Xiinxala: Daangaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi GAONF “murtoo seena qabeessa” jedhame kun dhuguma gaaffii barootaaf ture ni deebisa?

Marii Dhimma Daangeffama Finfinnee, Suuraa: Feesbuukii Adaanech Abeebe


Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinee, Hagayya 19/2022- Mormii garaagaraaf sababa kan ture daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee akkaataa qorannoo haaraa qophaa’een daangeeffamuu ibsameera. Adeemsi lafa daangeessuun kun aanaalee Finfinnee fi Godina Addaa Naannawaa Finfinnee jala jiran hundatti kan gaggeeffame yoo ta’u, haala bakka tokko irraa bakka biraatti garaagarummaa qabuun bakkeewwan muraasni Finfinnee irraa gara Godina Addaa Naannawaa Finfinneetti yookaan ammoo Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee irraa gara magaalaa Finfinneetti galan adda baafamu gabaafameera.   

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa Hagayya 16, 2022 baaseen “daangeeffamni kun baroota hedduuf gaaffii uummataa ture” jechuun adeemsa daangeeffama daangaa bulchiinsaa qaamoleen lamaan (Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee) giddutti adeemsifame rakkoo dhimma daangaan walqabatee waggoota hedduuf uumamaa ture kan furuudha jedhe. “Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee gidduu daangaa bulchiinsaa ifa ta’e osoo hin jiraatiin turuun isaa jiraattotni tajaajila mootummaas ta’e tajaajila hawaasummaa isaan barbaachisu dhabuun rakkoo fi dararaa hedduuf saaxilamaa turaniiru jedhe. 

“Hunda caala weerara lafaa dabalatee gochoota seeraan ala biroo to’achuuf, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf ulfaataa ta’e tureera. Jiraattotni seeraan ala qe’ee fi qaeenya isaani irraa buqqa’aniiru, maatiin bittinaa’ee rakkoowwan diinagdee, hawaasummaa fi xiin-sammuuf saaxilameera,” kan jedhe ibsi tajaajila kominikeeshinii mootummaa baase kun, daangaan bulchiinsota lamaan osoo hin daangeeffamiin turu isaatin uummatni hanqina bu’uuraalee misoomaa fi babal’ina gochoota seeraan alaan rakkachaa jiraachuu hime.  

Kanaafis dhimma daangaa kana bu’uurarraa furuuf akka danda’amu koreen miseensota bulchiinsa magaalichaa fi GAONF irraa babbahaniin hundeeffame qorannoo bal’aa taasisuun adeemsa daangeessu kana chaartara mootummaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa akkasumas kan bulchiinsa magaalaa Finfinnee bu’ureeffachuun akka raawwatame ibsameera. Hoggansa bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi Finfinnee giddutti mariin bal’aa erga gaggeeffame booda waliigalteerra gahamu ibsameera.

Toora marsaa hawaasummaa ishee irratti afaan lamaaniin barreeffama qabiyyee bu’uura irraa garaagarummaa qabu kan maxxansite kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Adaanach Abeebee, barreeffama Afaan Oromoo Hagayya 16 marsaa hawaasummaa fesbuukii isheerratti maxxansiteen “barootaaf deebiin osoo itti hin kennamin gangalachaa kan tureefi gaaffii ummataa ta’ee hedduun kan aarsaa itti kanfalaa kan ture dhimma daangaa Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee jidduu ture” waltajjii walootiin xumuramuu ibsitetti. Barreeffama Afaan Amaaraan maxxanfame irratti ammoo daangaan bulchiisaa kun Naannoo Oromiyaa fi magaalaa Finfinnee giddutti akka adeemsifame ibsame. Kunis bu’uura irraa magaalaa teessoo bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa fi handhuura Oromiyaa kan taate Finfinnee fi naannoo Oromiyaa gidduu daangeessuun gaaffii biraa kaaseera.  

“Daangaa bulchiinsaa kanaan kan hojjanne dallaa miti,” kan jette Adaanach, dhimmi daangaa bulchiinsaa waggoota 7 dura koree waliinii hundeeffamuun irratti hojjatamaa kan turee fi waggaa darbe irraa eegalee sadarkaa hoggansaatti irratti mari’atamaa turuun bu’uura heera biyyattii fi chaartara magaalaa Finfinneetiin qaamolii bulchiinsa lamaaniitiin furuuf waliigalteerra gahamu ibsite.

