Finfinnee, Hagayya 23/2022- Neetworkii Sirna Akeekkachiisa Beelaa “Raagamni ho’a gubbaa galaanaa haala gogiinsa galaanaaf mudaa hin qabne agarsiisa. Carraan Dipoolii Galaana Hindii fi Giraadiyeentii Paasifik Dhihaa lamaanuu cimaa ta’an baay’ee ol’aanaadha, kanarraa ka’uun baha gaanfa Afrikaa rooba baay’ee xiqqaa fi jiidhina biyyee baay’ee goggogaa fi bishaan yaa’a sululaa Onkoloolessa-Sadaasa-Muddee keessa mudachuuf carraan isaa baay’eedha. ” jedheera. Kunis gogiinsa bara shanaffaa kanaan hin mudaanne fida jedhame.
Baha Afrikaatti roobni bara afur walitti aansuun hin roobne. Kunis galmee waggoota 40 saatalaayitiitiin hojjatame keessatti hin taane. Saayintistoonniifi dhaabbileen gargaarsaa amma bara 2022tti Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaaf hanqina nyaataa sadarkaa hamaan akka uumamu addunyaa akeekkachiisaa jiru. Ragaan yeroon rooba itti aanullee gahaa akka hin taane waan agarsiisuuf, ogeeyyiin haala qilleensaa fi qonnaa, mootummoonni fi dhaabbileen gargaarsaa gargaarsa nyaataa guddaan akka barbaachisu akka hubatan gorsaa jiraachuun eerame.
Waqtiin roobaa Bitootessa,Ebla fi Caamsaa naannichi harka caalu keessatti rooba xiqqaa galmeessee jira. Kanuma waliin naannichi ho’a qilleensaa garmalee fi biyyee gogsuun dhiyeessii bishaanii duraanuu hir’ate gogse.
Hanqinni rooba walduraa duubaan baha Afrikaa keessatti bara 2020 irraa eegalee mul’ate miidhaa kuufamaa qaba: sassaabbii midhaanii xiqqaa fi hanqina nyaata horii; dhiyeessiin bishaanii namootaa fi bineensotaa dhumuu; akkasumas horiin laafuu fi dhumuu. Hoongeen kun madda nyaataa fi bishaanii kan hir’isu yoo ta’u, lammiileen midhaanii fi horii isaanii irraa bu’aa jireenya akka hin argannee taasisa. Kanarra darbee, naannichi miidhaa hongee hamaa bara 2016–17 mudate irraa guutummaatti hin dandamamne. Gareen Hojii wabii nyaataa fi Nyaata madaalawaa idil adduunyaa, Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti namootni miliyoona 18-21 ta’an “hanqina nyaataa hamaaf” ni saaxilamaniiru jedha.
Yeroon roobaa kan biraa dhuma bara 2022tti yoo xinnaate naannicha balaadhaaf saaxiluu danda’a. Akka Gareen Hojii Wabii Nyaataa fi Nyaata Madalawaa jedhutti, Amajjii hanga Waxabajjii 2022 gidduutti daa’imman 560,000 ol ta’an hanqina nyaataa hamaadhaan miidhamanii yaalamanii jiru. Haalli jiru gadi bu’uu yoo itti fufe, namoonni miliyoona 23 hanga miliyoona 26 ta’an hanga Guraandhala 2023tti hanqina nyaataa cimaa sadarkaa olaanaaf saaxilamuu danda’u, akkasumas Daa’imman miiliyoona 6.5 ta’an hanqina nyaataa cimaatiin akka rakkatan tilmaamameera.
UNICEF gama isaatiin daa’immaan hongeen miidhamanii dhibee tokkollee dandamachuu akka hin dandeenye ibse. Hongeen kun hanqinni nyaataa hamaan akka babal’atu kan taasise yoo ta’u, carraan dhukkuboota bishaaniin daddarbanii qabamuu akka dabalu taasiseera. Namoonni gaanfa Afrikaa keessa jiraatan baay’een isaanii bishaan daldaltoonni konkolaataa fe’umsaa ykn gaarii harreetiin deddeebisan argatu. Iddoowwan hongeen haalaan miidhaman keessatti maatii hedduun bishaan bitachuu hin danda’an jedha UNICEF.
Itoophiyaatti gatiin bishaanii Onkoloolessa bara 2021 yeroo gogiinsi mudateen wal bira qabamee yoo ilaalamu naannoo Oromiyaatti dachaa lama, naannoo Somaaleetti ammoo dhibbeentaa 50n dabaleera jedha UNICEF. AS