Oduu: ABOn Ibsa Gamtaan Afrikaa walitti bu’iinsa Oromiyaa keessa jiru irratti laate qeeqe

Finfinnee, Hagayya 09/2022– Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa kaleessa baaseen Gamtaan Afrikaa walitti bu’iinsa Oromiyaa keessa jiru, saba irratti kan xiyyeeffate qofa godhee ibsuu isaa qeeqe. Addi Bilisummaa Oromoo kan eere tibbana “Yaadannoo gabaabaa” bakka bu’aan Ol’aanaa Gaanfa Afrikaa Olusegun Obasanjo marii nageenyaa Itoophiyaa irratti Mana Maree Nagaa Gamtaa Afrikaa (AU-PSC)f ibsa kennanii.

Paartichi “Qaamni walabaa tokko, Jaarmayaan Gamtaa Afrikaa qaama kamiifuu akka hin loogne, dhugaaf akka dhaabbatuu fi xiinxala waliigalaa qaamolee walitti bu’iinsa kana uumanii fi hirmaattota walitti bu’iinsaa ta’an irratti hundaa’ee yaada kenna jedhee eega”jedhe.

“Walitti bu’iinsa Tigraay keessatti uumameen alattis, lixatti walitti bu’insi sabaa fi sablammootaa kutaalee Oromiyaa fi naannolee Beenishaangul Gumuz dabalatee hariiroo hawaasa gidduu jiru irratti miidhaa guddaa geessisaa jiruun mudachuu itti fufeera. Waldhabdeen sabaa kun waggoota kurnan hedduu dura kan ture yoo ta’u, waggoota sadan darban keessatti garuu haalaan dabaleera” kan jedhu gabaasni Gamtaa Afrikaa ABOn deebii akka laatuu kakaseera.

“Ummatootni eenyummaa garagaraa qaban hedduun walumaagala Oromiyaa keessatti, fi addatti Lixa Oromiyaa keessatti, ummata Oromoo waliin karaa nagaa-qabeessa jiraachaa jiru. Yeroo dheeraa dura irraa eegalee simannaan nagaa, michoominnii fi eegumsi gareelee Oromoo hin taaneef taasifamu qaama aadaa ummata Oromoo isa beekamaa dha. Dhalattootni garee Amaaraa waggoota 30n dabraniif naannoo Oromiyaa keessa, irra caalaas bakkoota Gamtaa Afrikaatin eerame keessa jiraachaa jiru. Yeroo kana keessatti, badiin isaanirra gahes ta’e komiin isaan kaasan hin jiru. Sababni isaas rakkoon homaatuu waan isaanirra hin gahiiniifi ” kan eere ABOn gabaasni Gamtaa Afrikaa dhugaa kana kan haaledha jedhe.

Lolli waraanaa jalqaba bara 1980’ta irraa eegalee humnoota bilisummaaf lolaniin gaggeeffamaa turuu kan eere ABOn “Paartiin Bilxiginnaa wayta walitti bu’iinsi uumamu, furmaata siyaasaa kennuurraa baqachuuf akkasumas gaaffii siyaasaa falmattoota haqaa kan bilisummaa simachuu diduuf jecha, walitti bu’iinsa sana walitti bu’iinsa “Sabaa” fakkeessuuf yaalaa jira” jedhe.

Itti fufuunis “Gamtaan Afrikaa ejjennoo fi yaada dogoggorsaa Paartii Biyya aangoo bulchuu Itiyoophiyaa harkaa qabu kana tumsee wayta arginutti gadda guddaatu nutti dhaga’ama. Kunis Jaarmiyaan Ardii Afrikaa bakka bu’e kun loogummaa hin malle mul’isaa jiraachuu isaatiif shakkii ol’aanaa uuma.”

“Haleellaa Gambeellatti tahe hordofee, namootni 100 ol ta’an, baay’inaan garee Saba Amaaraa irraa ta’an Naannoo Oromiyaa (Itiyoophiyaa) keessatti ajjeefamuu isaanii Gamtaan Afrikaa wayta ibsu arguun nama qaanessa” kan jedhe ABOn “ajjeechaa namoota nagaa ni balaaleffanna; waliin jireenya nagaa fi kabajamuu mirga lammiilee nagaa ni jajjabeessina.”

Dabaluunis,”Oromoota meesha of harkaa hin qabne dhibbootaan lakkaawaman Oromiyaa keessatti loltoota mootummaa fi milishoota hidhatanii daangaa cehanii dhufaniin ajjeefaman, kan gareeleen mirgoota namoomaaf falman irra deddeebiin gabaasaa turan, Gamtaan Afrikaas gabaasutu isarra ture” jedhe.

“Finciltootni hidhatan kaampii loltoota mootummaa irratti haleellaa erga gaggeessanii booda, ajjeechaan Magaalaa Gaambellaa keessatti gaggeeffame finciltoota deeggartu sababa jedhuun jiraattota ilmaan Oromoo nagaa Gaambellaa irratti kan xiyyeeffate ture. Loltootni mootummaa hidhannoo guutuun bobba’an mana manarra deemanii Oromoota irratti haleellaa sanyummaa raawwataniiru; gochi hammeenyaa kunis ragaa viidiyoon mirkanaa’eera. Akka fakkeenyaatti dargaggeessi Oromoo harki isaa dudduubatti hidhamee miseensota Poolisii Naannoo Gaambellaatiin irra deddeebiin itti dhukaafamee ajjeefame kanaaf ragaa fi mirkaneessa gahaa dha” jedhe ibsichi.

Ibsi loogiin guutame Gamtaan Afrikaa kenne kun, shororkeessummaa mootummaa kan deeggaruu fi raggaasise ta’uu isaatti gadda itti dhagahame kan ibse ABOn. ” Gamtaan Afrikaa haqa kanneen qajeelchee, gocha loogummaa isaa kanarraa akka of sirreessu jabeessinee dhaamna. Kanaanis, Gamtaan Afrikaa yoo xiqqaate, rakkoo impaayerittii durumaa wal xaxaa ta’e ittuu caalaatti hammeessuu irraa akka of qusatu ni dhaammanna” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.