Oduu: Abbaan Alangaa Magaalaa Sooddoo hayyuu beekamaa Asaffaa Wadajoo ‘haasaa jibbiinsaa, odeeffannoo sobaa tamsaase’ jechuun himate

Asaffaa Wodaajoo


Buruk Alamuutiin @Birukalemu21

Finfinnee, Hagayya 20/2022- Abbaan Alangaa Magaalaa Sooddoo Gargaaraa Piroofeesara Yuunivarsiitii Diillaa duraanii Asaffaa Wodaajoo, miseensa Koree Giddugaleessaa paartii   Sochii Biyyaalessa Walaayittaa, labsii 1185/2012, “Labsii Ittisaa fi Ukkaamsaa Haasaa Jibbiinsaa fi Odeeffannoo Sobaa” jalatti. Abbaan alangaa himatamaan labsicha keewwata 4, 5 fi 7(4) cabseera jechuun himateera.

Labsii 1285/2012 keeyyatni 4, “Dhorka Haasaa Jibbiinsaa” kan jedhu: “Namni kamiyyuu barreeffama, suuraa,sagalee ykn viidiyoo fayyadamuun tamsaasa, maxxansaa ykn miidiyaa hawaasaatiin haasaa jibbiinsaa tamsaasuun dhorkaadha,” akkasumas keeyyatni 5, “Odeeffannoo dogoggoraa tamsaasuun dhorkuu” kan jedhu akkas jedha: “Walgahii uummataa irratti odeeffannoo dogoggoraa kamiyyuu karaa tamsaasaa, maxxansaa ykn miidiyaa hawaasaatiin barreeffama, fakkii, sagalee ykn viidiyoo fayyadamuun tamsaasuun gocha dhorkaadha.”

Labsichi keewwata 7/4 jalatti “yakki haasaa jibbiinsaa yookiin yakki odeeffannoo sobaa karaa toora miidiyaa hawaasaa hordoftoota kuma 5 ol qabuun yookiin karaa tajaajila tamsaasaa yookiin miidiyaa maxxanaatiin raawwatame yoo ta’e namni gochichaaf itti gaafatamummaa qabu hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalle yookiin adabbii birrii kuma 100 hin caalleen ni adabama.” jedha.

Himannaan Asaffaa irratti dhiyaate, himatamaan karaa miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaa fi walgahii irratti nageenya akkasumas tasgabbii biyyattii irratti rakkoo uumu fi biyyattii keessatti walitti bu’insaa fi jeequmsa kakaasuf haasaa jibbiinsaa fi oduu dharaa facaaseera jedha. 

Himannaan kun itti dabaluudhaan himatamaan fuula Feesbuukii isaatti fayyadamee mootummaan MM Abiy Ahimad sabdaneessummaa balleessuu, Minilik gonfoo gonfachiisun fi siidaa isaa dhaabu  mootummaa Oromoo irraa dhufee Oromoo cabsuu yaada jedhu maxxanseera. Himatamaan mootummaa kana kan ummata Itoophiyaa bakka hin buune jechuun isaas wantoota himannaa keessatti eeraman keessaa isa tokko. 

Haati warraa himatamaa Mintiwab Gabrasillaasee Addis Standard’tti akka himanitti, abbaan alangaa maxxansa Feesbuukii Asaffaa Mudde 2019 irraa eegalee duubatti deebi’ee barreesse caqaseera, garuu himannaa kana labsii ittisaa fi ukkaamsaa haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo dogoggoraa, kan Bitootessa 2020 labsame jalatti bane.

Asaffaaa Wadaajoo Hagayya 1,2014 magaalaa sooddotti erga hidhamee bultii 13 booda kaleessa mana murtiitti dhiyaachuu haati warraa isaa Mintiwab  Addis Standarditti himteetti. 

Dhaddacha kaleessa ooleen Asaffaan mirga wabii gaafatee manni Murtii gaaffii isaa kuffisuu kan eerte Mintiwab poolisiin guyyaa qorannoo 14 gaafatee manni murtii guyyaa 5 eeyyamuu Addis Standarditti himte.