Murtoo kanaan “Oromiyaanis Finfinneenis wayita bulchanitti iddoo ture akka itti fufu kan waliif galleerra” kan jette kantiibaan magaalaa Finfinnee, manneen waliin jireenyaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessa galuun fageenyarraa magaalaa Finfinneetiin ijaaraman; kan akka Koyyee Faccee, Tulluu Diimtuu (gariin), Jamoo lakkoofsa lamatti kan argaman gara Godina Addaa Oromiyaatti kan daangeeffaman yoo ta’u, manneen waliin jireenyaa naannawaa Labuu, Furii irraa hanga Haannaa fi manneen waliin jireenyaa Oromiyaa dabalatee hanga Laga Qarsaatti kan argamu gara bulchiinsa magaalaa Finfinnee akka daangeeffaman waliigalteerra gahamu ibsite. Kanaan alatti hundinuu bakkuma jirutti bulchas jedhameera. 

Itti dabaluun, “manneen jireenya waliinii kana gara Godina Addaa Oromiyaatti kan daangessine ta’ullee; fayyadamtoonni carraan baheef jiraattotuma Finfinnee ta’u. Manneen jireenya waliinii Oromiyaas gara Finfinneetti kan daangessine ta’ullee fayyadamtoonni carraan baheefii itti fayyadamaa jiran hojjettoota Oromiyaati,” jette kantiibaa Adaanach Abeebee.

Haata’u malee dhimmi magaalaa Finfinnee gaaffii dhimma daangaa bulchiinsaa irra kan  darbuufi waggoottan  hedduuf mormiiwwan siyaasaa gaaffiilee seeraa, siyaasaa; gaaffii abbummaa magaalaa Finfinnee fi mormii babal’ifannaa qidaa’aa magaalattii qonnaan bultoota lafa isaanirraa dhiibuun rakkoo diinagdee fi hawaasummaaf saaxile irratti xiyyeeffate keessummeessaa ture. Kanaafis agarsiisawwan baay’ee eeruun ni danda’ama. 

Koree fi Wantoota Beekaman 

Ministirri Muummee Abiy Ahimad dargaggoota guutuu biyyattii irraa dhufaniif haasaa taasiseen waan hojjatame irratti of dhaadheessuun murtoo darbe jaje. Paartiin  isaa, Paartii Badhaadhinaa rakkinoota fi bu’aa ba’ii hedduu keessa darbe akka galmaan geessise hime. 

Muummichi Ministeeraa “koree” dhimmicha akka ilaaluu ijaaree akka ture eereera. Waajjirri Ministira Muummee waldhabdee daangaa bulchiinsaan walqabatee uumamaa ture bu’uura irraa akka furamuuf Bitootessa 2019 koree namoota saddeet of keessatti qabu ijaaruu isaa beeksise ture.

Addatti ammoo manneen jireenyaa waliinii Kooyyee Faccee tokko fi lama bulchiinsa magaalaa Finfinnee carraa irratti baasee mormii kana kaase. Mootummaan Naannoo Oromiyaa iddoo kun Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti akka argamu ibsuun murtoo kana ifatti kuffise ture.  

Ibsoota torban darbe bahan hundi hojiiwwan “koree” miseensota bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee irraa ijaarameen hojjataman kan eeruun, koreen kun qorannoon bal’aan heera Federaalaa fi Oromiyaa, akkasumas chaartara Finfinnee bu’uura godhachuun gaggeesse jiraachuu isaa eereera. 

Dhimma kana ilaalchisee ibsa baay’ee kennamuus daangaa bulchiinsa kana irratti murtoo dabarsuuf adeemsa “koree” MM Abiy Ahimadiin ijaarame hordofe irratti ibsa hin kennamne. Maqaa miseensota korichaas hin ibsamne.

Koree namoota saddeet qabu keessaa gama mootummaa federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinneetin Ministira Nageenyaa, Mufariyaat Kamil: Kantiibaa Itti aanaa Finfinnee, Taakkalaa Uumaa: Qindeessaa kilaastara hawaasummaa Finfinnee, Indaawwaq Abbixee: Qindeessaa kilaastara diinagdee Finfinnee, Dr Solomoon Kidaanee fi Tasfaayee Baljigee yoo ta’an; gama Oromiyaa irraa Pirezdaantii itti aantuu Oromiyaa, Xayibaa Hasan; qindeessaa kilaastara misooma magaalaa Oromiyaa, Ahmad Tusaa fi qindeessaa kilaastara misooma baadiyyaa Oromiyaa Dr. Girmaa Amantee turan. 

