Oduu: Aanaa Boosatitti Haleellaa Gareen Hidhattoota Naannoo Amaaraa Raawwataniin Lubbuun Namootaa Darbe

Naatinaa’eel Fiixeetiin @NatieFit

Finfinnee, Hagayya 17/2022 – Godina Shawaa Bahaa aanaa Boosatitti haleellaa “garee hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhufan” raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbuun jiraattotni fi bulchaan Aanaa Boosat Addis Standarditti himaniiru. Ganda Hadheechaa jedhamuun beekamutti haleellaa gareen kun raawwateen yoo xiqqaate lubbuun namoota saddeet darbuu kan himan jiraattotni aanichaa,bulchaan aanichaa lakkoofsi namoota du’anii torba jedha.  Haleellaan  irra deddeebiin gama daangaa Naannoo Amaaraatiin ummata aanaalee Boosatii fi Fantaallee irratti raawwatamaa jiru itti fufee jiraachuu ibsan.

Jiraataan Aanaa Boosat  Baqqalaa [maqaan yaaddoo nageenyaaf kan jijjiirame] “gaafa guyyaa Dilbata [Hagayya 14] humnoota hidhatan Faannoo ofii jedhan aanaa Boosat ganda Hadheechaa jedhamutti baay’atanii dhufanii horsiisee bultoota horii tiksaa turan irratti dhukaasa banuun lubbuu namoota saddeet galaafataniiru. Reeffi namoota sadi Dilbata galgala argame, reeffa afur Wiixata ganama, tokko ammoo Kibxata ganama argame. Namni tokko ammoo harkarra dhahame madaa’e. Isa ajjeesan illee akka hin awwaalamnetti qaluudhaan gocha suukkanneessaa irratti raawwatan” jedhe. 

“Waldhabdeen sababa bal’ifannaa lafaatiin walqabatu durumarraayyuu jira. Ammas akka aanaa keenyaatti sababuma lola kanaan lafti osoo hin qotamiin akkanumatti bahe jira. Akkasumas bakkoota adda addaatti nama keenya buqqisanii ofiisaanii qotachaa jiru. Akka aanaa Boosatitti bakka addaa siqquu, koyisoo, qallaa, andoodee, garba adii, seera’e, mattaalaa, qarsaa abbaa bunee jedhaman kun humna ‘faannoo’ jedhamu kanaan qabame jira. Akkasumas ganda Hadheechaa keessatti bakka acharraan jedhamus isaanumatu qabate jira,” jedhe Baqqalaan. 

Akka Baqqalaan jedhutti haleellaan sun erga raawwatame fi namootni erga du’anii booda Raayyaan Ittisa Biyyaa iddoo san qaqqabuus ammallee haalli jiru sodaachisaa akka ta’e hima. “Ammallee lafa isaan qabatanii jiran ol ka’aa waan ta’eef gaara irraa haala sochii uummata keenya hordofu. Hawaasni keenya ammoo meeshaa waraanaa duraan qabu erga mootummaan hiikkachiisee irraa guree booda waan irraa ittisu hin qabu. Maasaa keenya dhaqne aramu hin dandeenyu, horii tikfachu hin dandeenyu. Haalli jiru ulfaataadha. Aanaa Boosat qofa osoo hin taane Fantaalleettis akkanuma uummatni keenya dhumaa jira,” jedhe. 

Jiraataan Aanaa Boosat kan biraa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne akka Addis Standarditti himetti eeruu Baqqalaa irra deebiin mirkaneessuun, haleellaa tibbana raawwatameen namootni saddeet yoo du’an, nama tokko irratti miidhaan qaamaa qaqqabu hime. “Dilbata waaree booda hidhattootni naannoo Amaaraa irraa daangaa ce’anii gara aanaa keenyatti dhufan haleellaa tasa raawwataniin namni saddeet ajjeesan. Namni tokko madaa’eera,” jedhe. 

“Haleellaan yeroo raawwatamu kun kan jalqabaa miti. Yeroo hedduu daangaa ce’anii dhukaasa nurratti bananii horsiisee bulaa ajjeesu. Kaayyoon isaanii babal’ifannaa daangaa, saamicha lafa dheedumsaa fi saamicha horiiti. Tibbannallee akkuma kanaan dura godhan garee hidhattoota naannoo Amaaraa ‘Faannoo’ jedhaman konkolaataan fe’amanii dhufuun daangaa keenya ce’anii ummata nagaa irratti haleellaa raawwatan. Yeroo hunda iyyinee iyyinee dadhabne, amma garuu waan dubbannu hin qabnu” kan jedhe jiraataan kun, haleellaan kun marsaa haleellaa kan kanaan duraarra itti fufe akka ta’e hima. 

Itti dabaluun, “ammallee iddoo bo’icha maatii nama jalaa du’e biran jira. Haala jiru ibsuun natti ulfaata. Uummatni dhumaa jira. Nagaan baanee galuuf illee sodaachaa jirra. Bulchiinsa aanaa keenyaafis ta’e poolisiif yeroo hunda beeksifna garuu haleellichi dhaabbachuu hin dandeenye,” jedhe. 

