Oduu: Dooniin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii namoota Itoophiyaatti beelaaf saaxilamaniif Qamadii Yukireenii Fiduu Eegaluufi

An employee unloads wheat grains inside a storage in the village of Zghurivka, amid Russia’s attack on Ukraine, in Kyiv region, Ukraine August 9, 2022. REUTERS/Viacheslav Musiienko

Finfinnee, Hagayya 13/2022 – Midhaan sababa waraana Raashiyaatin qabame jiru baasuun namoota miiliyoonaan lakkaawwaman addunyaa irratti beelaaf saaxilamanii jiraniif akka qaqqabu taasisuuf akkaataa karoora Dhaabbata Mootummoota Gamtooman (UN) giddu seenuun qabateen Jimaata darbe dooniin tokko namoota Itoophiyaa keessatti beelaaf saaxilamaniif qamadii fudhachuuf Yukreen gaheera. Kunis nyaata Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin gara Afrikaatti geeffamu isa jalqabaati. 

Lolaa fi uggura Raashiyaa ji’ootaaf midhaan Yukireen keessatti oomishamu, kan kuusaa daabboo addunyaa jedhamuun beekamu akka addunyaaf hin qaqqabne qabee ture gatiin nyaataa akka ol ka’u taasisuun Afrikaa, Baha giddu galeessaa fi kutaalee Eeshiyaa keessatti beelaaf sababa ta’eera. Guyyoota dhiyoo asitti dooniiwwan midhaan fe’atan hedduun waliigaltee haaraa kanaan buufata doonii Yukireen gadhiisaniiru. Garuu fe’umsawwan irra caalaan isaanii nyaata beeyladaa yoo ta’an gara Turkii ykn Lixa Awurooppaa deemaniiru.

Garuu Jimaata darbe, Pirezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Chaarlis Misheel, fe’umsa jalqabaa Sagantaan Nyaataa Addunyaa U.Ntti Dhaabbata Gargaarsa Namoomaa Afrikaaf ergu yeroo dhiyootti fe’amee akka deemu beeksiseera. Waaree booda ammoo marsariitiin hordoffii ‘MarineTraffic’ jedhamu dooniin kun gara kibba Yukireenitti akka qajeelte agarsiise.

Misheel dooniin kun midhaan gara Itoophiyaa akka fidu ibsuun, hanqina nyaataa fi beela addunyaa maratti mul’atu hir’isuuf “tumsi qaamolee dhimmicha keessa jiran hunda barbaachisaadha” jedhe. Ajajaan Jajjaboo kun meetiriik toonii 23,000 ol fudhachuu akka danda’u eegama ture, Akka Ministeerri Bu’uura Misoomaa Yukireen jedhetti Dooniin kun meetiriik toonii 23,000 ol fudhachuu akka danda’u eegama, kunis midhaan gara toonii miliyoona 20 Yukireen keessatti laamsha’e keessaa muraasa qofa jechuudha. Dooniin kun Gaanfa Afrikaa biyya Jibuutiitti ni qubatti jedhamee eegama.

Itoophiyaan fi biyyoota ollaa Somaaliyaa fi Keeniyaa hongee waggoota afurtamman darban keessatti gaanfa Afrikaatti mudate hin beekne keessa jirtu. Gaanfa Afrikaa keessatti bara kana namoonni kumaatamaan lakkaawwaman beela ykn dhukkuba irraan kan ka’e lubbuun isaanii darbeera. Raagawwan torban dhufan akka agarsiisanitti yeroo jalqabaatiif waqtiin roobaa shanaffaa walitti aansuun osoo hin roobiin akka darbu addeessu. Horii bu’uura qabeenya maatii hedduu fi wabii nyaataa ta’an, miliyoonaan lakkaawwaman du’aniiru.

Itoophiyaatti “Maatii miliyoonaan lakkaawwaman haala ulfaataa kana dandamachuuf rakkatu” jedha madaalliin haaraan Neetworkiin Sirna Akeekkachiisa Duraa Beelaa baase. “Fedhiin gargaarsa nyaataa sadarkaa olaanaa irra jira, namoonni hanga miliyoona 15 ta’an gargaarsa nyaataa barbaadu” jedha. 

Kun kanaan osoo jiru, UNICEF gabaasa Hagayya 03 baaseen bara 2022tti walitti bu’insi , nageenya dhabuun, waldhibdee hawaasummaa, hongee, waraanni fi weerarri COVID-19 dachaan wal-irra bu’anii fi irra deddeebi’anii muudatanii guutuu Itoophiyaa keessatti namoota miliyoona 29.7 ol ta’an akka miidhamanii fi kana keessaa miliyoona 12.4 ol daa’imman naannolee adda addaa keessatti argamani, akka waliigalaatti aanaaleen 1,085 miidhaaf saaxilamuu beeksiseera. 

Dhuma bara 2020 irraa eegalee waqtii roobaa afran walitti aansuun giddu galeessaa gadi ta’e roobuu hordofee, naannoowwan gammoojjii  kibbaa fi kibba baha Itoophiyaa keessatti argaman hongee bal’aa fi hamaa Laa Niinaan ka’eef saaxilamaniiru. Hongee kanaan beeyladni miliyoona 2.1 ol du’uunis gabaafameera.

Roobni Bitootessaa hanga Caamsaa naannoo hongeen muudatetti roobe maddeen bishaanii gabbisuu hin dandeenye. Kana malees roobni Onkoloolessaa -Muddee 2022 roobus xinnaadha jedhamee tilmaamama. Kunis naannoo Somaalee, Oromiyaa, SSUK, Sidaamaa fi Affaar keessatti namootni miiliyoona 9 ol ta’an wabii nyaataa ni dhabsiisa jedha UNICEF.

Naannoo Oromiyaa aanaalee hongeen miidhaman keessaa dhibbeentaan 89 tatamsa’inni hanqina nyaataa cimaa bakka bu’ummaa addunyaa(global proxy acute malnutrition) dhibbeentaa 15 ol ta’u agarsiisera. Naannoolee Oromiyaa hongeen miidhaman (Baalee, Baale Bahaa, Booranaa, Gujii fi Gujii Lixaa) keessatti namootni Hanqina nyaataa hamaa(Severe accute Malnutrition) hoospitaala galan kan bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 79n dabaluun eerameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.