Haalli koree kanaa hin beekamne kun, barreeffama afaan lamaaniin ergaa garaagaraa qabu kantiibaa Adaanach Abeebeen barreeffame waliin dabalamee, Oromoota dhimmicha hordofaa jiran yaaddeesseera. Fakkeenyaaf, Kantiibaan magaalattii barreeffama Afaan Amaaraan barreessite keessatti daangaa bulchiinsaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee gidduutti akka kaa’ame ibsiteetti. Oromoota magaalaan Finfinnee mataan ishee teessoo mootummaa naannoo Oromiyaati jedhan biratti ammoo naannoo Oromiyaa fi magaalaa guddoo naannichaa giddutti daangaa kaa’uun gaaffii kaaseera. Kana malees, “korichi” qabatamaatti hojiitti seenee bal’inaan hojjetee akka ture waan agarsiisu hin jiru. Miseensota “koree” kana keessaas yeroo ammaa hojii idilee irra kan jiran afur qofa.

Mormii Maastar Pilaanii 

Maastar Pilaanii Qindaawaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee bara 2013 karoorfame Finfinnee gara godinaalee fi magaalota naannoo Oromiyaa Finfinnee marsanii jiranitti babal’isuuf yaadame mormii diddaa itti fufiinsa qabu fi qaamolee hawaasa hunda; barataa irraa hanga qotee bulaa, daa’ima irraa hanga maanguddoo hirmaachise waggootaaf kan qabsiise yoo ta’u, kunis dhuma irratti Ministira Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalenyi aangoo akka gadhiisu taasisuun bakka isaatti Ministira Mummee ammaa Abiy Ahmad gara aangootti akka dhufu taasiseera.

Mormiin diddaa maastar pilaanii qindaawaa magaalaa Finfinnee barattoota Yuunivarsiitiin bara 2014 keessatti kan jalqabame yoo ta’u, barattootni Oromoo Yuunivarsiitiiwwan adda addaatti baratan dhaadannoo ijoo “Oromiyaan hin cicciramtu, lama hin taatu” jedhuun mormii guddaa gaggeessaniin lubbuun namaa fi qabeenyi badeera. Caamsaa bara 2014 keessatti qofa lubbuun namoota 11 akka darbe mootummaan beeksise ture. Mormii qindaa’aa barattoota Yuunivarsiitii Amboo fi jiraattota magaalittii gaggeessaniin dhukaasa Poolisii irraa dhukaafameen lubbuun namootaa darbeera. Gabaasaaleen tokko tokko lakkoofsa namoota ajjeefaman 20 akka ta’an ibsu. Akkasumas mormii kanaan barattoota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu sadi kan ajjeefaman yoo ta’u, Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattoota tapha kubbaa miilaa ilaalaa turan irratti boombii darbatameen barattoota 70 irratti miidhaan qaqqabeera.  Yuunivarsiitii Finfinnee dabalatee dhaabbilee barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti jiran hundatti mormiin gaggeeffamaa ture.

Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitiwwan garaagaraa keessa jiran karoora haaraa bulchiinsi magaalaa Finfinnee magaalittii naannawa ishee waliin walitti makuun bulchiinsa guddaa uumuuf akka yaade yeroo hubatan aariidhaan deebii kennaniiru. Dhugumatti, maastar pilaanii hiree gaarii hin taane karoora akka laayyootti ilaalamu hin turre; magaalota ollaa bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee jala jiran keessaa saddeet, kanneen irra caalaa saba guddicha biyyattii kan ta’e Oromoon keessa jiraatu hammachuu barbaade. Hedduun isaanii karoorri kun magaalota kana gara bulchiinsa guddaa tokkootti yookiin bulchiinsa magaalaa Finfinnee jalatti fiduu barbaada jechuun morman. Maastar pilaanii kanarratti ibsa dabalataa akka kennamuuf gaaffiin dhiyeessan seera qabeessa ture.

Baroota darban, keessattuu jaarraa tokko darbe keessatti Finfinneen jijjiirama guddaa keessa darbiteetti. Waggoota kurnan lamaan darban garuu baay’inni ummataa akkasumas kallattii hundaan babal’ina lafaa baay’ee dabaleera. Akka ragaan bara 2014 ‘Addis Abeba and the Surrounding Oromia Special Zone Integrated Development Plan’ irraa argame agarsiisutti waggoota kurnan lamaan darban qofa magaalattii keessatti daballii baay’ina ummataa dhibbeentaa 80 kan mul’ate yoo ta’u, daangaan Finifnnee ammoo waggoota kurnan darban keessatti yoo xiqqaate dhibbeentaa 25 dabaleera. 

Mootummaan uummata magaalichaa saffisaan dabalaa jiruuf tajaajila gahaa fi bu’uuraalee misoomaa barbaachisu guutuuf sanaan dura maastar pilaaniiwwan sagal kan qopheesse yoo ta’u, rakkoon kun kan mul’achuu eegale yeroo Maastar pilaanii Misooma Qindaa’aa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee 10ffaa ifa godhamudha. Maastar Pilaanichi magaalota bara 2008 irraa eegale bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee jala jiran saddeet; Duukam, Sabbataa, Buraayyuu, Sulultaa, Galaan, Holotaa, Sandaafaa fi Lagaxaafoo gara Finfinneetti dabaluun bulchiinsa gaddaa tokko uumuuf karoorfamu isaa mormii guddaa kakaase. 

