Oduu: Jiraattonni magaalaa Walqixxee mormii fi uggura sochii idilee taasisan


Iteenash Abarraatiin @EteneshAb

Finfinnee, Hagayya 10/2022 – Naannoo Saboota, Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa, Godina Guraagee, magaalaa Walqixxee keessatti jiraattootni magaalichaa gurmaa’insa kilaastaraa naannolee haaraa naannicha keessatti adeemsifamaa jiru mormuudhaan kaleessa hojiilee tajaajila uummataa fi hojii daldalaa dabalatee hojii idilee ugguruun mormii gaggeessaniiru.

Miseensa Koree Qabsoo Karaa Nagaa Gaaffii Naannummaa uummata Guraagee kan ta’e Mohaammad Abraar Addis Standarditti akka himeetti, uggurri kaleessaa Walqixxee irratti qofa giddu galeessa kan godhate ta’uu fi magaalota aanaa birootti babal’achuu akka malu dubbate. Mohaammad itti dabaluun, garee isa inni miseensa itti ta’e dabalatee gareewwan adda addaa waliin ta’uun mormii kanaaf waamicha akka dhiyeessan hime. Gareen dargaggootaas kutaalee magaalattii adda addaa keessatti dhaadannoo “kilaastaraan hin gurmoofnu” jedhu dhageessisuun mormii gaggeessaniiru.

Kunis Hagayya 04 Af-yaa’ii Itti aanaa Mana Maree Naannoo Kibbaa Kifluu Waannaa, kilaastara Godinaalee kudhanii fi Aanaalee jaha caasaa naannicha keessaa bahuun naannolee dabalataa lama jalatti irra deebiin akka gurmaa’an gaafatu Mana Maree Federeeshiniif dhiyeesse hordofeeti. Manneen Maree Godinaalee fi Aanaalee Addaa gaaffii gurmaa’insa kanaa dhuma torbe darbe keessa raggaasisaniiru.

Gurmaa’insi haaraan kun walumaagalatti godinaalee fi aanaalee addaa naannoo Kibbaa 16 walitti makuun naannolee dabalataa lamatti kan walitti fidu ta’uu ibsameera. Haaluma kanaan, erga manni maree federeeshinii gaaffii dhiyaate raggaasise booda godinaalee jaha: Gaamoo, Geede’oo, Goofaa, Konsoo, Oomoo Kibba, fi Wolaayitaa, akkasumas Aanaalee Addaa shan: Alee, Amaaroo, Burjii, Baaskeettoo, Daraashee naannoo tokko ni hundeessu. Haaluma walfakkaatuun godinaalee afur: Haadiyyaa, Halaabaa, Kambaataa Xambaarroo fi Silxee, akkasumas aanaa Addaa Yam naannoo tokko jalatti gurmaa’u. Kifluun manni maree federeeshinii heera mootummaa irratti hundaa’uun hatattamaan gaaffii dhiyaateef deebii akka kennu gaafateera.

Haa ta’u malee, aanga’oonni jalqaba godina Guraagee hirmaachisan barbaadan illee, bulchiinsi godinichaa hanga ammaatti dhimma gurmaa’insa haaraa godinaalee fi aanaalee addaa biroo waliin makamuuf yaadame irratti akka hin mari’anne ibsuun qaama kilaastaraan ta’uu mormeera. Kanaan dura itti gaafatamaan damee diinagdee mana maree godina Guraagee Alamyirgaa Waldee akka jedheitti, bulchiinsi godina Guraagee gaaffii gurmaa’insa sadarkaa naannoo Sadaasa 26 bara 2018 dhiyaate irratti Mana Maree Federeeshinii irraa deebii eegaa ture.

Akka Mohaammad jedhetti, Sanbata Hagayya 06, jaarsolii biyyaa hawaasa Guraagee irraa ta’an sirna aadaa “Faxaraat” jedhamu, kan akka idileetti jaarsoliin durfamuun itti aansuunis namoota hirmaatan hundaaf yeroo callisaa ta’u gaggeessuuf yaalaa turan. Sagantaan kun humnoota nageenyaatiin kan jeeqame yoo ta’u, maanguddoonni hanga haalli tasgabbaa’utti sagantaalee walga’iin ummataa itti gaggeeffamu hunda akka dhaabbatan waamicha akka taasisan godheera. Haa ta’u malee, qondaaltonni godinichaa kaleessa hojjattoota mootummaa dabalatee jiraattota waliin walgahii taasisuuf waamicha taasisaniiru. Qondaaltonni kunneen faallaa gaaffii naannummaa of danda’ee Guraagee bara 2018 dhiyaateen, karoora mootummaan caaseffama bulchiinsa naannichaa naannolee haaraa lamatti hundeessuuf yaade irratti mari’achuu fi hirmaattota amansiisuuf barbaadanii walga’ii waaman. Hirmaattonni garuu walgahii kana mormuun walga’iin kamiyyuu Sanbata irraa eegalee akka hin gaggeeffamne maanguddoota naannichaatiin labsameera jechuun walga’iicha addaan kutanii bahaniiru. Taateen kun erga ta’e yeroo muraasa booda uggurri fi mormiin gaggeeffamuu eegale.

Akka Mohaammad jedhutti, godinichi gara sadarkaa naannoo of danda’eetti akka guddatuuf gaaffii dhiyaate ilaalcha keessa osoo hin galchiin, murtiiin bulchiinsa godinichaa egeree godinicha irratti dabarse mormuun hawaasa irraa mormii bal’aa jiraachuu ibseera.

Uggura kaleessaa irratti hojjettoonni mootummaa, baankota, dhaabbilee dhuunfaa, fi dhaabbileen tajaajila geejjibaa hirmaataniiru jedhe. Kaayyoon guddaan hawaasni sirna kilaastaraa haaraa akka mormu bulchiinsa godinichaaf ifa gochuudha.

Uggurri godhame kun naga-qabeessa ta’ullee, yeroo ammaa kana magaalaa Walqixxee keessatti humna nageenya baay’ee jira. “Uggurri kun baay’ee nagaa ta’us namoonni hedduu to’annoo jala oolaniiru,” jechuun itti dabaleera.
Addis Standard waajjira kominikeeshinii godinichaa dubbisuuf yaaliin irra deddeebi’ee godhe hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.