesse mul’isa,” jedhe. Itti dabaluunis bakka namoonni sababa walitti bu’iinsaan buqqa’an qubatanii jiran irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuun haala kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi tumaalee mirga namoomaa idil-addunyaa kan faallessu ta’uu ibseera.

Komishinichi qaamoleen hundi namoota nagaa fi qabeenya siiviilii irratti xiyyeeffachuu irraa akka of qusatan, akkasumas mootummaan qorannoo yakkaa gaggeessuun haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa akka mirkaneessu gaafateera. Kana malees, mootummaan nageenya namoota nagaa eeguuf dirqama qabu sirnaan ba’uu bira darbee nageenya lammiilee nagaa naannichaa mirkaneessuuf jecha walitti bu’iinsa uumameef furmaata karaa nagaa akka barbaadu dhaameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.