Baay’inaan ijoollee qonnaan bultoota kan ta’an barattoota kunneen mormii qaban akka dhageessisaniif ka’umsa kan ta’e; maastar pilaaniin sun osoo hojiirra hin ooliin qonnaan bultoota naannawaa san jiran beenyaa tokko malee buqqifamaa fi dhiibamaa rakkoo diinagdee fi rakkoo xiin-sammuuf saaxilamaa turan karaa qindaa’aa ta’een itti fufsiisa jedhu, akkasumas bu’uuruma irraa maastar pilaanichi toftaa handhuura naannoo Oromiyaa bulchiinsa Oromiyaa jalaa baasuun Oromiyaa dhabamsiisudha jedhu ture. 

Maastar pilaanichi uummataan qofa osoo hin taate aanga’oota mootummaa fi miseensota paartii biyya bulchaa ture (ADWUI) irraas mormiin irratti ka’eera. Marii dhimma hojiirra oolmaa maastar pilaanichaa irratti gaggeeffame irratti kanneen Oromiyaa irraa bakka bu’anii argaman irraa mormii guddaa ka’e ture. Yeroos kantiibaa magaalaa Sulultaa kan ture Taakkalaa Uumaa, “dhimmi kun dhimma misoomaa qofa fi dhimma eenyummaa waan ta’eef dursa uummatni irratti mari’achu qaba,” jechuun hojiirra oolmaa maastar pilaanichaa mormuun isaa ni yaadatama. 

Mormiin haala kanaan jalqabame utuu hin turin magaalota naannichaa keessatti argaman biroo, kanneen akka, Giincii, Dambi Doolloo, Adamaa, Gimbii fi kanneen birootti babal’achuun waggootaaf qaama jireenya idilee ta’e ture. Dhaadannoon mormii kunneenis diddaa maastar pilaanii irraa gara gaaffii abbaa biyyummaa fi jijjiirraa sirnaatti ol guddachuun xiyyeeffannoo addunyaa argate. Barattootni gara barnoota deemuu dhiisanii hiriira mormiif gara daandiitti yaa’uu eegalan. Ergasii hidhaa fi ajjeechaan kanneen mormii dhageessisan irratti raawwatamuun taatee idilee guyyaa guyyaan dhagahamu ta’e. Mootummaan hiriira mormii gaggeeffaman irratti qaamoleen nageenyaa tarkaanfii fudhataniin lubbuun namoota akka darbe amanuus maddeen adda addaa lakkoofsi namoota du’anii kan mootummaan jedhu caalaa akka baay’atan dubbatu.

Mormii diddaa maastar pilaaniin jalqabame gara jijjiirraa sirnaatti jijjiirame kun wareegama lubbuu namoota hedduu, hidhaa fi dararaa uummataatin boodarra mootummaa yeroos biyya bulchaa ture irraa dhiibbaa uumuun Ministira Mummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi aangoo akka gadhiisu fi bakka isaatti Ministira Mummee ammaa Abiy Ahmad gara aangootti akka dhufu taasiseera.

Mormii marsaa lammaffaa

Baatii Bitootessa, 2019 keessatti guutummaa naannoo Oromiyaa magaalota hedduu keessatti namoota kumaatamaan lakkaawaman daandiitti bahuun hiriira mormii gaggeessaniiru. Mormiin kun kan ka’e erga Intarpiraayiziin Qusannaa fi Bulchiinsa Manneenii Finfinnee manneen kondominiyeemii magaalattii keessatti, akkasumas godina addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessatti argaman kumaatamaan lakkaa’aman carraa baaseen dabarsee kennee boodadha.

Magaalota Adaamaa, Shaashamannee, Baalee Roobee, Haramaayaa keessatti mormiin akka gaggeeffame Addis Standard qondaaltota nageenyaa fi poolisii naannoo irraa mirkaneessuun gabaase ture. Gabaasni BBC Amharic baase akka jedhutti, guutummaa naannichaa magaalota kudhan keessatti mormiin gaggeeffameera.

