Oduu: Hoggantoonni Godina Guraagee Naannoon Caaseffamuu Deeggaran Hidhaman

Finfinnee, Hagayya 24/2022 – Gurmaa’insa naannumaa godina Guraagee waliin walqabatee hoggantoonni fi itti gaafatamtoonni godinichaa hidhamuu hojjataan mootummaa maqaan isaa akka  eeramu hin barbaanne Addis Standarditti himeera.

Itti gaafatamaan waajjira faayinaansii godinichaa Munawwar Hayaatuu, Itti gaafatamaa dhimmoota kominikeeshinii mootummaa Mabiraatee W/Maariyaam, Itti gaafatamaa intarpiraayizii fi misooma industirii godinichaa Abbabaa Amargaa fi Diinii itti aanaa Koolleejjii Pooliteekinikaa Walqixxee  Ajmal to’annoo jala akka oolan himeera. 

Addis Standard dhimmicha ilaalchisee gara Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Godina Guraagee kan qunname yoo ta’u, ogeessi waajjiricha keessatti hojjatu maqaan isaa akka hin eeramne barbaade tokko, “dhimmichi komaand poostiin waan qabameef odeeffannoo tokkollee kennuu hin dandeenyu” jedhe. Addis Standard hojjataa mootummaa magaalaa Walqixxee keessa jiraatu tokko kan dubbise yoo ta’u, maqaan isaa akka hin eeramneef gaafachuun namootni dhimmichaan walqabatee hidhaman jiraachu himuun eenyu akka ta’an garuu akka hin beekne dubbate. 

Kun kanaan osoo jiru, Addis Standard hoggansa komaandi poostii jalatti kan hojjatu Komaandar Xajjee kan dubbise yoo ta’u, “hidhaa jedhame kana jiraachu isaa hin beeku. Odeeffannoo qulqullaa’e yoo jiraate gara fuulduratti ni beeksisna” jedhe. 

Kanumaan walqabatee,Waldaan Guraagee Idil Addunyaa, teessoo isaa biyya Ameerikaa godhate, gaaffii naannummaa Guraagee waliin walqabatee hidhaa, dararaa fi miidhaan hawaasa Guraagee irra gahaa jiru akka dhaabbatu gaafateera.

Waldichi ibsa baaseen, “Paartiin Badhaadhinaafi caasaan mootummaa paartichi hoogganu” gaaffii naannummaa Guraagee mana maree bakka bu’ootaan ragga’e duubatti deebisuufi gaaffii uummataa ukkaamsuuf itti fufiinsaan hojjechaa jira kan jedhe yoo ta’u, walga’ii mana maree godinichaa Hagayya 11, 2022 irra deebiin gaggeeffame irratti kufaa ta’eera jedhe.

Ibsichi dabaluun, “Yaadni isaa kan jalaa kufe paartiin Badhaadhinaa fi mootummaan isaan durfamu, gaaffii ummataa deebisuu dhiisee, caasaa nageenyaa fi komaandi poostiin ummata jumlaan hidhaa jira” jechuun qeeqeera. Kanaan walqabatee waldichi hoggantoota olaanoo naannoo kibbaa kan qeeqe yoo ta’u, “hoggantoonni Guraagee gama ummataa dhaabbatanii fi dargaggoonni qabsoo gaggeessaa jiran hidhaa jiru,” jedheera.

Ibsa kana keessatti waldichi “Uummata ukkaamsuu fi mana hidhaatti guuruun bu’aa argamu hin jiru. Sochiin dantaa uummataa kabachiisuuf godhamu ni dabala malee tasumaa hin hir’atu” jedhe. 

“Paartiin Badhaadhinaa fi mootummaan isaan hogganamu hidhaa fi ukkaamsuu duulaan jalqabe battalumatti akka dhaabbatu, ijoolleen Guraagee amma hidhe akka hiiku, gaaffiin naannummaa dhiyaachaa jiru hokkora tokko malee karaa nagaan waan ta’eef gaaffiin naannummaa uummatni gaafateef atattamaan rifaramdamii akka gaggeeffamu ni gaafanna,” jedhe. 

Kana malees, MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, “paartii fi mootummaan isaa hidhaa fi dararaa uummata Guraagee irratti geessisaa jiru akka dhaabu fi gaaffii seera qabeessaaf deebii seera qabeessa akka laatu, komishiniin mirga namoomaa fi dhaabbilee kanneen qaama mootummaa ta’an sarbiinsa mirga namoomaa fi dimokiraasii kana xiyyeeffannoon akka hordofan fi mootummaa giddu galeessaafis yaada gorsa akka laatan,” gaafateera.

Komaand Poostiin Naannoo Kibbaa walga’ii ariifachiisaa Hagayya 18 gaggeesseen, aanaalee fi magaalota godina Guraagee keessatti walga’ii fi marii mootummaas ta’ee miti mootummaa kamiyyuu yeroo hin murtoofneef akka dhorke Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Hagayya 18 irraa eegalee hiriira fi sochiiwwan kana fakkaatan gaggeessu fi manneen daldalaa fi dhaabbilee sababa tokko malee cufuu kan dhorkame yoo ta’u, sochiin baajaajii hanga galgala sa’aatii 2 fi sochiin motora ammoo hanga sa’aatii 1tti akka daangeeffamu murtaa’eera.

Komaand poostichi sa’aatii hojii mootummaatti qondaalli waajjiraa ykn ogeessi mana hojii irraa hafuun akka hin danda’amne ibsuun namoota ajaja kana cabsan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.