Oduu: Manni Maree Godinaa Guraagee Caaseffama Kilaastraan Gurmaa’uu Kuffisee

Finfinnee, Hagayya 11/2022- Walgahii ariifachiisaa har’a gaggeeffameen Manni Maree Godina Guraagee, yaada mootummaan kilaastaraan gurmaa’uun naannoo Saboota sablammoota fi uummattoota kibbaa naannolee haaraa lama dabalataa uumuuf dhiyaate kuffiseera.

Walgahii ariifachiisaa kana irratti miseensota Mana Marichaa 97 keessaa 92 kan hirmaatan yoo ta’u, bakka pirezidaantiin naannichaa Ristuu Yirdaa fi qondaaltonni sadarkaa olaanaa mootummaa naannichaa biroo argamanitti gaggeeffame. Haaluma kanaan miseensonni Mana Maree 92 irratti hirmaatan keessaa 52 yaada dhihaate kana mormuun sagalee kennaniiru, kunis godinni kun godinoota biroo afurii fi aanaa addaa tokko waliin ta’uun mootummaa naannoo haaraa ijaaruuf yaada dhiyaate kuffise. Caasaa bulchiinsaa biroo waliin kilaastaruuf yaada dhihaate sagalee caalmaan kuffiseera. Godina Guraagee, magaalaa Walqixxee keessatti jiraattootni magaalichaa gurmaa’insa kilaastaraa naannolee haaraa naannicha keessatti adeemsifamaa jiru mormuudhaan kaleessa hojiilee tajaajila uummataa fi hojii daldalaa dabalatee hojii idilee ugguruun Hagayya 09/2022  mormii gaggeessaniiru.

Godinaalee Guraagee, Silxee, Kambaataa, Haadiyyaa, Haalaabaa fi Aanaan Addaa Yam teessuma lafa isaani fi xiin-sammuu waloo qabaniin waliin ta’uun caasaa naannoo tokkotti gurmaa’uuf manneen maree dhuunfaa dhuunfaa isaanitti yaada murtoo gaaffii naannummaa deebisuuf dhiyaate irratti erga mari’atan booda sagalee caalmaan murtoo dabarsaniiru. Haa ta’u malee bulchiinsi godina Guraagee khanga ammaatti dhimma gurmaa’insa haaraa godinaalee biroo fi aanaalee addaatti makamuuf mari’achuu dhabuu ibsee,  kilaastaraan gurmaa’uu morme.

Kanaan dura itti gaafatamaan damee dinagdee Mana Maree godina Guraagee Alamyirgaa Waldee, bulchiinsi godina Guraagee gaaffii naannummaa Mudde 26 bara 2018 dhiyaate irratti deebii Mana Maree Federeeshinii irraa eegaa ture. Alamyirgaa godinaalee fi aanoleen addaa kunneen dhimmicharratti sadarkaa adda addaatti mari’atanii akka turan yaadachiisanii, gaafiin gurmaa’insa naannichaa kan duraanuu Mana Maree godinaatiin ragga’ee ammas ummanni Guraagee murtii Mana Maree Federeeshinii irraa eegaa akka jiru ibse.  

Manni Maree  Guraagee walgahii ariifachiisaa Mudde 26 bara 2018 gaggeesseen mootummaa naannoo hundeessuuf sagalee guutuu kenneera.“Manni marichaa gaaffii ummataa hojiirra oolchuu malee filannoo biraa hin qabu,” kan jedhan Alamyirgaan miseensota Mana Marichaa itti gaafatamummaa isaanii “heera mootummaaf, ummataafi qalbii isaaniif” qofa akka ta’e, miseensonni murtii Mana Marichaa dhiibbaa eenyuu malee hojiirra oolchuu akka qaban yaadachiisera.

Walgahiin ariifachiisaa har’aa kun Hagayya 04 itti aanaa af-yaa’ii Mana Maree naannoo kibbaa Kiflu Wanna mana maree Federeeshiniif kilaastara godinaalee kudhanii fi aanolee ja’aa naannichaa bakka lamatti akka  gurmaa’an gaafachuu isaanii hordofuun kan raawwatame ta’uu ibsameera . Manneen Maree godinaalee fi aanaalee Addaa gaaffii kana dhuma  Adoolessaa  raggaasisaniiru.

Caaseffamni kun  godinaalee 11 fi aanaalee addaa 6 naannoo Kibbaa keessatti argaman kunneen murtoo walfakkaataa ta’e dabarsu isaani hordofee Naannoo Saboota Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa lamatti qoodama. Haaluma kanaan Godinaalee Guraagee, Silxee, Kambaataa, Haadiyyaa, Haalaabaa fi Aanaan Addaa Yam naannoo tokko akkasumas Godinaalee Walaayittaa, Geede’oo, Gaamoo, Goofaa, Koonsoo, Oomoo Kibbaa, akkasumas aanaa addaa Amaaroo, Alee, Baaskeettoo, Burjii fi Daraashee akka ta’an ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.