Hiriirtonni murtii bulchiinsa magaalaa Finfinnee hirmaannaa mootummaa naannoo Oromiyaa ala manneen kondominiyeemii Koyyee Faccee tokko fi lama kumaatamaan lakkaawwaman carraa lootarii kompiitaraan qophaa’e Bitootessa 06, 2019 baaseen jiraattota magaalaa Finfinneef dabarsee kennuu isaa morman. Namoota 7,127 ta’aniif manneen jireenyaa waliinii lafa bal’aa duraan lafa qonnaa ture irratti ijaarame kennamu isaa morman. Manneen jireenyaa waliinii Koyyee Faccee daangaa Finfinnee irraa bahuun gara Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti kiiloo meetira 20 fagaate ijaaramuun isaa mormii kanaaf sababa ijooti. 

Mormitoonni, bulchiinsi magaalaa Finfinnee aangoo isaatiin ala mootummaa naannoo Oromiyaa osoo hin hirmaachisin socho’aa jira jechuun dhaadannoo “lafti keenya lafee keenya”, “Koyyee Facceen Oromiyaa keessa jira”, “Maastar pilaanii hin fudhannu” jedhan qabatanii turan. 

Sirna carraa baasuu irratti kan argame Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee duraanii Taakkalaa Uumaa maatiin qonnaan bultoota lafa isaani irraa buqqa’an carraa lootarii malee raabsaa mana jireenyaa keessatti ni hammatamu jedhe ture. “Keessattuu warri pirojektoota [mana jireenyaa] kanaaf lafa qonnaa keessan dhabdan rakkoo diinagdee fi hawaasummaaf saaxilamtan dhukkubbiin keessan kan keenya jechuu barbaanna,” jedhan Taakkalaan. Haata’u malee, Taakkalaan warra beenyaa xiqqootiin qabeenya irraa buqqa’an hammachuudhaaf aangawoota magaalattiis ta’e mootummaa naannichaatiin maal akka hojjetame hin ibsine. Namootni bakka Koyyee Faccee tokkoo fi lamatti akkasumas iddoo pirojektii kondominiyeemii Boolee Arraabsaatti jiraatan OBN dubbisan qondaaltota bulchiinsa magaalichaas ta’e qondaaltota Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee irraa qaamni nu qunname hin jiru jedhan.

Taatee kana booda waajjirri Ministirri Mummee ibsa Bitootessa 09, 2019 baaseen koreen rakkoo daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee qoratee yaada furmaataa dhiyeessu hundeeffamu beeksise ture. “Kanaan dura koreen qorannaa dhimma daangaa kanaa furaan itti amaname Oromiyaa fi Finfinneerraa walitti babba’uun hundaa’us, dhimmicha furuun waan hin danda’amneef gaaffiin daangaa ammas itti fufeera” kan jedhe ibsichi, kanaafis furmaata waaraa laachudhaaf koreen mootummaa federaalaa, Oromiyaa fi Finfinnee irraa miseensota filataman 8 qabu ijaaramu beeksise.  Koreen kun walitti qabduu korichaa Mufariyaat Kaamiil, akkasumas Xayibaa Hasan, Ahmad Tusaa, Girmaa Amantee, Taakkalaa Uumaa, Indaawwaq Abbixee, Dr. Solomoon Kidaanee fi Tasfaayee Baljigee of keessatti qabachuun hundaa’e. 

Haata’u malee koreen hundeeffamu isaa yeroos ibsame kun gara hojii qabatamaatti seenee kaayyoo hundeeffama isaa yeroo hojjetu hin mul’anne. Namoota miseensa koree kanaa ta’an keessaa afran isaani qofa yeroo ammaa kana hojii idileerra argamu. Qorannoo dhimma daangaa amma gaggeeffame jedhame irrattis koreen bara 2019 hundeeffame kun qooda fudhachu isaa fi dhabuu isaa ilaalchisee waan jedhame hin jiru. 

Adeemsa daangeessu kun ija hayyuu seeraatin yeroo ilaalamu

Dhimma adeemsa daangaa bulchiisaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee ilaalchisuun hayyuun seeraa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko yaada Addis Standardiif laateen adeemsa daangeessu amma gaggeeffame jedhamu kana adeemsa sirri eegee akka hin gaggeeffamne ibse. 

