Oduu: Mootummaan Naannoo Oromiyaafi dhaabbatni UNDP walii galtee yeroo dheeraa waliif mallatteessan

Finfinnee, Hagayya 18/2022- Mootummaan Naannoo Oromiyaa  fi dhaabbatni UNDP carraa hojii uumuu, sirna seera fooyyeessuu, nageenya amansiisaa fiduu, misooma qabeenya namaa walii galtee hojii waggoota Afuriif turu kaleessa waliif mallatteessan. 

Sirna mallattoo booda bakka bu’aan UNDP  Turhan Saleh karaa fuula tiwiitera isaa “Pirezidaant Shimelis Abdiisaa waliin waliigaltee tumsa yeroo dheeraa har’a mallatteessuutti gammadeera. Misoomni furtuu nagaa ta’uu isaa garaa guutuudhaan walii galuu: hojii, wabii nyaataa fi haqaa dinagdee babal’achaa jiruu fi hundaaf hojjachuu irratti waliigallee jirra.” jedhe. 

Mootummaan naannoo Oromiyaa gama isaatiin ibsa baaseen, “Dhaabbanni UNDP Naannoo Oromiyaa keessaatti waggoota 10 darbaniif hojiiwwan kunuunsa naannoofi namoomaa irratti hojjechaa kan jiru yoo ta’u, waggoota itti aanan afuriif dhimmoota carraa hojii uumuu, sirna seera fooyyeessuu, nageenya amansiisaa fiduu, misooma qabeenya namaa, qophii karoora bu’aa irratti xiyyeeffateefi sirna to’annoofi hordooffii irratti MNO waliin hojjechuuf walii galtee mallatteesseera.” jedhe. 

Saganticha irratti argamuun kan mallatteessan Pirezidaantiin MNO Shimallis Abdiisaa haasaa taasisaniin naannoon oromiyaa karoora waggaa kudhanii qopheeffachuun guddina ariifataafi walitti fufaa galmeessisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsan. 

Kana Malees Hojii mootummaan gama carraa hojii uumuu, leenjii kalaqaa kennuufi guddina ariifataafi walitti fufaa galmeessuuf eegale tumsuuf dhaabbanni UNDP naannoo Oromiyaa waliin hojjechuuf murteessuu isaattis galateeffaraniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.