Xiinala: Safaricom Oromiyaa Irraa Mormii Guddaan Isa Muudatee Jira

Gammadaa Olaanaa, gara bitaa irraa lammaffa irra kan jiru, Miidiyaa Hawaasa irratti beekamtii guddaa kan qabu yoo ta’u duula Miidiyaa Hawaasa irratti gaggeessaa warra turan keessa tokko, innis hoggantoota Safaricom dubbisee jira.
Suuraa: Feesbuukii Gammadaa Olaanaa

Finfinnee, Hagayya 15/2022– Safaricom Oromiyaa irraa mormii guddaan isa muudataa jira. Mormiin kunis dhaabbatichi adeemsa qacarrii loogii qabu fi carraa hojii hundaaf banaa ta’e uumaa hin jiru kan jedhu. Kana malees Safaricom naannoo Oromiyaatti Afaan Oromoo fayyadamaa hin jiru jedhu namootni dhimma kana irratti barreessaa jiran.

Safaricom bara darbe caamsaa 2021 caalbaasii moo’achuun gara Itoophiyaa seenuuf qophii eegale. Dhaabbatichi qaama garee Voodaafoonii  yoo ta’u, kanaan dura Ebla 2022 tajaajila jalqabuuf karoorfate erga dhabee booda dhiibbaan dabalaa dhufeera. Ebla 2023 tajaajila akka eegaluu dhaabbatichi beeksisee jira. Haaluma kanaan hanga Waxabajjii 2022 tti hojjattoota 1000 qacaruuf akkasumas dargaggootaaf sagantaa eebbifamtoota argachuu jedhuun eebbifamtoota 450 waggoota sadan dhufan keessaatti carraa hojii uumuuf waadaa galuun sochii eegale. Dhaabbatichi guutuu Itoophiyaatti qacarrii Fulbaana bara 2021 ifoomseera.

Haata’u malee hawaasni Oromoo carraan hojii uumame kun hunda kan haammate miti jechuun sochii Miidiyaa Hawaasa eegalaniiru. Sochiin kun dhaabbatichi adeemsa qacarrii sabdaneessummaa akkasumas amantii garaa garaa hin qabne akka sirreessu kan gaafatu fi yoo kuni sirrachuu baate Sabni Oromoo tajaajila dhaabbatichaa akka hin gargaaramne waamicha dhiyeessa. 

Kana malees dhaabbatichi Afaan hojii naannoo Oromiyaa kan ta’e Afaan Oromoo osoo hin fayyadamiin beeksisoota kutaalee Oromiyaa keessatti maxxansuun isaa komii uummataa hammeessee jira. Viidiyoon fuula Feesbuukii Gammadaa Olaanaa, nama dhageettii miidiyaa hawaasaa qabuu fi duula gaggeessan keessaa tokko ta’e irratti maxxanfame, viidiyoo gabaabaa namoonni dhuunfaa poostara Safaricom suuqii irraa cicciruu agarsiisa. Gammadaan bakka bu’oota qondaaltota Safaricom waliin mari’atan keessaa tokko.

Namoota adda durummaan sochii miidiyaa hawaasa kana gaggeessaa jiran keessaa Abdiisaa Baancha isa tokko. Innis “Sabni biyya kanaa hundi gahee walqixa argachuu qabna. Akka lammii biyya tokkootti waan jiru hunda keessatti hirmaachuu barbaadna. Safaricom biyya kana yeroo galu hoji dhabdummaa hir’isuun carra hojii bal’aa ni uuma jedhamee eegame.  Dhaabbatni kun carraa fayyadumummaaf filannoo nuuf kenna akkasumas carraa hojii nuuf uuma jechuun beeksisaa turre.” jedha.

“Lammaffaa Hojjattootni fi bakka bu’ootni dhaabbatichaa namoota naannoo biraa osoo hin taane namootuma iddoo tajaajilli itti kennamu akka ta’an.”

Haata’u malee erga gara biyyaa seenee waajjira banatee as waanti argaa jirru faallaa ta’e.  Ijoolleen Oromoo gita hojiif madaalan carraa hojii dhabaa akka jiran natti himaa turanis kuni dhimma nama dhuunfati jennee xiyyeeffannoo itti hin kennine ture. Booda kana ija baasaa dhufe, carraan hojii qabatamaadhan lafarratti gadi bu’aa dhufe dhimmichi ifa ta’aa dhufe.”