“Akkaataa heera mootummaa biyyattiitin Itoophiyaan ida’ama waliigalaa naannolee biyyattiiti jedha. Finfinneen ammoo handhuura Oromiyaa keessa jiraachu isheerraa kan ka’e qaama Itoophiyaa ta’ufillee dursa qaama Oromiyaa ta’u qabdi”

Ogeessa seeraa

“Daangaa bulchiinsaa sararuun barbaachisaadha. Daangeessuun ammoo adeemsa mataa isaa qaba. Chaartarri Finfinnee,  bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi mootummaan naannoo Oromiyaa waliigalteen daangaa kaa’uu danda’u jedha. Haata’u malee aanga’ootni mootummaa uummata irraa madda waan ta’eef, dursa uummata sadarkaa sadarkaan jiru irratti mari’achuu fi manneen maree lamaan irratti mari’atamuun dirqama ture. Waan qilleensarra aanga’oonni waliigalteedhaan godhan miti. Adeemsa daangeessu amma gaggeeffame irratti ammoo yeroo kun raawwatamu hin mul’anne. Kana malees, mormii kanaan dura gaggeeffamaa turan irratti Koyyee Faccee fi Tulluu Diimtuun xiyyeeffannoo uummataa waan argataniif isaan qofa gara Godina Addaatti deebisuun deebii akka deebifame kan yaadame natti fakkaata. Akka agarsiisaatti ammoo manneen waliin jireenyaa mootummaa naannoo Oromiyaa ijaare xiyyeeffannoo uummataa keessa waan hin turreef gara Finfinneetti daangeessan,” jedhe.   

“Garuu dhimmichi kan daangaa qofa miti. Akkaataa heera mootummaa biyyattiitin Itoophiyaan ida’ama waliigalaa naannolee biyyattiiti jedha. Finfinneen ammoo handhuura Oromiyaa keessa jiraachu isheerraa kan ka’e qaama Itoophiyaa ta’ufillee dursa qaama Oromiyaa ta’u qabdi. Haala sirna Federaalizimii irraa faallaa ta’een Oromiyaan magaalaa guddoo ishee Finfinnee bulchu hin dandeessu. Akkaataa seera mirgoota namoomaa idil addunyaatin yeroo ilaalamuus lafti qonnaan bultootaa akka lafa duwwaatti ilaalamaa miidhaa mirga namoomaa isaanirraa gahu osoo tilmaama keessa hin galiin qabeenya isaanirraa dhiibamaa Finfinneen as geesse.” jedhe.  

“Furmaanni ta’u qabu lafa fi qabeenya qonnaan bulaa qabu seera qabeessa ta’eefi akka kabajamu gochuudha malee gara Finfinnees yoo ta’e gara baadiyyaatti daangeessu miti.”

Ogeessa seeraa

Hayyuun kun dhimma mootummaan “murtoo seena qabeessa rakkoo barootaaf ture furu murteessine” jedhe ilaalchisuun yeroo dubbatu, “rakkoon kanaan dura ture babal’ina daangaa Finfinnee fi buqqaa’insa qonnaan bultootaati. Daangaa sararsuun ammoo buqqaa’insa ture ni dhaabsisaa jedhe hin amanu. Furmaanni ta’u qabu lafa fi qabeenya qonnaan bulaa qabu seera qabeessa ta’eefi akka kabajamu gochuudha malee gara Finfinnees yoo ta’e gara baadiyyaatti daangeessu miti. Qonnaan bulaan Finfinnee keessas ta’ee lafa isaa akka hin dhabne taasisu yoo danda’ame murtoo sirri ta’a. Gara Godina Addaattis daangeeffamuun buqqaatii dhaabuuf wabii hin ta’u,” jedhe. 

Gaaffiin Oromoon  Finfinnee Irraa Qabu Maali 

Heerri biyyattii, gaaffii uummata Oromoo baroota darban hedduuf dhimma Finfinnee irraa kaasaa ture labsii “Dantaa Addaa” Naannoo Oromiyaan Finfinneerra qabdu jedhuun akka ilaalamu ibsuus hayyoonni hedduu gaaffichi kan abbummaa akka ta’e falmu. Hayyuun seeraa Tsaggaayee Araarsaa (PHD) barreeffama bara 2017 Addis Standard irratti maxxanseeen, gaaffiin uummatni Oromoo dhimma Finfinnee irratti qabu kan labsii ‘Dantaa Addaa’ jalatti ilaalamu qofa of hin taane gaaffii bu’uuraa ‘abbaa biyyummaa’, gaaffii abbummaa fi Finfinnee irratti aangoo guutuu qabaachu akka ta’e ibsa.

Akka xiinxalli dhuunfaa (Commentary) bara 2017 Addis Standard irratti maxxanfame ibsutti seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti, yaadni ‘Dantaa Addaa’ Oromiyaan Finfinneerra qabdu jedhu bara 1992tti labsii mootummoota biyyaaleessaa/naannoo ofiin of bulchan hundeesse (Lakk. Labsii 7/1992)tiin gara siyaasa Itoophiyaa seene. Kun labsii kan boodarra kutaalee hundeessitoota Federeeshinii Itoophiyaa ta’anii dhufaniif bu’uura kaa’eedha. Giddu galeessummaa aangoo hambisuuf chaartara ce’umsaa keessatti kan ragga’e, akkasumas mirga hiree murteeffannaa gareewwan sabaa fi sablammootaa gatii guddaa kennuuf yaadame naannolee biyyoolessaa ofiin of bulchan 14 hundeesse. Haaluma kanaan Oromiyaan naannolee 14 ofiin of bulchan keessaa tokko taate. Finfinneenis mataa isaatiin magaalaa aangoo naannoo gituu qabu ture. ‘Dantaan Addaa’ Oromiyaan magaalota Finfinnee fi Harar irratti qabdu jalqaba seera kana keessatti beekamtii argateera.

