Oduu: Boordiin Filannoo Godinoota Jahaa fi Aanaalee Addaa Shan Keessatti Rifarandamii Gaggeessuuf Murteesse

Buruk Alamuutiin @Birukalemu21 

Finfinnee, Hagayya 24/2022- Manni Maree Federeeshinii gaaffii naannoon ijaaramu Godinaalee Walaayittaa, Geede’oo, Gaamoo, Goofaa, Koonsoo, Oomoo Kibbaa, akkasumas aanaa addaa Amaaroo, Alee, Baaskeettoo, Burjii fi Daraashee irratti murtoo laachuuf ji’a sadi keessatti  filannoon gagggeeffamee bu’aa filannoo mana marichaaf Bordii Filannoo Biyyalessaa akka dhiyeessu murteessee ture. 

Boordiin filannoos ibsa har’a baaseen filannaa gaggeessuuf galtee kan ta’u murtoo manni maree godinaalee fi aanaalee eeramanii akkasumas gaaffii mana maree federeeshiniif dhiyeessan naaf haa laatamu jedhe.

Manni Maree Federeeshinii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtii ummataa zoonii 6 fi aanaalee 5 armaan olitti ibsaman ji’a sadii keessatti akka qindeessu murteesse ilaalchisee, boordichi dhimmicha bu’uura seeraa dhimmi ilaallatuun gadi fageenyaan qorachuu isaa eereera.

Kanumaan wal qabatee, filannoo ykn murtii ummataa haala sadarkaa isaa eeggateen gaggeessuuf, qophii gabatee raggaasisuu fi akka barbaachisummaa isaatti fooyyeessuu fi raawwachuuf yeroo hangamii akka fudhatu aangoo kan qabu ta’uu boordii filannoo ta’uu hubachiiseera. 

Boordichi sagantaa dhimma kana raawwachuuf loojistikii qopheessuuf, qacarrii fi ramaddii qondaaltota filannoo hojiirra oolchuuf, dhimma nageenya filannoo madaaluuf, barnoota filattotaa kennuuf, hanga barbaachisu tilmaama keessa galchuun sagantaa mana marichaaf ni kenna buufataalee filannoo gurmeessuu, waldaalee siiviilii taajjabdootaaf hayyama kennuu fi dhimmicha irratti qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin mari’achuu isaa beeksisaniiru.

Manni Maree Federeeshinichaa Walgahii Hagayya 12, 2014 gaggeesseen, Naannoo Saboota sablammoota fi Ummattoota Kibbaa keessatti Godinoota 6 (Gaamoo, Walaayittaa, Goofaa, Gedi’ee, Konsoo fi Oomoo Kibbaa) fi aanaalee addaa 5 (Burjii, Amaaroo, Daraashee, Baskeettoo fi Ale) iyyata naannoo tokko keessatti gurmaa’uf dhiheesse erga fudhatee qoratee booda rifarandamii gaggeessuuf murtee dabarsuu isaa Addis Standards gabaasuun isaa ni yaadatama.

Manni marichaa murtee kennuu akka danda’uuf raggaasifamuu ummataa mirkaneessuun waan barbaachisuuf, karaa Boordii Filannoo Biyyoolessaa walaba ta’een ji’a sadii keessatti rifarandamii qindeessuun bu’aa rifarandamichaa ilaalchisee gabaasa mana marichaaf akka dhiyeessu murteessee jira. 

Caaseffama Kilaastraan Gurmaa’uu kun  godinaalee 11 fi aanaalee addaa 6 naannoo Kibbaa keessatti argaman kunneen murtoo walfakkaataa ta’e dabarsu isaani hordofee Naannoo Saboota Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa lamatti qoodama. Haaluma kanaan Godinaalee Guraagee, Silxee, Kambaataa, Haadiyyaa, Haalaabaa fi Aanaan Addaa Yam naannoo tokko akkasumas Godinaalee Walaayittaa, Geede’oo, Gaamoo, Goofaa, Koonsoo, Oomoo Kibbaa, akkasumas aanaa addaa Amaaroo, Alee, Baaskeettoo, Burjii fi Daraashee akka ta’an ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.