Itti fufuunis “Caasa bulchiinsa dhaabbatichaa yeroo ilaalluu guutummaan isaa garee tokkoon too’atamuu isaatu mul’ata.  Namoota gita hojii giddugala tajaajila bilbilaa hojjatan marsaa 7 qacaran keessaa marsaa lama qofa namoota afaan Oromoo dubbatan fudhatan.”

Galmi sochii kanaa maali gaaffii jedhuuf Abdiisan, “Sochii kun tokko dhaabbatichi naannoo Oromiyaatti Afaan Oromoo akka fayyadamu. Lammaffaa Hojjattootni fi bakka bu’ootni dhaabbatichaa namoota naannoo biraa osoo hin taane namootuma iddoo tajaajilli itti kennamu akka ta’an. Kana jechuun dhabbatichi namoota gahumsa hin qabne haa qacaruu osoo hin taane namni ulaaguu hedduu osoo jiruu namni carraa dhabuu hin qabu. Sabni Oromoo carraa uumamuun waan dandeettii isaanii keessatti hrimatanii fayyadamaa ta’uu qaba kan jedhu. ” Dhumarrattis sochiin kun sochiin namoota dhuunfaa godhamuu osoo hin taane sochiin kun kan dargaggoota Oromoo ta’eera jedhe. 

Daani’eel ammoo yeroo gabaabaf dhaabbata Safaricom bakka bu’u(Agent) bira hojjaachaa ture. Inni ammoo dhaabbatichi iftoomina fi hojjattootaaf haala mijataa waan hin uumneef hojii kiyya gadilakkisuuf dirqamee jedha. Hoggana garee waldorgomaa nuun jedhanii, dorgommii tokko malee namoota muudan. Kana malees ani kanan jiraadhu Buraayyuudha, tajaajilli geejjibaa naannoo sana hin deemu, kanaaf sagantaa hojii yeroo geejjiba argannuutti nuuf jijjiira jennaan  nu didan, kanaafan hojii dhaabuuf dirqame.

Ragaan biraa, hojjetaa Ethiotelecom  ta’ee fi  maqaan isaa akka hin heeramne gaafachuun Addis Standard waliin dubbate, Safaricom keessatti iddoo hojiif iyyachuu isaa hima, yeroo saddeeti ol galmaahera jedhe. Haa ta’u malee, hiriyyoonni isaa gahumsa barnootaa isaa gadi  qaban tokko tokko Safaricomitti makamaniiru. Maqaan isaa ifatti maqaa Oromoo ta’uu baatus agarsiistonni tokko tokko kan akka iddoo dhalootaa fi afaanii carraa dhaabbatichatti makamuu isaa gufachiisuu amana.

Ogeessi tarsiimoo, gorsaa, fi leenjisaan Carraa Hojii Walqixaa idil-addunyaa tokko maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate dhimma kana irratti yaada kenne.

Ogeessi kun “ Dhaabbatni oomishaalee fi tajaajiloota haaraa gabaa haaraatti galchan imaammata hammatamuummaa dhaabbatichaa fi akkaataa adda addaatiif iddoo itti kennan irratti ejjennoo dhaabbatichi qabu irratti ibsa ifa ta’e yoo kaa’anii fi tarkaanfiiwwan walduraa duubaan fudhatamuu qaban yoo hordofan carraa maamilaa fi hawaasaa biratti fudhatama argachuuf carraa guddaa qabu . Milkaa’inni dhaabbatichaa hawaasni hammam akka simatu irratti baay’ee waan hundaa’uuf kun tarkaanfii murteessaa marsaa jalqabaa irratti fudhatamuu qabuudha.” Itti dabaluudhaanis “Addatti, haala Itoophiyaa, biyya  hawaasa afaanotaafi aadaa hedduu qabu keessatti, tarkaanfii dammaqaa dhaabbati tokko garee adda addaa bakka hojii sadarkaa olaanaa irraa eegalee hanga gadiitti diriiru hunda hirmaachisuu keessatti fudhatu sadarkaa hojiiwwan ejjennoo dhaabbatichaa fi garee hunda hammatee qooda fudhattoota hundaaf tajaajilu ijaaruuf waadaa gadi fagoo qabu ni ibsa.”

