Oduu: Godinaalee Shawaa, Wallaggaa fi Gujiitti Koomaandi Poostiin Hundaa’uu Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa beeksise

Suuraa: Waajjira Ministira Muummee Itoophiyaa

Finfinnee, Hagayya 09/2022 – Naannoo Oromiyaa Godinaalee Shawaa, Wallaggaa fi Gujiitti garee hidhattoota WBO [kan mootummaan Shanee jedhe waamu] barbadeessuuf koomaandi poostiin hundaa’uu fi Raayyaan Ittisa Biyyaa, hoggansi naannichaa fi humnoonni nageenyaa bobbii qindaa’aa gaggeessaa jiraachuu ibse Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walga’ii guyyaa kaleessa gaggeesseen. 

Haaluma kanaan ibsi mana mariichaa  hidhattoonni 3,180 to’annoo jala ooluu fi warreen harka kennuu didan barbadeeffamuu eereera. Dabalataan, Gandoota hidhattoota kanaan qabamanii fi to’ataman 1,739 keessaa 1,255 irra deebiin gurmaa’uu akkasumas abbootiin warraa 47,557 miseensota maatii 252,129 of keessatti haammatan gara qa’ee isaanii duraatti deebi’uu ibsichi eereera.

 Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walga’ii guyyaa kaleessa gaggeesseen haala yeroo biyyattii gamaaggamuun kallattii fuulduraa ka’uu beeksiseera. Sodaawwan nageenyaa baatiwwan darban bu’uureffachuun rakkoolee muudatanii fi hojiilee raawwataman ka’umsa gamaaggamichaa kan ibse manni marichi, haalota nageenyaa biyyattii gadi fageenyaan irratti mari’ataman hordofee “ummata mariisisuu fi humnota hidhatan waliin waliigaltee uumuu hojiilee nageenyaa waaraa mirkaneessan hojjechuu” dabalatee hojiilee “kutannoo fi wareegama hoggansaa, qaamolee nageenyaa fi uummataan hojjetamuu qaban” irratti kallattiin kaa’eera.

Manni marichi waltajjii Waxabajjii 1 bara 2014 ALI taa’een dhimmoota “murteessoo” jedhaman kan akka “hoggantoota garee shororkeessitootaa fi hidhattoota isaanii irratti xiyyeeffachuun barbadeessuu, humnoota nageenyaa gantummaan diinaaf humna ta’anii fi sababa ka’umsa isaa adda baasuu, kutaalee hawaasaa garaagaraa mariisuun qindoominaan walitti bu’insa uumamu hir’isuu, qaamolee ka’umsa sodaa fi taatoo sodaa ta’an adda baasuun gochicha irraa akka of qusatan taasisuu, lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii ijaaruu fi caasaalee mootummaa diigaman deebisanii gurmeessuun hojii eegalchiisuu, sochii kontiroobaandii, shira diinaagdee, ajjeechaa, saamichaa fi gurmaa’isa al idilee kkf dhaabsiisuu, akkasuamas dhaabbilee haqaa fi nageenyaa sirreessuu” atattamaan raawwatamu qabu jechuun kallattiin kaa’ee ture. Haaluma kanaan walga’ii guyyaa kaleessa gaggeesse irratti raawwii kallattiiwwan waltajjii darbe fi haala yeroo biyyattii gamaaggamuu ibsameera.

Gama biraatiin naannoo Amaaraatti tarkaanfii fudhatameen shakkamtoonni hedduun to’annaa jala ooluu ibsameera. Kanneen keessaa walakkaan qaamolee nageenyaa ganuun “hidhattoota seer-maleeyyii” deeggaraa kan turan, warreen hafan ammoo gochoota yakkaa garaagaraan barbaadamaa kan turan ta’uu eerameera. Rakkoolee uummata Qimaantiin walqabatan furuuf akkasumas rakkoon nageenyaa Godina Addaa Saba Oromootti uumamee ture akka hin hammaanne taasisuuf waltajjiiwwan marii qophaa’uun waliigaltee fooyyee qaburra ga’amuu eerameera. Hanga ammaattis naannichatti waliigalaan waltajjiiwwan marii uummanni miiliyoonni 6.6 irratti hirmaate gaggeeffamuu fi hoggantoota fi ogeeyyii 633 irratti tarkaanfiin of eeggannoo jalqabaa irraa hanga to’annoo seeraa jala oolchuu fudhatamuu himameera.

Magaalaa Finfinneetti gama nageenyaa fi tasgabbii uummataa mirkaneessuun hojiilee gaariin hojjetamuu manni maree nageenyaa gamaaggama isaan hubachuu eerameera. Magaalichatti miseensonni gareewwan ABUT/TPLF, “Shanee”, Al-Shabaabii fi gareewwan finxaaleyyii 497 to’atamuu ibsameera. Miseensota gareewwan kanneenii waliin uffataaleen qaamolee nageenyaa, waraqaaleen eenyummaa sobaa, chaappaawwan, sanadoonni gocha shororkeessummaa qophaa’an, meeshaaleen elektirooniksii, meeshaaleen waraanaa, konkolaattonni, bilbiloonnii fi lakkoofsi herreega baankilee garaagaraa to’atamuu eerameera. Kana malees, shakkamtoonni yakkoota gurmaa’aa hogganuun shakkaman 314 to’annaa jala ooluu fi hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa fi mootummaa federaalaa gocha malaammaltummaan shakkaman 75 to’atamuu ibsameera. Lafa weeraraan fudhatame deebisuu fi ijaarsi seeraan alaa irratti raawwatame iddoowwan 1,596 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsichaan eerameera.

