Oduu: Bu’aa waliigalaa sagalee uummataa ‘Naannoo Uummattoota Kibba Itoophiyaa’ har’a ifooma

Finfinnee, Guraandhala 15/2023 – Naannoo Saboota Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa keessatti godinaalee jaha (Koonsoo, Walaayittaa, Gaamoo, Geede’oo, Goofaa, Oomoo Kibbaa), akkasumas aanaalee addaa shan (Burjii, Baaskeettoo, Alee, Ammaarroo, Daraashee) naannoo of danda’e ‘Naannoo Uummattoota Kibba Itoophiyaa’ jedhamu jalatti akka gurmaa’an sagalee uummataa laatame bu’aa xumuraa isaa har’a Guraandhala 15, 2023 ifa godhama. 

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa qulqulleessuu bu’aa yeroo sagalee uummataa Guraandhala 06 godinaalee fi aanaalee addaa hunda keessatti gaggeeffame xumuruun sadarkaa godina fi aanaa addaatti bu’aa yeroo uummataaf beeksisuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan buufataalee filannoo 3,771 wiirtuuwwan 31 jalatti argaman kenniinsa sagalee uummataa itti gaggeeffame irratti bu’aan yeroo ifoomeera.

Boordichi hojii bu’aa waliigalaa qulqulleessuu fi mirkaneessuu Guraandhala 13 Waajjira Qindeessaa Sagalee Uummataa magaalaa Arbaa Mincii argamutti kan eegale yoo ta’u, bu’aan sagalee uummataa xumuraa waajjira qindeessaatin qulqullaa’e fi boordichaan mirkanaa’e har’a Guraandhala 15 ummataaf akka ifoomu beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.