Oduu: Jiraattonni Magaalaa Walqixxee Komaandi Poostii, Kilaastara Mormuun Hojii Dhaaban

Buruk Alamuutiin @Birukalemu21

Finfinnee, Hagayyaa 26/2022- Magaalaa Walqixxeetti komaandi poostii fi kilaastara mormuun lagannaa guyyaa lamaa gaggeessaa jirachuu jiraattonni magaalichaa Addis Istaandarditti himan. 
Jiraataan magaalaa Walqixxee maqaan  akka hin dhahamne barbaade tokko komaandi poostiin kun heera mootummaatiin waan hin taaneef mirgi bilisummaa sochii hawaasaa uggurameera jedhe. Itti dabaluunis hojii dhaabuun kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uu hime.

Rakkoon nageenyaa bakka hin jirretti humnoota nageenyaa hidhatan bobbaasuun ummata shororkeessuun seera qabeessa miti jedha Tanaanyeen(Maqaan Sababa nageenyaaf jijjiirame), jiraataan magaalattii kan biraa, dargaggoonni kilaastara kana morman ajaja tokko malee fi eegumsa seeraa malee to’annoo jala oolan, kanaaf hawaasni kana mormuun hojii dhaabuu isaa hima.

Hoteelonni, dhaabbileen daldalaa adda addaa, waajjiraaleen mootummaa cufamaniiru kan jedhe jiraatan kun, mootummaan gaaffii keenyaaf xiyyeeffannaa yoo kenne hojii dhaabuun kun guutummaatti karaa nagaa ta’een kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Har’a guyyaa dhumaa lagannaa akka ta’e kan eere Tamsgeen(Maqaan Sababa nageenyaaf jijjiirame) namoonni qabsoo geggeessaa jiran jiraachuu hawaasa keenya irratti qumaara siyaasaa hin taphachiifnu jechuun aangooo irraa kaafamanii, seeraan ala hidhaman dhimmi isaanni mana murtiitti dhiyaatee murtii fi deebii mootummaan kennu erga barree booda karaa nagaan ni falmanna jedhe.

Hagayya 18 Komaand poostiin naannichaa ibsa baaseen  sababa malee manneen daldalaa fi dhaabbilee daldalaa magaalicha keessa jiran cufuun akka hin danda’amne fi gaafa guyyaa 12/19/2014 irraa eegalee baankotaa fi dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa adda addaa cufuun akka hin danda’amne beeksiseera. 

Itti dabaluudhaanis konkolaattonni tajaajila geejjibaa kennan dhaabuun cimsee dhorkaa ta’uu ibsuun, komaandipoostiin yeroof godinicha keessatti hundeeffame namoota ajaja kana cabsan irratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu eeruus hawaasni tarkaanfii mataa isaa fudhachuu irraa duubatti hin jenne. Walgahii ariifachiisaa Komaand Poostiin Naannoo Kibbaa Hagayya 12/2014 gaggeesseen Aanaalee fi Magaalota godina Guraagee keessatti walga’ii fi mariin mootummaas ta’ee miti mootummaa kamiyyuu yeroo hin murtoofneef dhorkee  akka ture ni yaadatama.

Hagayya 12 bara 2014 irraa eegalee komaand poostiin naannichaa hiriira fi hojiiwwan kana fakkaatan kamuu gaggeessuu, manneen daldalaa fi dhaabbilee daldalaa sababa tokko malee cufuu dhorkee jira. Sa’aatii hojii mootummaatti qondaalli ykn ogeessi waajjira keessaa akka hin dhabamne Komaand Poostiin ibsuun namoota ajaja kana didan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu akeekkachiisuun isaas ni  yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.