Keewwata 3(4) jalatti akka tumametti: “Dantaa addaa fi mirgi siyaasaa Oromoon Naannoo Hararii fi Finfinnee irratti qabu kan eegameedha. Naannoleen kunneen Mootummaa Ce’umsaa Giddu galeessaaf itti gaafatamummaa kan qaban yoo ta’u, hariiroon mootummaa ce’umsaa giddu galeessaa waliin qaban seera addaatiin bal’inaan kan tumamu ta’a.” jedha. 

Haata’u malee yeroos daangaa magaalattii daangessuuf yaaliin akka hin jirres hubachuun barbaachisaadha. Kanarraa kan ka’e aangoon bulchiinsa Finfinnee sirriitti eessaa akka xumuramu ifa hin turre.

Kunis Finfinneen kallattii lamaan: akka magaalaa federeeshinii tokko keessatti akka naannootti of dandeesse ofiin bulchitu, fi akka magaalaa naannoo Oromiyaa keessa jirtutti ilaalamaa akka turtu taasiseera. Kana jechuun, magaalittiin Oromiyaa keessa osoo jirtu bulchiinsaan Oromiyaa ala akka taate ilaalamaa, kallattii biraan ammoo handhuura mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uun hanga ammaatti turteetti. Hiikkaan ‘dantaa addaa’ jedhu teessoo mootummaa naannoo Oromiyaa Finfinnee irra gochuu caalaa hiikkaa bal’aa kan qabu ta’uullee, bara mootummaa ce’umsaa irraa kaase “dantaa” Oromiyaan qabdu isuma qofa ta’e hafe. Gaalee ‘dantaa addaa’ jedhu keessatti jechi ‘addaa’ jedhu haala teessuma lafaa Finfinneen Oromiyaa keessatti argamu qofa irraa osoo hin taane eenyummaa magaalattii bu’uura irraan Oromoo waan ta’eef beekamtii icciitiidhaan kenname irraa kan maddedha. 

Heera FDRE bara 1995 ragga’e irratti dhimmi ‘dantaa addaa’ jedhu keewwata 49(5) keessatti ibsameera. Keewwatni 49(5) qabiyyee faayidaa addaa mootummaan naannoo Oromiyaa Finfinnee keessatti qabu haala itti aanuun ibseera: “Dhimmoota kenniinsa tajaajila hawaasummaa, yookiin itti fayyadama qabeenya uumamaa fi dhimmoota kana fakkaatan biroo, akkasumas dhimmoota bulchiinsa waloo Finfinneen naannoo Oromiyaa keessatti argamu ishee irraa maddan ilaalchisee faayidaa addaa mootummaan Oromiyaa Finfinnee keessatti qaba.” jedha.

Haata’u malee jiraattota qarqara magaalittii irraa jiruu isaani gaggeessaa turan dhiibuu fi qe’ee isaanirraa buqqisuun daangaan Finfinnee saffisaan dabalaa deeme. Akka odeeffannoon Insaaykilooppidiyaa irraa argame mul’isutti bal’inni magaalaa Finfinnee 222.04 iskuweer kiiloo meetirii bara 1984 ture irraa waggaa 10 booda bara 1994 dachaa lamaa oliin dabaluun gara 530 iskuweer kiiloo meetiriitti akka ol guddateera. Kunis magaalittiin hangam saffisaan garmalee bal’achaa akka turte agarsiisaa.

Paartileen Siyaasaa Oromoo maal jedhu?

Qondaalli Kongirasii Federaalawaa Oromoo Dajanee Xaafaa yaada Addis Standardif kenneen, murtoo daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee tibbana murtaa’e gaaffii Oromoo akkanumas gaaffii qonnaan bultoota baroota hedduuf qabeenyi isaanii irraa fudhatamaa Finfinnee irraa dhiibamaa turan kan deebisu akka hin taane hime. Gaaffii hunda dura abbummaa Oromoon Finfinnee irratti qabutu deebi’u qaba jedhe.

