Oduu: Mootummaan Federaalaa fi Humnootni Tigraay waraana irra deebiin eegale irratti wal komatan

Finfinnee, Hagayya 24/2022 – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa har’a ganama baaseen, waraanni kaabaa ji’oota muraasa darban keessa erga tasgabbaa’ee booda waraana humnoota federaalaa fi Tigraay giddutti adeemsifamu irra deebiin eegaluu isaa mirkaneessee jira.

Mootummaan federaalaa waraana deebi’ee eegaluun humnoota Tigraay komate. “Gareen shororkeessaa TPLF filannoo nageenyaa mootummaan dhiheesse hunda dhiisuun har’a ganamasa’aatii 11 irraa eegalee gama bahaatiin kallattii Bisoo Bar, Zobl fi Takulash keessatti haleellaa baneera” kan jedhe ibsichi, humnoonni Tigraay “labsii dhukaasa dhaabuu ifatti cabsaniiru,” jedhe.

Ibsi mootummaa federaalaa irraa kenname kun kan bahe erga humnoonni Tigraay ibsa mataa isaanii baasaniin humnoota federaalaa, akkasumas humnoota addaa naannoo Amaaraa, Faannoo Walloo fi milishoonni “har’a ganama sa’aatii 11 irratti kallattii Cobee Bar, Jaanooraa, Yaaloo, Allaamaaxaa, Baalaa fi Bisoo Bariin” haleellaa waraanaa bananiiru jechuun himachu isaani hordofeeti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.