Oduu: Ramaddii Yuunivarsiitii barattoota qormaata kutaa 12ffaa 50% ol galmeessanii fi qabxii darbiinsa barattoota qabxii 50% gadi galmeessan ifoome

Finfinnee, Guraandhala 13/2023 – Ramaddii Yunivarsiitii barattoota bara barnoota 2014tti qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessisanii fi yunivarsiitiiwwan mootummaatti digirii jalqabaa idileedhaan barachuuf iyyatan kaleessa Guraandhala 12, 2023 halkan ifoomuu Ministeerri Barnootaa beeksise. 

Haaluma kanaan barattootni karaa marsariitii, ergaa gabaabaa fi telegraamiin ramaddii isaanii ilaalu akka danda’an kan beeksise Ministeerichi, Yuunivarsiitiiwwan sagantaa simannaa fi galmee barattoota waggaa tokkoffaa hanga Guraandhala 22tti ni ifoomsu jedheera.

Gama biraatiin barattoota bara barnoota 2014tti qormaata biyyooleessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessan akkasumas akkaataa qormaanni itti kennamee fi dhimmoota biroo tilmaama keessa galchuun kanneen qabxii waliigalaa dhibbeentaa 50 gadi galmeessan dhaabbilee barnoota olaanootti seenuun sagantaa barnoota dabalataa gosoota barnoota qabxii gadi aanaa ittiin galmeessan irra deebiin baratan (remedial program) akka fudhatan murtaa’uun isaa ni yaadatama.  

Haaluma kanaan barattoota bara barnootaa 2015tti dhaabbilee barnoota olaanoo (kan mootummaa fi dhuunfaa) seenanii sagantaa barnoota dabalataa (remedial program) hordofaniif qabxiin darbiinsaa akka baay’ina gosa barnoota dhibbeentaa 30 fi isaa ol (jechuunis 700 irraa 210, 600 irraa 180 fi 500 irraa 150) akka ta’u murtaa’eera.  

Kan armaan olitti ibsame akkuma eegametti ta’ee, dhaabbilee mootummaatti (baasii isaanii mootummaadhaan kan uwwifamu) keessatti ‘Sagantaa Remedial’ kana kan irratti hirmaatan kanneen ulaagaa qabxii ministeerri barnootaa baase guutan qofa ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Haaluma kanaan, Saayinsii Uumamaa: 700 keessaa dhiiraaf 263, dubaraaf 227, Saayinsii Hawaasaa: 600 keessaa dhiiraaf 220, dubaraaf 190 akka ta’u murtaa’eera. Kana malees, barattoota qaama miidhamtoota ta’an, naannolee gadi aanaa fi horsiisee bulaa irraa dhufaniif sirreeffama qabxii darbiinsa gadi aanaa taasifameefi jira. 

Barattoota waliigalaa 896,520 qormaata biyyooleessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoraman keessaa kanneen qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessisan 29,909 (3.3%) qofa ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksisu isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.