Oduu: Itoophiyaatti namoonni miliyoona 1.7 ta’an balaa lolaan miidhamuu danda’u-UNOCHA

Lolaa Suuraa: Waajjira Kominikeeshinii Gaambeellaa

Finfinnee, Hagayya 25/2022- Kutaaleen Itoophiyaa tokko tokko  torbeewwan dhufan keessa balaa lolaan mudachuu kan danda’u yoo ta’u, namoota 400,000 ol ta’an yaaddoo buqqa’uuf saaxilaman dabalatee namoonni miiliyoona 1.7 ol ta’an miidhamuu hin oolan jedhe UNOCHAn gabaasa kaleessa baaseen. 

Naannoo Gaambeellaatti balaa lolaa aanaalee naannichaa 8 keessatti muudateen jiraattonni kuma 74 ol ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu waajjirri kominikeeshinii naannichaa gabaase.

Gabaasni UNOCHA Itoophiyaan hongee hamaa waggoota 40 as mudatee hin beekne keessa jiraachuu eere. Kunis hanqinni nyaataa hammaataa dhufuun namoonni gara miliyoona 17 ta’an amma gargaarsaaf saaxileera jedhe. Beeyladootni miiliyoona 3.5 ol ta’an du’aniiru jedha.

Itoophiyaatti bara kana namoonni miiliyoona 24 ol ta’an gargaarsa namoomaa kan argatan yoo ta’u, isaan keessaa namoonni miiliyoona 20 ol ta’an gargaarsa nyaataa , miiliyoona 3 ol ta’an gargaarsa qonnaa, miiliyoona 3 ol ammoo tajaajila bishaanii,  fi meeshaalee qulqullina argachuunis himameera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.