Bulchaa Aanaa Boosat  Mohaammad Abdoo, yaada Addis Standarditti kenneen haleellaa kanaan lubbuun namoota torba akka darbe jedhe. “Kanaan duras waldhabdeewwan dhimma daangaa aanaa Boosatii fi aanaa Minjaar Shankooraan walqabatan uumamaa turaniiru. Sababa kanaanis hanga koreen waloo hundaa’ee dhimmichi furamutti bakkeewwan gaaffii abbummaa irratti ka’aa jiran yeroof akka hin qotamne waliigalle turre. Haata’u malee namni tokko aanaa Minjaar Shankooraa irraa daangaa ce’ee lafa akka hin qotamne ajajame irratti qotuu jalqabe. Qonnaan bultootni karaa Boosat jiran ammoo maaliif qottaa jedhanii yeroo isa mormu eegalan hidhattoota durse galcheen dhukaasa banuun lubbuu namoota galaafatan,” jedhe.

Haleellaan sun Hagayya 14 naannoo sa’aatii 11:30 irratti akka tasaa akka eegalame kan ibse Mohaammad, yeroo haleellaan raawwatamu humni nageenya mootummaa “hojii idilee biroorraa waan tureef” bakkicha dafee qaqqabuu akka hin dandeenye ibseera. Haleellaa raawwatameenis lubbuun namoota torba akka darbe fi namni tokko akka miidhame himeera.

“Bakki waldhabdeen daangaa jiru irratti daandiin saffisaa Adaamaa – Awaash kan irra darbu waan ta’eef akka abbaa qabeenyaa lafa sanaa fakkaatuun beenyaa argachuuf yaalii godhamudha, yaaliin godhamuus qotanii nyaachuuf osoo hin taane qotanii abbaa qabeenya fakkaachuufi,” kan jedhe bulchaan aanaa Boosat, itti dabaluun “yeroo ammaa kana raayyaa ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa bakkichatti qaqqabuun namoota daangaa ce’anii dhufan gara iddoo isaanitti akka deebifaman gochuun haala jiru tasgabbeessaa jira” jedhe. 

Addis Standard dhimma kana ilaalchisee Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaa kan dubbise yoo ta’u, waajjirichi waa’ee haleellaa tibbana aanaa Boosat keessatti raawwatame ilaalchisee odeeffannoo akka hin qabne himeera. “Haleellaan akkasii kanaan duras irra deddeebiin raawwatamu garuu kan amma raawwatame jedhamu kana odeeffannoo hin qabnu. Kanaan dura waldhabdee daangaan walqabatee humnoota hidhatan eenyummaan isaani hin beekamne humna nageenyaa mootummaa waliin waldhabuun ni uumama. Miidhaa uummata irratti gahu ittisuuf akka poolisiitti waan dandeenyu gochaa jirra, kan amma raawwatame jedhamu garuu odeeffannoo hin qabnu.” jedhe.   

Kanaan dura Bitootessa bara 2022 keessatti walitti bu’iinsa humnoota hidhatan, naannoo Amaaraa, aanaa Shankooraa irraa dhufanii fi Milishoota naannoo Oromiyaa aanaa Fantaallee gidduutti uumameen Komaandar Abdiisaa Ifaa dabalatee milishootni hedduun du’uu [waliigalaan namoota 26] fi kuun immoo madaa’uu isaanii Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama.  

Bulchiinsi aanaa Fantaallee haleellaa humnootni ‘Finxaaleyyii’ naannoo Amaaraa raawwataniin Komaandar Abdiisaa Ifaa dabalatee qaamolee milishaa irraa miidhaan lubbuu fi qaamaa qaqqabuu ibse. Qaamolee haleellaa kana raawwatan seeratti nan dhiyeessa jedhe ture bulchiinsi aanaa Fantaallee. Ibsichi bara kana aanaa Fantaalleetti lubbuun namoota baay’ee wareegamuun isaa yaadachiise qaamni dhimmi kun ilaallatu xiyyeeffannoo akka kennuu dhaame. 

Bulchaa Godina Shawaa Bahaa yeroosii Abbaabbuu Waaqoo, haleellicha kan raawwatan qaamolee karaa seeraan alaa hidhatanii maqaa Faannootiin socho’ani jechuun Addis Standarditti hime. Haleellaa kanaan miseenstotni poolisii federaalaa 2 fi konkolaachisaan tokkoo dabalatee namootni 26 ajjeefamaniiru jedhe. Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama isaatiin ibsa Bitootessa 30 baaseen, haleellaan kun lubbuu milishaa hojii irra turanii fi poolisii federaalaa galaafachuu ibse. Mootummaan naannnichaa haleellaa kana ‘Finxaaleyyii’ aanaa Minjaar Shankoora keessa socho’aniitu gaggeesse jedhe.

Hogganaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Haayiluu Addunyaa, dhimma sochii finxaaleeyyii irratti ibsa Ebla 11 laateen “finxaaleeyyiin Amaaraa” karaa adda addaan miidhaa geessisaa jiraachu dubbate ture.“Finxaaleeyyiin kun Kiiramuu irratti rakkoo uumaniiru, uummata buqqisaniiru, Horroo Guduruu iraatti rakkoo uumaniiru, qabeenya saamaniiru. Bifuma walfakkaataan kan Fantaalleetti uumamees kanuma.” kan jedhe Haayiluun, gochoota diigumsaa finxaaleeyyiin hojjetanii fi ajandaa isaan bocan fashaleessuuf mootummaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa qindoominaan hojjechaa jirra jedhe ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.