Namootni Karaa Seeraan Alaa Biyyaa Bahuuf Imalan 90 0l too’annoo Jala oolan

Finfinnee, Waajjirri kominikeeshinii aanaa Baatee torbee darbee keessa namoota karaa seeraan alaa biyyaa bahuuf imalan sagaltamii jaha too’annoo jala ooluu beeksise. Baateen naannoo Afar waliin waan wal daangessuuf imala seeraan alaa karaa Afar-Jibuutii gara baha giddu galeessatti godhamuuf karaa taate jirti.

Kun kan muudate, mootummaan Itoophiyaa lammilee Itoophiyaa hidhaa Saawudii keessa turan gara biyyaatti deebisuu erga eegalee booda. Lammileen Itoophiyaa kuma dhibbaa ol ta’an tarkaanfii mootummaan Saawudi godaantota seeraan alaa irratti fudhate, kan lammilee Itoophiyaa irratti xiyyeeffatee fi jiraattoota karaa seera deemanis hin hambisiniin qabamanii hidhaa keessa jiru.

Qorannoon walloo keessatti gaggeeffame akka ibsutti naannoon kun imala seeraan alaa gara baha giddu galeessatti taasifamuuf buu’ura ta’ee jira. Duraan godaantotni seeraan alaa Finfinnee dhaquun imala seeraan alaa eegalu turan, amma garuu badiyyaadhumaa imaluun baramaa dhufee jira.

Karaa seeraan alaa otoo bahanii namoonni 22 to’annoo seeraa jala oolfamuuniiru. Hojii hordoffii qindaawaa tahe miseensonni poolisii raawwataniin, karaa seeraan alaatiin biyyaa bahaa kan turan namoonni 22 aanaa Baatee bakka Inkisee jedhamtutti to’annoo jala ooluu isaanii waajjirri kominikeeshinii aanaa Baatee beeksise.

Konkolaataan namoota seeraan alaa 22, dhiira 10 fi dhalaa 12 fe’ee imala isaa gara Naannoo Affaaritti taasisaa ture too’atamuu diduudhaan konkolaatee miliqee jalaa bahuuf yaalii godhus, hordoffii cimaa poolisoonni taasisaniin i to’annoo jala oolaniiru. Namoonni kunneen Kibba Walloo, Shawaa Roobitii fi Boorana irraa kan walitti sassaabbaman tahuu kutaan miidiyaa waajjira poolisii aanaa Baatee ibseera.

Gama biraan, Gaafa Sanbataa 01/08/2014 obboroo sa’aa 11:00tti konkolaataa FSR jeshamuun otoo biyyaa bahanii dhiira 54fi dhalaa 20 walumaagalatti namoonni 74 Raayyaa Ittisa Biyyaatiin to’annoo jala oolchuun dandahameera.

Yaaliin Addis Standard waajjira kominikeeshinii aanaa Baatee fi waajjira poolisii aanaa Baatee qunnamuuf taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.