“Dhimma kana irratti murtoo dabarsuun kan yaadame maaliifi jedhanii gaafachuun barbaachisa. Dhuguma gaaffii uummata Oromoo deebisuufi moo Finfinnee fi Oromiyaa gidduu daangaa kaa’uufi kan jedhutu murteessa. Kaayyoon isaa Finfinnee Oromiyaa irraa adda baasuu yoo ta’e qabsoon barootaaf ture itti fufa jechuudha. Gaaffilee uummatni Oromoo gaafachaa ture keessaa inni ijoon Finfinneen teessuma lafaatin handhuura Oromiyaa ta’u qofa osoo hin taane akka seenaa fi seeraan beekamutti qaama Oromiyaa taatee gara bulchiinsa Oromiyaa jalatti haa galtuudha,” jedhe.

Kana malees, akka mootummaan “murtoo seena qabeessa buqqaatii qonnaan bultoota hambisuun gaaffii yeroo dheeraa deebisu” jedhetti osoo hin taane murtoo kanaan buqqaatiin qonnaan bultootaa dhaabbata jedhe akka hin amanne dubbate. “Duris kan buqqisu mootummaadha, ammas buqqisu kan danda’u isuma. Furmaatni ijoon gaaffii uummata Oromoo Finfinnee ilaalchisee gaafachaa ture deebisuun Finfinnee qaama bulchiinsa Oromiyaa gochuudha,” jedhe. 

Bifuma walfakkaatuun, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) daangaa tibbana bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee gidduutti daangeffame ilaalchisee ibsa Hagayya 19, 2022 baaseen “daangaa sararuu qofaadhaan haqa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa dabe furuun hin danda’amu” jedhe. Adeemsi isaas “gocha dabballootni mootummaa fafakkeessaadhaan uwwisa miidiyaa argachuudhaaf raawwataniidha malee waan hiika qabu miti. Gochi akkanaa kun Finfinneedhaan walqabatee madaa ummata Oromoo tuttuquu, yaadannoo badaa ummanni Oromoo fi hawaasi qe’ee isaa ganamaarraa buqqa’e gadi xiqqeessuudha” jechuun adeemsa isaa akka hin fudhanne ibseera. 

“Finfinneen dhiigaa fi imimmaan ummata Oromoo irratti ijaaramte, kan jedhe ABOn, magaalittiin jaarraa 19ffaa irraa eegalee haga har’aatti namoota lafa isaanii irraa buqqaasuudhaan babal’achaa as gahuu kaaseera. “Bara 1991 irraa eegalee, Heera Mootummaa bara 1994 tumameen walqabatee sirni federaalizimii yoo labsame iyyuu, qonnaan bultoonni beenyaa tokko malee ykn beenyaa madaalawaa hin taaneen lafa isaanii irraa buqqaafamaa turan. Kanaanis namoonni qabeenya lafaa guddaa qabaachaa turan lafa dhabanii qe’een isaanii diigamee bade; kaan ammoo waardiyyaa, hojjettoota hojii humnaa fi jiraattoota daandii irraa ta’uun jireenya gadadoof saaxilaman. Namoonni muraasni dhiibbaa mara dandamachuun cichanii lafa isaanii qabatanii turan ammoo, mirgaa fi tajaajilawwan bu’uuraa kanneen akka tajaajila barnootaa, fayyaa fi bu’uuraalee misoomaa akka hin arganne taasifamanii jiran, “ jedhe. 

“Daangaa qofa daangessuun, rakkoo yeroo dheeraaf walirra tuulamaa tureef fala tahuu hin danda’u. Inumaayyuu sarbiinsi mirgaa akka hammaatuu fi dantaan ummata qe’ee isaa irraa dhiibamee waggoota dhibba lamaaf hacuucamaa turee xiyyeeffannoo akka dhabu taasisa.” kan jedhe ibsi ABO, daangaan tibbana daangeffame jedhame kun hayyamaa fi waliigaltee ummata Oromoo fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa malee magaalattiin akka babal’attu waan taasiseef, tumaa heera mootummaa cabsee jira jedhe. Kana malees, adeemsi daangaa daangessuu kun qaamolee dhimmi ilaallatu hunda kan hin hirmaachifnee fi fedhii garee murtaa’ee qofa irratti hundaa’ee kan raawwatame ture jedhe. Kanaafis, “namoonni sababa babal’ina magaalattiin miidhaman mirgaa fi dantaa isaanii guutuu deebisanii akka gonfataniif, haqa dabe bakkatti deebisuu fi Finfinneen seeraanis ta’e seenaan handhuura Oromiyaa ta’uun ishee haala kamiin iyyuu osoo hin tuqamin, daangaa Oromiyaa jalatti hammatamtee akka bultuuf ni hojjenna,” jedhe ABO ibsa baaseen. AS AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.