Mootummaan naannoo Oromiyaa ‘Finxaaleeyyiin Amaaraa’ Miidhaa geessisaa jiru jedhe

Finfinnee, Hogganaan waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Haayiluu Addunyaa, Ebla 11, 2022, akkaataa nageenya waarawaa fiduun danda’amuu fi dhimma sochii finxaaleeyyii irratti miidiyaaleef ibsa kenneera. Finxaaleeyyiin Amaaraa karaa adda addaan miidhaa geessisaa jiraachu dubbate. 

“Finxaaleeyyiin kun Kiiramuu irratti rakkoo uumaniiru, uummata buqqisaniiru, Horroo Guduruu iraatti rakkoo uumaniiru, qabeenya saamaniiru. Bifuma walfakkaataan kan Fantaalleetti uumamees kanuma.”

Gochoota diigumsaa finxaaleeyyiin hojjetanii fi ajandaa isaan bocan fashaleessuuf mootummaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa qindoominaan hojjechaa jiraachu ibse. “Finxaaleeyyiin Amaaraa rakkoo Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaallee bakka Qorkee jedhamutti rakkoo raawwatan furudhaaf mootummaan naannoo Oromiyaa fi Amaaraa koree waloo hundeessanii socho’aa jiru. Koreen waloo kun rakkoo uumame fi qaamolee rakkoo kana qaqqabsiisan irratti tarkaanfii seera qabeessa akka fudhatamu hojii hojjechaa jira.” jedhe.

“Finxaaleeyyiin eessaayyuu haa maddan eessaa, farra uummataa farra tokkummaa biyyaaleessaa ta’uu hawaasni Oromoo fi Amaaraa hubate irratti qabsaa’uun murteessaa akka ta’eefi duudhaa waliin jireenya hawaasas akka balleessu, uumataafi biyyas gara diigumsaatti kan oofu ta’u hubatame irratti qabsa’amu akka qabu kallattiin kaa’ame irratti hojjetamaa jira.”

“Finxaaleeyyiin kan amantiis haa ta’u kan sabaa, rakkoo tokkummaa biyyattiiti jedheti kan ifatti kaa’ee. Ifatti farrajame kan irratti qabsoofnu tokko finxaaleessummaadha. Finxaaleessummaan kun kan sabaas kan amantiis hin dabalataa waan ta’eef, kun ammoo bu’uurarraan yaaddoo tokkummaa biyya kanaati waan ta’eef irratti qabsaa’amu qaba.”

Marii uummataa booda hojii “olaantummaa seeraa kabachiisuu” naannoo Oromiyaa keessatti jalqabameen milkaa’ina gaarii argamu kan himuun nageenya waaraa buusuuf qindoominaan hojjechuun ammas murteessaa ta’uu hubachiiseera. 

“Wallagga Bahaa keessatti, Qeellam Wallagga keessatti, Horroo Guduruu keessatti, bakka heddutti humni dha’amee, uummannis boqonnaa argatee bifuma kanaan itti fufu qaba yaadni jedhu uummatarraa argameera.”

“Shanee irratti kan qabsoofnuuf finxaaleeyyiin shanee caalan akka maddan miti. Kanaafuu shanee irratti ni qabsoofna, ni barbadeessina, finxaaleeyyii Amaaraa rakkoo uuman irrattis bifuma kanaan qabsoofna.” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.