Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee, Barattootni musliimaa mooraa mana barumsaa ala akka salaatan Biiroon Barnoota Finfinnee jechaan akka mirkaneesseef hime

Finfinnee – Waajjira Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee, marii bilbilaa Hogganaa Itti aanaa Biiroo Barnoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin taasiseen, Biiroon Barnoota magaalichaa barattootni musliimaa manneen barnoota Finfinnee keessatti baratan yeroo salaatatti mooraa mana barumsaa ala akka salaatan murteessu hime.

Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee marichi akka itti fufuu ibsuun, murtichi biiroo barnoota irraa xalayaa idilee barreeffamee manneen barnoota magaalittii keessa jiraniif ergamuu mirkaneessuuf akka hojjetu beeksiseera.

Mariidhaan furmaata waarawaa hanga argamutti qaamoleen hundu akka tasgabbaa’an hubachiiseera, manni marichaa.

Barattootni Musliimaa manneen barnoota magaalaa Finfinnee keessatti baratan baatii Ramadaana keessa mooraa mana barumsaa keessaa fi alatti akka hin salaatne dhorkamuun isaanii dallansuu uumeen Ebla 8, salaata juma’aa booda hordoftootni amantaa Islaama fi barattootni magaalaa Finfinnee Masgiidota garagaraatti hiriira nagaa taasisanii turan. Hiriira kana irratti musliimotni kumaatamaan lakkaawwaman barreeffamoota dhaadannoolee “harka keessan barattoota keenya irraa kaasaa”, fi “dhimma salaataan araarama hin qabnu” kan jedhan qabatanii bahan.  

Hiriirri kun kan gaggeeffame hoggantootni Biiroo Barnoota magaala Finfinnee fi itti gaafatamtootni manneen barnoota sadarkaa lammaffaa marii gaggeessaniin manneen barnoota tokko tokko keessatti gochoota maqaa amantaan raawwataman akka mul’atanii fi kunis seera ittiin bulmaata manneen barnoota waliin kan faalleessu ta’uu biirichi erga ibse boodadha. Biirichi itti dabaluun, barattootni muraasa mooraa mana barumsaa keessatti gocha amantaa waliin walqabatu raawwachuuf yaalii gochaa akka jiraniifi ajandaan siyaasaas gara manneen barnoota keessa akka seenu gochuun barattoota haala hin barbaachifne keessa akka galan taasifamaa jiraachu ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.