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti “yaaddoon jiru yeroo yeroon hir’achuun nageenyi mirkanaa’aa dhufeera” kan jedhe manni marichi, meeshaalee waraanaa adda addaa  booji’amuu fi hidhattoonni naannichaa gariin kan barbadeeffamuun hidhattooni 1,826 ta’an ammoo to’annoo jala oolfamuu ibseera.  Hidhattoota harka kennatan jireenyaa idileetti galchuu fi buqqaatotaa Godina Matakkalii fi Kaamaashii 171,485 hojiin dandamachiisuu gaggeeffameera. Bifuma walfakkaatuun, Naannoo Ummattootaa Kibbattis “hojiilee nageenya mirkaneessuu gaggeeffamaa jiruun, bu’aawwan jajjabeessan galmaa’aa jirachuu ibsuun gaaffiilee gurmaa’inaa hawaasa naannichaarraa ka’an adda baasuu fi daandii faayidaa ummataa mirkaneessuu fi nageenya biyyaa itti fufsiisuun furuuf hojjetamaa jira” jedha ibsi manni maree nageenya biyyaalessaa baase kun. 

Naannoo Somaalee fi Affaarittis yaaddoo nageenyaa keessaa fi alaa ittisuu, dandamachuu fi dhabamsiisuuf hojiilee murteessoon gaggeeffamuu kan eere ibsichi, humnootaa Alshabaab naannoo Somaalee seenan hordofuun dhabamsiisu keessatti humnoonni addaa naannicha gahee olaanaa bahuu ibseera. Adeemsa kana keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa kan keessatti hirmaatu komaandi poostiin hundaa’uun, oppireeshinii gaggeeffameen miseensonni garichaa 813 ajjeefamuu fi 79 ammoo booji’amuu, akkasumas meeshaaleen waraanaa hedduunis booji’amuu ibsameera. Sochiilee kontiroobaandii to’achuu cimsuun meeshaalee sodaa ta’aan addaa baasuuf keellawwan to’annoo cimsaa jiraatanilleee, gochaa seeraan alaa guutummatti to’achuu dhabuun, walitti bu’iinsa gosoota gidduutti umaman furuuf hoggantoonni gosaa akkataa barbaadamuun socho’uuu dhabuun, raawwii bobbii nageenyaa irratti hanqinni naamusaa mul’achuun, sodaa Alshabaab dhabamsiisuun nageenyaa keessoo mirkaneessuuf ammallee hojiileen hafan akka jiran manni marichaa gammaaggama gaggeesseen hubachuu ibsameera.

Haalota armaan oliirratti ibsaman gadi fageenyaan akka irratti mari’ate kan ibse manni maree nageenya biyyaalessaa, hojiilee “kutannoo fi wareegama hoggansaa, qaamolee nageenyaa fi uummataan hojjetamuu qaban” ilaalchisee kallattiin kaa’eera. Isaanis; “shororkeessitoota fi hidhatoota sadarkaa yaaddoo hintaane irraan ga’uu, ummata mariisisuun, humnota hidhatan waliin waliigaltee uumuu, daraggoota hojiilee nageenyaa irratti hirmaachisuun, hojiilee nageenyaa waaraa mirkaneessan hojjechuu, qaamolee haqaa qululleessuu fi cimsuun nageenya biyyaalessaaf gahee irraa eegamuu akka bahatan taasisuu, shiroota diinagdee ummanni akka roorrisuu taasisan, malaanmaltummaa, kontiroobaandii, daddabarsaa maallaqaa seeraan alaa fi kanneen biroorratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne fudhachuun hawaasni akka boqonnaa argatu taasisuu, sadarkaa hundaatti hoggansa jiru addaa baasuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun, hoggansaa dammaqaa uumuu, ayyaanota ummataa fi amantaa, gaaffilee sadarkaa bulchiinsaa fi sabummaa, diinni bu’aa kaayyoo isaa galma geessisuu akka hin taasifanneef qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu, Afaarii fi gosa Iisaa gidduu, sodaa nageenyaa naanoo Amaaraa fi Bulchiinsa Godina addaa Oromootti mul’atu itti fufiinsaan furuuf hojiilee siyaasaa fi nageenyaa sirrii hojjechuu, Al-shabaab, biyya keessaa fi alaa waliin qindoomuun yaaddoo nageenyaa akka hintaanetti qindoomina qaamolee nageenyaa fi hawaasaan akka barbaachisu” manni marichaa kallattii kaa’eera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.