Oduu: Tarkaanfii waldhabdee Mana Kiristaanaa Ortodoksii keesssatti itti fufee jiru hordofee fudhatamaa jiruun gaazexeessitootni lama humnoota nageenyaatin hidhaman

Finfinnee, Guraandhala 15/2023 – Waldhibdee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa (EOTC) keessatti itti fufe jiru fi jeequmsa kana booda uumame hordofuun, ogeessonni miidiyaa lama, gaazexeessaa fi xiinxalaan siyaasaa Tewodroos Asfaaw, fi gaazexeessaa tajaajila tamsaasa EOTC Afaan Oromoo kan ta’e Diyaaqon Yosef Katamaa torban kana keessa humnoota nageenyaatiin qabamanii hidhamaniiru.

Hundeessaa chaanaalii YouTube ‘Ethio Selam’ jedhamu kan ta’e Tewodroos Asfaaw Kibxata Guraandhala 14, waaree booda naannoo sa’aatii 8:00tti humnoota nageenyaatiin mana jireenya isaa irraa fudhamuu obboleessi isaa Biniyaam Asfaaw gaaffii fi deebii chaanaalii kana irratti taasiseen dubbateera.

Mana jireenyaa isaa Finfinneetti argamu irraa humnoota nageenyaa hidhatan lamaa fi kanneen uffata siivilii uffatan afuriin akka fudhatame kan hime obboleessi isaa, ajaja mana murtii tokkollee akka hin dhiheessine ibseera.

Yeroo ammaa kana Tewodroos waajjira qorannoo yakkaa poolisii federaalaa naannoo Meksikoo jedhamuun beekamutti hidhamee jira. Haati warraa isaa Innaat Taammiraat chaanaalii oduu kanaaf akka himtetti poolisiin yakka shororkeessummaa waliin walqabatee fi jeequmsa kakaasuun isa himachuu isaafi, har’a ykn boru ganama mana murtiitti dhiyaata jedhamee akka eegamu himteetti.

Tewodroos dhimma siyaasaa fi hawaasummaa irratti yaada kennuun mootummaa irratti qeeqa jabaa qabaachuun beekama. Guyyoota shan dura yeroo dhumaaf chaanaalii YouTube isaanii irratti mul’ateen waa’ee waamicha Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa hiriira guutuu biyyaatti mata duree “Hiriira nagaa jiraachuu Sinodoosii murteessu” jedhuun dhiheesse irratti xiinxala isaa dhiyeesse ture. 

Haaluma walfakkaatuun gaazexeessaan Ejensii Tajaajila Tamsaasaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa (EOTC TV), diyaaqon Yosef Katamaa guyyaa Wiixata Guraandhala 13 naannoo sa’aatii 10:00tti naannoo Makaanisaatti “gaaffiidhaaf barbaadamtaa” jedhamee humnoota nageenyaatiin to’annoo jala ooluu miidiyaan manni kiristaanichi beeksisee jira. Diyaaqon Yosef tibbana dhimma haala yeroo mana kiristaanicha ilaalchisee abbootii amantaa waliin gaaffii fi deebii gaggeessaa akka turees ibsameera.

Akka odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa TV EOTC irratti maxxanfameetti, diyaaqon Yosef imala hojii irra osoo jiruu, Isniina naannoo sa’aatii 4:00 PM naannoo Mekenisaatti “humnoota nageenyaa mootummaa gaaffiif isa barbaanna jedhaniin butamee” ture . Itti dabaluudhaanis, diyaaqon Yosef dhiheenya kana namoota amantii waliin haala yeroo mana kiristaanaa irratti yeroo baay’ee gaaffii fi deebii taasisaa akka turan ibseera.

Marii MM Abiy Ahmad waliin taasifame hordofuun hiriirri mormii Guraandhala 12 guutuu biyyaatti gaggeessuuf mana kiristaanichaan labsame erga dheereeffame booda hordoftoonni fi miseensonni mana kiristaanaa hedduun hidhamaniiru. Yeroo ammaan kana namoonni 200 ol hidhamanii akka argaman gareen seeraa mana kiristaanichaa BBC Afaan Amaaraatti himeera. 

Miidiyaaleen hawaasaa Feesbuukii, Messenger, TikTok fi Telegram dhuma torbee darbe keessa waldhabdee dabalaa dhufeen daangeffamanii turan ammallee hin deebine. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.