Ijaarsa naannoo Walaayittaa kan deggaruu fi miseensi koree giddu galeessaa Sochii Biyyaalessaa Walaayittaa Asaffaa Wadaajoo Hagayya 1,2014 magaalaa sooddotti hidhamuu isaa Addis Standard gabaasee ture. Asaffaan namoota  hanga yeroo dhiyootti ji’ootaaf hidhaa keessa turan keessaa tokko. Godinni Walaayittaa gaaffii naannoo manni maree godinichaa  naannoo akka ta’uuf dhiheesse hordofuun humnoota nageenyaa fi lammiilee nagaa gidduutti waldhabdeen itti fufiinsaan mul’ata. Miseensonni paartii mormituu, gaazexeessitoonni, hojjattoonni mootummaa fi aktiivistoonni waggoota lamaan darban keessa hidhaamaa fi hiikaamaa turaniiru. AS

Duub duubee

Guraandhala 13 bara 2020 paarlaamaan Itoophiyaa labsii haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuu fi ukkaamsuu sagalee caalmaan, mormii 23 fi sagalee hin kennine 2 raggaasisuun Bitootessa keessa  labsichi akka labsii lakk 1185/2012 seera ta’e. 

Labsiin kun kan raawwatame waajjirri Abbaa Alangaa Waliigalaa yeroo jalqabaaf  labsii kana labsuuf qophii xumuruu isaa erga beeksisee waggaa lama booda. Labsiin kun bara 2018, mormii uummata cimaa hordofee gara aangootti bahuu MM Abiy Ahimadiin booda labsame. Namoonni hedduun  jeequmsa kanaaf haasaa jibbiinsaa fi duula odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasaa komatan.

Haa ta’u malee, yeroo wixineen labsichaa inni dhumaa, ramaddii isaa “haasaa jibbiinsaa” irratti ifa hin taane, ykn seera dogoggora qabu ta’uu dabalatee sababoota adda addaatiin bilisummaa pireesii addunyaa fi falmitoota mirga namoomaa irraa qeeqa guddatu muudate.

“Seerri mudoo qabu  yeroo baay’ee adeemsa mudoo qabu keessaa kan ba’udha,” jedhe Access Now, dhaabbati mirga dijitaalaa fayyadamtoota balaadhaaf saaxilaman addunyaa guutuu falmu. “Seerri bilisaan yaada ofii ibsachuu namootaa toora interneetii irratti to’achuu barbaadu ragaa irratti hundaa’uu qaba. Haala kana keessatti, seerri kun qorannoo dhiibbaa addunyaa dhugaa qabiyyeen miidhaa geessisu toora interneetii irratti qabuu fi odeeffannoon sobaa qindaa’e akkamitti haasaa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’u, akkasumas tumaaleen seera yakkaa keessatti jiran hundee sababoota ta’an ilaaluu fi dhiisuu isaanii irratti hundaa’uu qaba ture. Mootummaan qorannoo akkasii gaggeessuu ykn irratti hirkatuu dhiisee, haasaa jibbiinsaa toora interneetii irratti dubbatamu jeequmsa sababa gadi fagoo qabaachuu danda’uuf ragaa salphaa taasisee, seera haaraa aangoo  isaa dabalu dhiibuu isaatiin mul’ata.”

Ji’a Eblaa bara kanaa Ministeerri Haqaa poolisii, dhaabbilee haqaa naannoolee fi federaalaa dabalatee dhaabbileen seera kabachiisan Itoophiyaa keessatti tamsa’ina odeeffannoo sobaa fi haasaa jibbiinsaa to’achuuf yakkamtoota gara seeratti fiduun tattaaffii cimsuu akka qaban ibseera. Itoophiyaatti odeeffannoo sobaa fi haasaa jibbiinsaa akka hin babal’anne ittisuun sadarkaa barbaachisaa ta’een hojiirra oolaa akka hin turre Daarektarri Qunnamtii Uummataa fi Koominikeeshinii Ministeera Haqaa  Awwal Sulxaan himeera.


No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.