Oduu: Dhaabbatni Albuudaa KEFI Hojii Albuuda Warqee Tulluu Kaappii Onkoloolessa Keessa Eegaluufi

Finfinnee, Hagayya 16/2022- Dhaabbatni Warqee fi Koopperii KEFI baatii Onkoloolessaa keessa hojii albuuda warqee Tullu Kaappi eegaluuf aanga’oota Itoophiyaa waliin ‘karoora irra deebi’ee mirkaneessee jira’ jedhe.

Kana malees muummichi ministeera Itoophiyaa baankota faayinaansii pirojektii lama kanneen pirojektii warqee KEFI’n Itoophiyaatti hojjetu irratti doolaara Ameerikaa miiliyoona 200 invast gochuuf karoorfatan akka raggaasisan invastarootaatti himameeras jedhame.

Kanaan dura Ministeerri Albuudaa Itoophiyaa dhaabbatni Albuudaa KEFI hojii Albuuda warqii Tulluu Kaappiif (TKGM) haal-duree fi maallaqa barbaachisu hunda xumarachuun hanga baatii Amajjii 31, 2022 tti gara hojiitti akka seenu carraa dhumaa kennuufi beeksise ture. 

Albuudni Warqii Tulluu Kaappii ( Tulu Kapi Gold Mine ) Godina Wallagga Lixaa magaalaa Ayiraa Gullisoo irraa gara Bahaatti km 28 fagaate kan argamu yoo ta’u dhaabbata Albuuda baasu KEFI jedhamun pirojeektii hojjatamudha. Lafti iskuweer kilometeriin kumni tokko ol Tulluu Kaappiitti aanu qorannoo kaa’amera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.