Ogeessi kun dhaabbileen daldalaa murtoo bu’aa irratti hundaa’e kan murteessan waan hunda caalaa hiika qabu irratti hundaa’uun akka ta’ee fi wantoota akka kaadhimamaa gahumsa olaanaa qaban hawwachuu, naannoo bu’uuraalee misoomaa fooyya’an baay’inaan argatan keessatti invastimantii gochuu, fi meeshaalee salphaatti argaman muraasa kaasuun akka ilaalan ibseera. “Milkaa’ina battalaa dhaabbatichaaf wantootni kun murteessoo ta’anillee, daldalli isaa itti fufiinsa akka qabaatuuf wantootni jala sararanii (aadaa, gatii fi amantii) naannoo sanaa ilaalcha olaanaa qabaachuu qabu. Milkaa’ina dhaabbatichaaf hawaasni miira abbummaa itti dhaga’amuu kan qabu yoo ta’u, kunis kan argamu garee hawaasa keessaa hammataa fi adda addaa ijaaruun hawaasa tajaajiluu fi hawaasa keessatti guddina dhugaa horachuu qofaan ta’a.”

“Aadaa  dhaabbata biyyoota hedduu dinagdee biyya keessaa keessatti daldala hojjetu hojiirra oolchuu fi aadaa, gatii, seera fi amantii naannoo hubachuu gidduutti madaalliin jiraachuu qaba. Aadaa lamaa fi isaa ol bulchuu keessatti hojii lama ta’uu bakka bu’uun akka dhaabbata maalummaa biyyattii adda addaa bakka bu’uu fi hubatutti fudhatama argachuuf murteessaadha. Haa ta’u malee, afaan naannootti qajeelchuun ulaagaalee dorgomtoonni guutuu qaban keessaa tokko ta’uu danda’a fi kenniinsa tajaajila ummata naannoo mirkaneessuuf akka safartuu qofaatti qabamuu akka hin dandeenye hubachuun barbaachisaa dha.”

“Namni afaan naannoo hin dubbanne qaawwa dhaabbaticha naannootti socho’uu fi hawaasa naannoo gidduu jiru cufuuf ni rakkata.”

Dabalataanis, “yeroo adeemsa qacarrii keessatti Afaan Naannoo beekuu dhabuun dhaabbata akka Safaricom jedhamuuf yoo dhuguma akkas hin goone balaa guddaa fida. Tarkaanfiin kun milkaa’ina dhaabbatichaa gama kaadhimamaa sirrii hawwachuu irratti dhiibbaa akka qabu beekamaadha, hawaasa naannoo keessatti salphaatti fudhatama argachuuf yaaluun qormaata akka isa mudatu beekamaadha. Aadaan, safuu, seera fi naamusa nama tokkoo hundi afaan isaa/ishee keessatti kan maxxanedha. Namni afaan naannoo hin dubbanne qaawwa dhaabbaticha naannootti socho’uu fi hawaasa naannoo gidduu jiru cufuuf ni rakkata.” jechuun eera ogeessi kun. 

Dhimma kana ilaalchisuun Addis Standard itti gaafatamtuu qunnamtii hawaasaa Tawaddaaj Isheetuu fi ItiyooJobs siif  gaaffii karaa garaa garaa dhiyeessuus deebii hin arganne.

Har’a Safaricom dhimma kana irratti maxxansa miidiyaa hawaasaa isaatiin “Safaricom Itoophiyaan bakka bu’oota duula miidiyaa hawaasaa tibbana gaggeeffame waliin  kaleessa wal arganii, yaaddoo isaanii sirriitti dhaggeeffataniiru. Dhaabbata loogii ykn loogii tokko malee lammiilee Itoophiyaa hunda bakka bu’uu akkasumas  yeroo mara maramariif qophii ta’e  ijaaraa akka jiru mirkaneessina. Egeree dijitaalaaf jireenya jijjiiruuf qaama mul’ata keenyaa ta’uun, karaa afaanii fi aadaa hunda kabajuun, lammiilee Itoophiyaa mara tajaajiluuf waadaa seennee jirra.” jedhan.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.